Waaqayyo Yaada Isaa ni Jijjiiraa?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Eeyyee, yommuu namoonni amala isaanii jijjiiran innis ilaalcha isaa ni jijjiira. Fakkeenyaaf, Waaqayyo saba Israaʼel duriitiif ergaa murtii yommuu ergetti akkana jedhee ture: “Isaan dubbicha dhagaʼanii karaa isaanii isa hamaa irraa yoo deebiʼan, ani immoo hojii isaanii isa hamaadhaaf jedhee isan isaan adabuuf yaade nan dhiisa.”—Ermiyaas 26:3.
Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun caqasa kana Waaqayyo badiisa fiduuf yaade irraa akka “yaada geddarate” karaa argisiisuun hiikaniiru. Kun immoo Waaqayyo akka dogoggoretti hubatamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, jechi Afaan Ibrootaa inni jalqabaa “yaada ykn kaayyoo jijjiiruu” jechuu taʼuu dandaʼa. Hayyuun tokko akkana jedhee barreesseera: “Namoonni amala isaanii jijjiiruun isaanii murtii Waaqayyo fidu irratti jijjiirama fida.”
Dhugaadha, Waaqayyo yaada isaa jijjiiruu dandaʼa jechuun dirqama jijjiiruu qaba jechuu miti. Haalawwan Waaqayyo yaada isaa itti hin jijjiirree fi Kitaabni Qulqulluun dubbatu tokko tokko ilaali:
Waaqayyo, Balaaq yaada isaa akka isa jijjiirsisuu fi saba Israaʼel akka abaaru hin heyyamne.—Lakkoobsa 23:18-20.
Yeroo tokko mootii Israaʼel kan ture Saaʼol wanta hamaa gochuu isaa yeroo itti fufetti Waaqayyo yaada Saaʼol mootii taʼee akka itti hin fufne gochuuf yaade hin jijjiirre.—1 Saamuʼel 15:28, 29.
Waaqayyo waadaa Ilmi isaa bara baraaf luba akka taʼu gochuuf gale ni raawwata. Waaqayyo yaada isaa kana hin jijjiiru.—Faarfannaa 110:4.
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo matumaa akka hin jijjiiramne ni dubbata mitii?
Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “Ani Waaqayyo waanan taʼeef, hin geddaramu” akka jedhe dubbata. (Miilkiyaas 3:6) Akkasumas, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo ‘akka gaaddidduu iddoo isaa jijjiiruutti akka hin gegeddaramne’ dubbata. (Yaaqoob 1:17) Haa taʼu malee, kun wanta Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo yaada isaa akka jijjiiru dubbatu wajjin wal hin faallessu. Waaqayyo eenyummaan isaa hin jijjiiramu, akkasumas ulaagaawwan inni jaalalaa fi haqa ilaalchisee baase matumaa hin jijjiiraman. (Keessa Deebii 32:4; 1 Yohaannis 4:8) Ammas namootaaf qajeelfama adda addaa yeroo garaa garaatti kennuu ni dandaʼa. Fakkeenyaaf, Waaqayyo lola walitti aansee geggeeffame lama irratti Daawit Mootichaaf qajeelfama wal faallessu kan kenneef siʼa taʼu, malli lamaan iyyuu injifannoo argamsiisee ture.—2 Saamuʼel 5:18-25.
Waaqayyo namoota uumuu isaatti ni gaddaa?
Lakki, namoonni baayʼeen waan isa dhiisaniif ykn isa mormaniif kan gaabbe taʼus, nama uumuu isaatti hin gaddu. Kitaabni Qulqulluun haala Bishaan Badiisaa bara Nohitti ture ilaalchisee akkana jedha: “Yihowaanis lafa irratti nama tolchuu isaatti ni gaabbe; garaan isaas ni gadde” jedha. (Uumama 6:6, NW) Caqasa kana irratti jechi “gaabbe” jedhu jecha Afaan Ibrootaa hiika “yaada jijjiiruu” jedhu qabaachuu dandaʼu irraa dhufe. Waaqayyo namoonni Bishaan Badiisaa dura jiraatan hedduun hamoo waan turaniif yaada isaa jijjiireera. (Uumama 6:5, 11) Daandii gadhee irra deddeebiʼuuf filachuu isaaniitti kan gadde taʼus, ilaalcha ilmaan namootaatiif qabu garuu hin jijjiirre. Kanaa mannaa ilmaan namootaa akka hin badne Nohii fi maatii isaa Bishaan Badiisaa irraa oolcheera.—Uumama 8:21; 2 Pheexiros 2:5, 9.