Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Qolosaayis 3:23—“Wanta Hojjettan Hunda . . . Lubbuu Guutuudhaan Hojjedhaa”

Qolosaayis 3:23—“Wanta Hojjettan Hunda . . . Lubbuu Guutuudhaan Hojjedhaa”

 “Wanta hojjettan hunda, akka namootaaf hojjettanitti utuu hin taʼin, akka Yihowaadhaaf hojjettanitti lubbuu guutuudhaan hojjedhaa.”—Qolosaayis 3:23, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin taʼin akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!”—Qolosaayis 3:23, hiika bara 1997.

Hiika Qolosaayis 3:23

 Ilaalchi Kiristiyaanni tokko hojii isaatiif qabu waaqeffannaa inni Yihowaaf qabu waan tuquuf Kiristiyaanni tokko lubbuu guutuudhaan hojjechuu qaba.

 “Wanta hojjettan hunda.” Warri Yihowaa waaqeffachuu barbaadan wanta godhan hundumaan gorsa Kitaaba Qulqulluu hordofuuf yaaluu qabu. Sochiiwwan guyyaa guyyaan mana keessatti, bakka hojiitti akkasumas mana barumsaatti godhan irratti lubbuu guutuudhaan hojjechuu fi amanamoo taʼuu qabu.—Fakkeenya 11:13; Roomaa 12:11; Ibroota 13:18.

 “Lubbuu guutuudhaan hojjedhaa.” Jechi “lubbuu guutuudhaan hojjedhaa” jedhu yaada afaan Giriikii “waadaa namni tokko fedhii Waaqayyoo humna isaa guutuun raawwachuuf gale argisiisu” irraa kan hiikamedha. a

 Kanaafuu, hojjetaan akkasii wanta tokko yeroo hojjetu qaamaa fi sammuu isaa guutuun raawwata. Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu kaan, “lubbuu guutuudhaan” (Hiika Addunyaa Haaraa) ykn “garaa guutuudhaan” (hiika bara 1997) jechuudhaan itti hojjetaniiru.— Qolosaayis 3:23.

 “Akka Yihowaadhaaf hojjettanitti.” Kiristiyaanonni hojii akkamii hojjetanillee hariiroo isaan Yihowaa wajjin qaban akka tuqu waan beekaniif xiyyeeffannaadhaan hojjetu. Hunda caalaa nama qacaree isaan hojjechiisu ykn nama kan biraa utuu hin taʼin Yihowaa gammachiisuuf hojjetu. Kiristiyaanni tokko lubbuu guutuudhaan yeroo hojjetuu fi ilaalcha gaarii yeroo argisiisu isa qofa utuu hin taʼin waaʼee Waaqayyoos waan mulʼisu qaba. Haala kanaan Kiristiyaanni tokko hojii isaatiin “maqaan Waaqayyoo . . . matumaa akka hin arrabsamne” godha.—1 Ximotewos 6:1; Qolosaayis 3:22.

Yaada naannoo Qolosaayis 3:23​tti argamu

 Kitaaba Qolosaayis kan barreesse Phaawulos ergamaa yeroo taʼu, Kiristiyaanota magaalaa Qolosaayis durii keessa turaniif barreesse. b Roomaa keessatti yeroo jalqabaatiif hidhamee hiikamuu jala yeroo gaʼetti jechuunis Dh.K.B naannoo bara 60-61​tti waan barreesse fakkaata.

 Kitaabni Qolosaayis gorsa Kiristiyaanota akkaataa guddinaa fi haala garagaraa qaban hundi tokkummaadhaan Waaqayyoon waaqeffachuuf gargaaru qabateera. (Qolosaayis 3:11) Amalawwan Waaqayyoo kanneen akka jaalala, gaarummaa fi araara buusuu akka calaqqisan jajjabeessa. (Qolosaayis 3:12-14) Waaqeffannaan Waaqayyoo kutaawwan jireenyaa nama tokkoo hunda akkamitti tuquu akka qabus ni ibsa.—Qolosaayis 3:18–4:1.

 Waaʼee kitaaba Qolosaayis gabaabumatti hubachuudhaaf, viidiyoo gabaabaa kana ilaali.

a Exegetical Dictionary of the New Testament, 1993, Jildii 3, fuula 502 irraa kan fudhatame.

b Magaalaan kun Turkii yeroo harʼaa keessatti argamti turte.