Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Daaniʼel Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Daaniʼel Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Daaniʼel raajii Yihudootaa kabajamaa Dh.K.D. jaarraa saddeetii fi jaʼaa gidduutti jiraachaa ture dha. Waaqayyo dandeettii abjuu hiikuu isaaf kenneera, taʼeewwan gara fulduraatti raawwataman ilaalchisee mulʼata isatti argisiiseera, akkasumas kitaaba Kitaaba Qulqulluu maqaa isaatiin waamamu geggeessaa hafuuraatiin akka barreessu godheera.—Daaniʼel 1:17; 2:19.

Daaniʼel enyu ture?

 Daaniʼel kan guddate bulchiinsa Yihudaa, ishii magaalaa Yerusaalemii fi mana qulqullummaa of keessatti qabatte keessatti dha. Dhaloota Kiristoos dura bara 617​tti mootii Baabilon kan ture Nebukadnezaar Yerusaalemiin qabatee, “namoota guguddaa biyyattii” boojuudhaan gara Baabilonitti geesse. (2 Mootota 24:15; Daaniʼel 1:1) Daaniʼel inni tarii yeroo sanatti umurii waggoota kurnanii keessa tures boojuudhaan fudhatamee ture.

 Daaniʼelii fi (Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo dabalatee) dargaggoonni kan biroon tajaajila mana mootummaatiif leenjii addaa argachuuf gara mana mootummaa Baabilonnitti geeffaman. Abbootiin taayitaa dargaggoonni kun wanta dogoggora ta‵uusaa beekan akka raawwatan dhiibbaa kan isaan irratti godhan taʼus, Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa sadan waaqa isaanii Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraataniiru. (Daaniʼel 1:3-8) Waggaa sadiif leenjii erga fudhatanii booda, Nebukadnezaar Mootichi ogummaa fi dandeettii isaaniitiin isaan dinqisiifachuudhaan, “guutummaa bulchiinsa isaa keessatti luboota falfala raawwatanii fi warra hooda dubbatan hundumaa irra harka kudhan akka caalan” dubbateera. Kanaafuu, Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa mana murtii mana mootummaa keessa akka tajaajilan isaan muude.—Daaniʼel 1:18-20.

 Waggoota hedduu booda, tarii Daaniʼel yeroo gara umurii waggaa 90 keessa turetti mana mootiitti waamame. Belshaazaar inni yeroo sanatti Baabiloniin bulchaa ture barreeffama iccitii taʼee fi girgiddaa irratti barreeffame akka isaaf hiiku gaafate. Daaniʼelis gargaarsa Waaqayyootiin Baabilon raayyaa waraana Meedoo Faaresiin akka injifatamtu dubbate. Akkuma inni jedhes, Baabilon gaafuma sana galgala toʼannaa jala oolte.—Daaniʼel 5:1, 13-31.

 Amma, bulchiinsa meedoonii fi Faares jalatti Daaniʼel abbaa taayitaa guddaa taʼee muudameera, Daariyos Mootichis aangoo dabalataa isaaf kenneera. (Daaniʼel 6:1-3) Abbootiin taayitaa isatti hinafan boolla leencaa keessatti akka darbatamu godhanii isa ajjeesuuf wanta ittiin isa himatan barbaaduu jalqaban; Yihowaan garuu isa oolcheera. (Daaniʼel 6:4-23) Daaniʼel dulloomee duʼuu jala yommuu gaʼee turetti, maleekaan tokko isatti mulʼatee siʼa lama “nama baayʼee jaallatamaa” akka taʼe isaaf mirkaneesseera.—Daaniʼel 10:11, 19.

 Taʼeewwan kana ilaaluuf, diraamaa Kitaaba Qulqulluu kutaa lama qabuu fi Daaniʼel Jireenya Isaa Guutuu Nama Amantii Ture jedhu akka daawwattu si jajjabeessina.