Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mikaaʼel Hogganaan Maleekotaa Eenyu Dha?

Mikaaʼel Hogganaan Maleekotaa Eenyu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Mikaaʼel inni dhaabbilee amantii hedduun “Mikaaʼel Qulqullicha” jedhanii waaman, maqaa Yesuus gara lafaa dhufuu isaa duras taʼe booda ittiin waamamu akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. a Erga Museen duʼee booda Seexanaa wajjin wal falmee ture; maleekaan tokkos ergaa Waaqayyoo Daaniʼel raajichaan akka gaʼu gargaareera. (Daaniʼel 10:13, 21; Yihudaa 9) Mikaaʼel bulchiinsa Waaqayyoo deggeruu fi diinota Waaqayyoo wajjin wal loluudhaan, hiika maqaan isaa “Kan Akka Waaqayyoo Eenyu?” jedhu wajjin haala wal simuun jiraateera.—Daaniʼel 12:1; Mulʼata 12:7.

 Mikaaʼel Hogganaan Maleekotaa sababii itti Yesuusi dha jedhanii murteessuun sirrii itti taʼe haa ilaallu.

  •   Mikaaʼel ‘hogganaa maleekotaa’ ti. (Yihudaa 9) Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaan ‘hogganaa maleekotaa’ jedhu siʼa lama qofa argama. Bakkawwan lamaan sanatti, jechi isaa qeenxeedhaan waan ibsameef maqaa maleekaa tokkoo qofa akka taʼe argisiisa. Caqasoota kana keessaa isa tokko irratti, Gooftaa Yesuus inni duʼaa kaafame, ‘sagalee ajajaatiin, sagalee hogganaa maleekotaatiin samii irraa akka gad buʼu’ ibsameera. (1 Tasalonqee 4:16) Yesuus “sagalee hogganaa maleekotaa” kan qabaate inni mataan isaa Mikaaʼel hogganaa maleekotaa waan taʼeefi dha.

  •   Mikaaʼel ajajaa raayyaa maleekotaa ti. “Mikaaʼelii fi maleekonni isaa jawwee sana [Seexana] irratti waraana banan.” (Mulʼata 12:7) Mikaaʼel “ergamoota gurguddoota warra duraa keessaa [isa] tokko,” akkasumas ‘ergamaa isa guddicha’ jedhamee waamamuun isaa, addunyaa hafuuraa keessatti aangoo guddaa akka qabu argisiisa. (Daaniʼel 10:13, 21; 12:1) Hayyuu Kakuu Haaraa kan taʼan Deevid Oon akka jedhanitti, maqaawwan ulfinaa kun Mikaaʼel “hogganaa ajajaa raayyaa maleekotaa” akka taʼe argisiisu.

     Kitaabni Qulqulluun maqaa Mikaaʼel jedhu malees maqaa raayyaa maleekotaa irratti aangoo akka qabu caqasu kan biraanis jira. “Gooftaan keenya Yesuus . . . maleekota isaa humna guddaa qabanii wajjin samii irraa . . . kan mulʼatu ibidda bobaʼuun siʼa taʼu, yeroo sanatti . . . haaloo baʼa.” (2 Tasalonqee 1:7, 8; Maatewos 16:27) Yesuus “gara samii kan dhaqe siʼa taʼu, . . . maleekonni, aangoowwanii fi humnoonni akka isaaf bitaman godhamaniiru.” (1 Pheexiros 3:21, 22) Waaqayyo, Yesuusii fi Mikaaʼeliin maleekota isaa irratti bulchitoota wal morkatan godhee muuda jedhanii yaaduun waan hin fakkaanne dha. Kanaa mannaa, maqaawwan Yesuusii fi Mikaaʼel jedhan qaamuma tokko argisiisu jedhanii yaaduun sirrii dha.

  •   Mikaaʼel ‘yeroo rakkinaa’ sanaan dura taʼee hin beeknetti ni ‘dhaabata.’ (Daaniʼel 12:1) Kitaabni Daaniʼel jecha ni ‘dhaabata’ jedhu yeroo baayʼee kan itti fayyadamu, mootiin tokko tarkaanfii adda taʼe fudhachuuf akka kaʼu argisiisuufi dha. (Daaniʼel 11:2-4, 21) Yesuus Kiristoos inni “Dubbii Waaqayyoo” jedhamee waamamu, “Mootii moototaa” taʼuudhaan diinota Waaqayyoo hunda balleessuu fi saba Waaqayyoo eeguuf tarkaanfii ni fudhata. (Mulʼata 19:11-16) Kana kan godhu, yeroo “rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga harʼaatti taʼee hin beekne” dhufutti dha.—Maatewos 24:21, 42.

a Kitaaba Qulqulluu keessatti namoonni maqaa tokkoo oliin waamaman kan biroonis jiru; isaanis Yaaqoob (Israaʼel jedhamees ni waamama), Pheexiros (Simoon jedhamees ni waamama), akkasumas Taadewos (Yihudaa jedhamees ni waamama) dha.—Uumama 49:1, 2; Maatewos 10:2, 3; Maarqos 3:18; Hojii Ergamootaa 1:13.