Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gocha Qaanessaa Sababa Saalaatiin Na Mudatu Irraa Akkamittan Of Eega?

Gocha Qaanessaa Sababa Saalaatiin Na Mudatu Irraa Akkamittan Of Eega?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Yaada ogummaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi hojii irra oolchuu dandeessu haa ilaallu:

  1.   Sirna qabaadhu. Namoota sii wajjin hojjetanitti amala gaarii fi kabaja argisiisi. Taʼus amala ilaalcha isaan saalqunnamtiidhaaf qaban akka deggertu argisiisu irraa fagaadhu.—Maatewos 10:16; Qolosaayis 4:6.

  2.   Uffata madaallii isaa eeggate uffadhu. Uffata fedhii saalqunnamtii kakaasu uffachuun ergaa dogoggoraa dabarsa. Kitaabni Qulqulluun ‘karaa kabaja fi hubannaa’ akka qabnu argisiisuun akka uffannu nu jajjabeessa.—1 Ximotewos 2:9.

  3.   Michoota kee ogummaadhaan filadhu. Namoota, kolomsuu ykn gaaffii saalqunnamtii callisanii ilaalan ykn fudhatan wajjin yeroo dabarsita taanaan haalli wal fakkaatu carraan itti si mudatu ni guddata.—Fakkeenya 13:20.

  4.   Haasaa fokkisaa irraa fagaadhu. Haasichi gara ‘oduu xuraaʼaa, dubbii gowwummaa yookiin qoosaa jibbisiisaatti’ yoo jijjiirame irratti hin hirmaatin.—Efesoon 5:4, hiika God’s Word Bible jedhamu.

  5.   Haala ejjennoo kee laaffisu irraa fagaadhu. Fakkeenyaaf sababii malee saʼaatii hojii alatti bakka hojii akka turtu gaaffii siif dhihaatu ilaalchisee of eeggadhu.—Efesoon 5:4.

  6.   Ejjennoo kee hin laaffisin, ifatti dubbadhus. Sababa saalaatiin gochi qaanessaan yoo si irra gaʼe, nama gocha kana raawwate amala isaa ykn ishii kana akka hin jaallanne ifatti itti himi. (1 Qorontos 14:9) Fakkeenyaaf akkas jechuu dandeessa: ‘Na tuttuqaa jirta, akkas gochuu kee baayʼeen jibba. Kana booda akkas akka hin goone.’ Wanta raawwatame, gochi sun miira akkamii akka sitti uumee fi wanta akka taʼu barbaaddu ibsuudhaan nama gocha kana raawwateef xalayaa barreessuu dandeessa. Ilaalchi kee kun ulaagaa naamusaa fi amantii kee irratti akka hundaaʼe ifa godhiif.—1 Tasalonqee 4:3-5.

  7.   Gargaarsa gaafadhu. Gochi qaanessaan sun yoo itti fufe michuu kee amantu tokkotti, miseensa maatii kee tokkotti ykn nama si wajjin hojjetutti ykn nama warra midhaan irra gaʼe gargaaruuf muuxannoo qabu tokkotti himi. (Fakkeenya 27:9) Namoonni gochi jibbisiisaan akkasii irra gaʼe hedduun kadhannaadhaan gargaarsa argataniiru. Kanaan dura kadhatte kan hin beekne taʼu illee gargaarsa Yihowaa isa “Waaqa jajjabina hundaa” taʼe irraa argattu xiqqeessitee hin ilaaliin.—2 Qorontos 1:3.

 Gochi qaanessaan sababa saalaatiin raawwatamu namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif naannoo hojiitti haala mijataa hin taane uumeera; taʼus Kitaabni Qulqulluun isaan gargaaruu ni dandaʼa.