Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Roomaa 5:8—‘Utuma Cubbamoota Taanee Jirruu Kiristoos Nuuf Jedhee Duʼe’

Roomaa 5:8—‘Utuma Cubbamoota Taanee Jirruu Kiristoos Nuuf Jedhee Duʼe’

 “Waaqayyo utuma nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf jedhee akka duʼu gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.”—Roomaa 5:8, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.”—Roomaa 5:8, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997.

Hiika Roomaa 5:8

 Yihowaan a Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin ergee cubbuu ilmaan namootaatiif akka duʼu gochuudhaan jaalala guddaa nuuf qabu argisiiseera. (Yohaannis 3:16) Ilmaan namootaa cubbamoota waan taaneef karaa ulaagaawwan Waaqayyootiin faallaa taʼeen yaaduuf qoramna. (Qolosaayis 1:21, 22) Haa taʼu malee, Waaqayyo “karaa duʼa Ilma isaa” akka isatti araaramnu godheera. (Roomaa 5:10) Kanaan kan kaʼes yeroo ammaa Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii, gara fuulduraatti immoo abdii bara baraaf jiraachuu arganneerra.—Roomaa 5:11; 1 Yohaannis 4:9, 10.

Yaada naannoo Roomaa 5:8⁠tti argamu

 Phaawulos ergamaan jechoota kana kan barreesse Kiristiyaanota Roomaa jiraniif. Phaawulos xalayaa isaa boqonnaa 5 warra Roomaatiif barreesse kana irratti Kiristiyaanonni gammaduu fi abdii isaaniitti amanamuu kan qaban maaliif akka taʼe ibseera. (Roomaa 5:1, 2) Abdiin kun jaalala guddaa Waaqayyo karaa Yesuus argisiise irratti waan hundaaʼeef kan ‘nama qaanessu’ miti. (Roomaa 5:5, 6) Yesuus guutummaatti Waaqayyoof ajajameera; nama jalqabaa kan taʼe Addaam garuu hin ajajamne. (Roomaa 5:19) Addaam hin ajajamin hafuun ilmaan isaatti cubbuu fi duʼa fideera. (Roomaa 5:12) Yesuus guutummaatti ajajamuun isaa fi aarsaa taʼee duʼuun isaa garuu, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan jireenya bara baraa akka argatan godheera.—Roomaa 5:21.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.—Faarfannaa 83:18.