Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bara 1914 Ilaalchisee Lakkoofsi Baraa Kitaaba Qulqulluu Maal Ibsa?

Bara 1914 Ilaalchisee Lakkoofsi Baraa Kitaaba Qulqulluu Maal Ibsa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Lakkoofsi baraa Kitaaba Qulqulluu Mootummaan Waaqayyoo bara 1914⁠tti samii keessatti akka hundeeffame argisiisa. Kunis, raajii Kitaaba Qulqulluu kitaaba Daaniʼel boqonnaa 4 irratti galmeeffame irratti ibsameera.

 Ibsa gabaabaa waaʼee raajii kanaa. Waaqayyo Nebukadnezaar Mootiin Baabilon muka guddaa murame tokko ilaalchisee abjuu waaʼee gara fuulduraa ibsu akka argu godheera. Mukti kun gufuun isaa hanga ‘barri torba’ darbutti deebiʼee akka hin guddanne kan dhowwame yommuu taʼu, sana booda mukichi deebiʼee guddata.—Daaniʼel 4:1, 10-16.

 Raawwii raajii kanaa isa jalqabaa. Mukti guddaan sun Nebukadnezaar Mooticha argisiisa. (Daaniʼel 4:20-22) Yommuu yeroo muraasaaf sammuun isaa tuqamee fi waggaa torbaaf mootummaa isaa dhabetti, akka fakkeenyaatti ‘muramee’ ture. (Daaniʼel 4:25) Yommuu Waaqayyo fayyummaa sammuu isaa isaaf deebisetti Nebukadnezaar deebiʼee mootii kan taʼe yeroo taʼu, bulchiinsa Waaqayyoos amanee fudhateera.—Daaniʼel 4:34-36.

 Ragaa raajiin kun raawwii guddaa akka qabu argisiisu. Kaayyoon raajii kanaa inni guddaan ‘inni hundumaa gararraa jiru mootummaa namootaa irratti akka moʼu, abbaa ofii isaatii jaallateefis akka isa kennu, namoota hundumaa keessaa isa gad deebiʼaas isa irra akka inni kaaʼu, warri jiraatan hundinuu akka beekan’ gochuu dha. (Daaniʼel 4:17) Waaqayyo dhuma irratti bulchiinsa akkasii kennuu kan barbaade Nebukadnezaar isa kooru sanaaf turee? Lakki. Sababiin isaas, Waaqayyo abjuu duraan itti argisiise irratti innis taʼe bulchaan kam iyyuu gaʼee kana raawwachuu akka hin dandeenye itti himeera. Kanaa mannaa, Waaqayyo ofuma isaatii, ‘mootummaa deebiʼee matumaa hin badne dhaaba.’—Daaniʼel 2:31-44.

 Sana dura, Waaqayyo mootummaa bulchiinsa isaa isa lafa irraa bakka buʼu, jechuunis saba Israaʼel durii hundeessee ture. Haa taʼu malee, bulchitoonni mootummaa sanaa amanamoo utuu hin taʼin waan hafaniif, Waaqayyo mootummaan sun akka ‘diigamu’ heyyameera; taʼus, mootummicha isa ‘mirga seeraa qabu sanaaf’ akka kennu raajii dubbateera. (Hisqiʼel 21:25-27, NW) Kitaabni Qulqulluun Yesuus Kiristoos mootummaa bara baraa kana fudhachuuf mirga seeraa akka qabu ibsa. (Luqaas 1:30-33) Nebukadnezaar irraa haala adda taʼeen, Yesuus akkuma raajiidhaan dubbatame ‘kan gad of qabu’ dha.—Maatewos 11:29.

 Mukti kitaaba Daaniʼel boqonnaa 4 irratti ibsame maal argisiisa? Kitaaba qulqulluu keessatti mukeetiin yeroo tokko tokko bulchiinsa argisiisu. (Hisqiʼel 17:22-24; 31:2-5) Raawwii Daaniʼel boqonnaa 4 isa guddaa irratti, mukti inni guddaan bulchiinsa Waaqayyoo argisiisa.

 Mukichi muramuun isaa maal argisiisa? Mukichi muramuun isaa bulchiinsi Nebukadnezaar addaan cituu isaa akkuma argisiise, akkasuma bulchiinsi Waaqayyoo inni lafa irraa addaan cituu isaa argisiisa. Kun kan taʼe, yeroo Nebukadnezaar Yerusaalem ishii bakka mootonni Israaʼel Waaqayyoon bakka buʼuudhaan ‘teessoo Waaqayyoo’ irra taaʼan taate sana balleessetti dha.—1 Seenaa 29:23.

 ‘Baroonni torba’ maal argisiisu? ‘Baroonni torba’ yeroo Waaqayyo mootummaan inni hundeesse kam iyyuu utuu gidduu isaanii hin seenin saboonni lafa irratti akka bulchaniif isaaniif heyyame argisiisu. ‘Baroonni torba’ kan jalqaban jiʼa Onkoloolessaa DH.K.D. bara 607 yeroo akka lakkoofsa baraa Kitaaba Qulqulluutti Yerusaalem warra Baabiloniin balleeffamtetti dha. a2 Mootota 25:1, 8-10.

 ‘Baroonni torba’ hammam dheeratu? Nebukadnezaar wajjin haala wal qabateen akkuma taʼe waggaa torba qofa kan argisiisan miti. Yesuus yeroo “hanga barri sabootaaf murteeffame sun raawwatamuttis Yerusaalem [mallattoon bulchiinsa Waaqayyoo] sabootaan ni dhidhiitamti” jechuudhaan dubbatetti deebii isaa ifa godheera. (Luqaas 21:24) “Barri sabootaaf murteeffame” jechuunis barri Waaqayyo bulchiinsi isaa ‘sabootaan akka dhidhiitamuuf’ heyyame ‘bara torba’ isa kitaaba Daaniʼel boqonnaa 4 irratti ibsame wajjin tokko dha. Kana jechuun, ‘baroonni torban’ sun yeroo Yesuus lafa irra turettis itti fufeera jechuu dha.

 Kitaabni Qulqulluun raajiin waaʼee ‘bara torbaa’ ibsu kun hammam akka dheeratu karaa itti beekuu dandeenyu ibsa. ‘Barri’ sadii fi walakkaan guyyoota 1,260 wajjin walqixa akka taʼe dubbata; kanaafuu, ‘barri torba’ dachaa lakkoofsa kanaa ykn guyyoota 2,520 wajjin walqixa jechuu dha. (Mulʼata 12:6, 14) Seera “guyyaan tokko akka waggaa tokkootti” jedhuu fi raajiidhaan dubbatametti fayyadamnee yommuu lakkoofnu guyyoonni 2,520 waggoota 2,520 taʼu. Kanaafuu, ‘baroonni torban’ ykn waggoonni 2,520 kan xumuraman jiʼa Onkoloolessaa bara 1914⁠tti dha.—Lakkoobsa 14:34; Hisqiʼel 4:6.

a DH.K.D. bara 607 maaliif akka itti fayyadamne odeeffannoo dabalataa argachuuf, maxxansa Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 1, 2011, fuula 26-31 (Amaariffa) irraa mata duree, “Yerusaalem Durii kan Balleeffamte Yoomi?—Kutaa Tokkoffaa,” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 1, 2011, fuula 22-28 (Amaariffa) irraa mata duree “Yerusaalem Durii kan Balleeffamte Yoomi?—Kutaa Lammaffaa” jedhu ilaali.