Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Humna Eenyummaa Mataa Isaa hin Qabne Dhaa?

Waaqayyo Humna Eenyummaa Mataa Isaa hin Qabne Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyo uumama cufa keessatti humna isaa isa daangaa hin qabne itti fayyadama. Kitaabni Qulqulluun urjiilee biliyoonaan lakkaaʼaman akkamitti akka uume yeroo dubbatu akkana jedha: “Mee ol jedhaatii ija keessaniin ilaalaa! Urjoota kana hundumaa eenyutu uume? Macca isaanii lakkoobsaan eenyutu gad yaasa? [Waaqayyo] hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama, inni humna-qabeessaa fi aango-qabeessa waan taʼeef, isaan keessaa kan dhabamu tokko illee hin jiru.”—Isaayaas 40:25, 26.

 Taʼus Waaqayyo humna eenyummaa mataa isaa hin qabne akka taʼe goonee yaaduu hin qabnu. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo miira, jechuunis wanta jaallatuu fi wanta jibbu akka qabu ibsa. (Faarfannaa 11:5; Yohaannis 3:16) Kana malees, gochi ilmaan namootaa Waaqayyoon kan gammachiisu ykn kan gaddisiisu akkamitti akka taʼe ni ibsa.—Faarfannaa 78:40, 41.