Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 1: Dubbisuu moo Ilaaluu?

Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 1: Dubbisuu moo Ilaaluu?

 Ijoolleen keessan yeroo boqonnaatti viidiyoo ilaaluu moo dubbisuu filatu? Caalaatti kan filatan bilbila ammayyaa moo kitaaba dha?

 Wanti namoonni televijinii fi intarneetii irratti ilaalan, akkasumas intarneetiidhaan raawwatan, dubbisuu irraa waggoota hedduuf xiyyeeffannaa isaanii hihhiraa jira. Barreessaan Jeen Heelee jedhamtu, “yeroo booda namoonni dubbisuu dhaabuu dandaʼu” jechuudhaan kitaaba ishii bara 1990⁠tti qopheessitee fi Indeenjerd Maayindis jedhamu irratti ibsiteetti.

 Yeroo sanatti yaadni kun waan arbeeffame fakkaachuu dandaʼa ture. Yeroo ammaa waggaa 30 booda garuu barsiisonni bakka teknoolojiin balʼinaan faayidaa irra oolu jiraatan, dargaggoonni hedduun akka namoota duraan turaniitti dubbisuu akka hin dandeenye hubataniiru.

Mata duree kana keessatti kanneen armaan gadii ilaalla

 Dubbisuun ijoolleef barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  •   Dubbisuun dandeettii yaadaan ilaaluu guddisa. Fakkeenyaaf, seenaa tokko yommuu dubbisnu sagaleen namoota seenicha keessatti ibsamanii kan akkamiiti? Bifti isaanii maal fakkaata? Bakki seenichi itti raawwatame maal fakkaata? Namni barreesse sun wanta muraasa ibsuu dandaʼa; isa hafe garuu nama dubbisu sanatu yaadaan ilaalee bira gaʼuu qaba.

     Haati Looraa jedhamtu akkas jetteetti: “Fiilmii ykn viidiyoo yommuun ilaallu wanta namni kan biraan dandeettii yaadaan ilaaluu isaatti fayyadamee qopheessen ilaala. Kun kan nama gammachiisu taʼus, dubbisuun faayidaa kana irra caalu qaba; yommuu dubbisnu wanta namni kan biraan barreesse yaada keenyaan ilaalla.”

  •  Dubbisuun amala gaarii horachuuf gargaara. Ijoolleen yommuu dubbisan, dandeettii rakkina jiru hubachuu fi furuu horatu. Kana malees, ijoolleen dubbisuuf yaada isaanii sassaabbachuu qabu. Akkas gochuudhaanis amaloota kanneen akka obsaa, of toʼachuu fi gara laafinaa horatu.

     Dhuguma gara laafina ni horatuu? Eeyyee! Qorattoonni tokko tokko akka jedhanitti, ijoolleen seenaa tokko suuta jedhanii of eeggannoodhaan dubbisuun isaanii, miira namoota seenicha keessatti ibsamanii hubachuuf isaan gargaara. Kun immoo namoota guyyaa guyyaadhaan argatanitti gara laafina argisiisuuf isaan gargaaruu dandaʼa.

  •  Dubbisuun gad fageenyaan akka yaadnu nu taasisa. Namoonni of eeggannoodhaan dubbisan, yaada barreessaa sanaa hubachuuf, saffisa ofii isaaniitiin dubbisu; bakka barbaachisaa taʼetti immoo irra deebiʼanii dubbisu. Kan gochuun isaanii wanta dubbisan yaadachuu fi irraa fayyadamuuf isaan gargaara.—1 Ximotewos 4:15.

     Jooseef inni ijoollee qabu akkas jedheera: “Yommuu dubbistu hiika yaada tokkoo irratti xiinxaluu, wanta beektuu wajjin wal qabsiisuu fi barumsa irraa argattu irratti yaaduu dandeessa. Viidiyoo fi fiilmiin waaʼee wantootaa gad fageenyaan akka yaadnu kan nu taasisan yeroo hunda miti.”

 Yaada ijoo: viidiyoo fi wantoonni ilaalaman kan biroon faayidaa kan qaban taʼanis, ijoolleen keessan jireenya isaanii keessatti dubbisuuf yeroo hin ramadan taanaan wanta baayʼee barbaachisaa taʼetu isaanitti hafa.

 Akka dubbisan jajjabeessuun kan dandaʼamu akkamitti?

  •  Xinnummaatti eegalaa. Kilooʼee ishiin haadha ilmaan lamaa taate akkas jetteetti: “Ijoollee keenyaaf utuma isaan garaa keessa jiranii dubbisnaaf turre; erga dhalatanii boodas akkas gochuu keenya itti fufneerra. Dhaabbataadhaan itti fufuu keenyatti baayʼee gammadna. Yeroo booda, bashannanaaf jedhanii illee dubbisuu barsiifata godhataniiru.”

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Daaʼimummaa keetii jalqabdee Kitaabota Qulqulluu baratteetta’—2 Ximotewos 3:15.

  •  Bakka dubbisuuf nama kakaasu qopheessaa. Wantoota dubbifaman qopheessuudhaan manni keessan bakka dubbisuuf nama kakaasu akka taʼu godhaa. Tamaaraa ishiin ijoollee afur qabdu, “Kitaabota ijoolleen keessan dubbisuu jaallatan qopheessaa, akkasumas siree ijoollee keessanii bira kaaʼaa” jetteetti.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Daaʼima karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; Innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—Fakkeenya 22:6.

  •   Yeroo itti intarneetii fayyadamtan irratti daangaa kaaʼaa. Abbaan Daaniʼel jedhamu galgala taʼe tokkotti namni kam iyyuu meeshaa elektiroonikii akka hin fayyadamne gochuun gaarii akka taʼe dubbateera. Akkas jedheera: “Torbanitti guyyaa tokko yoo taʼe illee televijinii utuu hin baniin galgala gaarii dabarsina. Dhuunfaatti ykn waliin taanee dubbisuuf yeroo ramadna.”

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa.’—Filiphisiyus 1:10.

  •   Fakkeenya taʼaa. Kaarinaa ishiin intaloota lama qabdu akkas jetteetti: “Akkaataa ijoollee keessaniif itti dubbistanii fi jaalala wanta dubbistaniif qabdaniin seenichi akka isaaniif dhugoomu godhaa. Dubbisuu kan jaallattan yoo taʼe, ijoolleen keessanis fakkeenya keessan hordofuu dandaʼu.”

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Dubbisuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi.’—1 Ximotewos 4:13.

 Dubbisuu kan jaallatan ijoollee hunda miti. Haa taʼu malee, isaan jajjabeessuun keessan akka dubbisan isaan kakaasuu dandaʼa. Deevid inni intaloota lama qabu yaada kana caalaatti ibseera. Akkas jedheera: “Kitaaba intaloonni koo dubbisan nan dubbisa, kun immoo fedhii isaanii akkan beekuu fi mata duree irratti mariʼannu akka qabaannu godha. Kanaafuu garee xinnoo itti waliin dubbisnu uumuu dandeenyeerra. Baayʼee namatti tola!”