Dhimma ijoo ta'etti seeni

Rakkina Qarshii fi Liqii—Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu ni Dandaʼaa?

Rakkina Qarshii fi Liqii—Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu ni Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee. Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii afur rakkina qarshii fi liqii si mudate irratti si gargaaruu dandaʼu:

  1.   Karooraan baasii godhi. “Yaadni [“karoorri,” NW] warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba, wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha.” (Fakkeenya 21:5) Wanta tokko qarshii gad aanaadhaan waan argatteef qofa bituuf hin jarjarin. Karoora ykn bajata baafadhu, karoora baastes sirriitti hordofi.

  2.   Liqii hin barbaachisne keessa hin galin. “Inni [liqeeffatu] abbaa liqiitiif hojjetaa dha.” (Fakkeenya 22:7) Liqiin yoo si irra jiraatee fi kaffaluun yoo sitti ulfaate, namoota sii liqeessanii wajjin walii galtee haaraa liqii kee kaffaluu itti dandeessu irratti mariʼachuuf carraaqqii godhi. Abdii hin kutatin. Gorsa Kitaabni Qulqulluun utuu sirriitti irratti hin yaadin nama liqeeffatu tokkoof wabii taʼee fi booda itti gaafatame ilaalchisee kennu hojii irra oolchuu dandeessa: “Ati harka fira kee keessa yommuu buutu, gara fira kee sanaa dhaqiitii gad of deebisii, akka si irraa buusuuf isa kadhadhu. . . . Utuu kana hin godhin hin rafin, baallee ija keetiis wal irra hin buusin!” (Fakkeenya 6:1-5) Yaaliin jalqaba irratti gootu yoo siif milkaaʼuu baate, sirreeffamni akka siif godhamu gaafachuu kee itti fufi.

  3.   Qarshiidhaaf ilaalcha sirrii qabaadhu. “Hin sassatin, sooromuufis hin hawwin, dhumni kee isa yaadde caalaa ni haammaata.” (Fakkeenya 28:22, Kontemporaarii Ingilish Varshin) Goomachuu fi sassatuun gama qarshiitiin kasaaraa irra nama buusuu isaa irra iyyuu wantoota hafuuraa akka dagannu nu taasisu.

  4.   Wanta qabdutti gammadii jiraadhu. “Nyaataa fi uffata yoo qabaanne wantoota kanatti gammadnee jiraachuu qabna.” (1 Ximotewos 6:8) Qarshiin matumaa gammachuu namaaf bituu hin dandaʼu. Namoonni addunyaa irratti hunda caalaa gammadoo taʼan namoota qarshii hedduu qaban miti. Wanti gammachuu isaaniitiif sababa taʼe jaalala maatii fi michoota isaaniitiif qaban, akkasumas hariiroo Waaqayyoo wajjin qabani dha.—Fakkeenya 15:17; 1 Pheexiros 5:6, 7.