Dhimma ijoo ta'etti seeni

Tamboo Xuuxuun Cubbuu Dhaa?

Tamboo Xuuxuun Cubbuu Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun tamboo xuuxuu a ykn karaa biraatiin tambootti fayyadamuu ilaalchisee kallattiidhaan waan ibsu hin qabu. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama barsiifatawwan fayyaa keenya miidhanis taʼe qulqulluu hin taane, kanneen Waaqayyo duratti fudhatama hin qabne qabateera; kanaaf tamboo xuuxuun Waaqayyo duratti cubbuu dha.

  •   Lubbuudhaaf ulfina kennuu. ‘Waaqayyo namoota hundumaaf jireenyaa fi hafuura ni kenna.’ (Hojii Ergamootaa 17:24, 25) Lubbuun kennaa Waaqayyo biraa argame waan taʼeef, tamboo xuuxuu dabalatee wantoota umurii keenya gabaabsan raawwachuu irraa of qusachuu qabna. Tamboo xuuxuun sababiiwwan guguddaa utuu hin barbaachisin umuriin keenya akka gabaabbatu taasisan keessaa isa tokko dha.

  •   Jaalala namootaaf qabnu. “Nama akka ofii keetti jaalladhu.” (Maatewos 22:39) Iddoo namni jirutti tamboo xuuxuun namootaaf jaalala akka qabnu kan argisiisu miti. Namoonni yeroo baayʼee aara sijaaraatiif saaxilaman, carraan isaan dhukkuba namoota tamboo xuuxan qabataniin qabamuuf qaban baayʼee guddaa dha.

  •   Qulqulluu taʼanii jiraachuu. ‘Qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu godhaa dhiheessaa.’ (Roomaa 12:1) “Waaqayyoon sodaachuu fi caalaatti qulqulloota taʼuudhaan, wanta foonii fi hafuura xureessu hunda irraa of haa qulqulleessinu.” (2 Qorontos 7:1) Tamboo xuuxuun uumamaan ala siʼa taʼu, qulqulluu taʼuu wajjin wal faallessa; sababni isaas namoonni tamboo xuuxan taʼe jedhanii summiiwwan qaama isaanii mancaasan fudhatu.

Kitaabni Qulqulluun Bashannanaaf jecha qoricha akka maariwaanaa fi kan biroo fudhachuu ilaalchisee maal jedha?

 Kitaabni Qulqulluun maariwaanaa (wiid ykn poot jedhamees ni waamama) dabalatee, waaʼee qorichoota sammuu nama hadoochan kan biroo wanta ibsu hin qabu. Haa taʼu malee, qajeelfamawwan wantoota araada nama qabsiisan bashannanaaf jecha fudhachuun sirrii akka hin taane ibsan qabateera. Qajeelfamawwan olitti caqasaman malees, kanneen armaan gadiitti ibsamanis kanaaf ni hojjetu.

  •   Barbaachisummaa dandeettii yaaduu keenya toʼachuu. “Waaqa kee Yihowaa . . . sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.” (Maatewos 22:37, 38) “Dandeettii hubannaa keessan guutummaatti eeggadhaa.” (1 Pheexiros 1:​13) Namni qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatu sammuu isaa guutummaatti toʼachuu hin dandaʼu; kanaa mannaa namoonni baayʼeen araada qoricha sammuu namaa hadoochan kanaan qabamaniiru. Sammuun isaanii wantoota gaarii irratti utuu hin taʼin, qoricha sammuu namaa hadoochan sana argachuu fi fayyadamuu qofa irratti xiyyeeffata.​—Filiphisiyus 4:8.

  •   Abbootii taayitaa mootummaatiif ajajamuu. ‘Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif ajajamaa.’ (Tiitoo 3:1) Biyyoota hedduu keessatti qoricha sammuu hadoochan fudhachuun seeraan dhorkamaa dha. Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne, abbootii taayitaa mootummaatiif ajajamuu qabna.​—Roomaa 13:1.

a Xuuxuu jechuun tamboo fi gaayyaa xuuxuu, tamboo waraqaadhaan maranii xuuxuu ykn meeshaalee akka shiishaa fayyadamanii xuuxuu dabalata. Haa taʼu malee, qajeelfamni kun tamboo alaanfachuu ykn funyaaniin fuunfachuu ykn sijaaraa elektiroonikii niikootiinii qabu xuuxuu fi wantoota wal fakkaatoo kan biraatti fayyadamuufis wal qixa hojjeta.