Dhimma ijoo ta'etti seeni

FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | IYOOB

“Balleessaa Malee Jiraachuu Koo Irraa hin Deebiʼu!”

“Balleessaa Malee Jiraachuu Koo Irraa hin Deebiʼu!”

 Inni lafa irra taaʼeera, qaamni isaas mataa isaatii hamma miila isaatti dhullaa ykn iita baayʼee nama dhukkubsuun uwwifameera. Mee yaadi, mata isaa fi gateettii isaa gadi qabeera, kophaa jira, akkasumas titiisa isa marse of irraa ariʼuuf illee humna dhabeera. Baayʼee gadduu isaa argisiisuuf daaraa keessa taaʼeera; hojiin isaa qaama isaa miidhame qiraaciidhaan hooqqachuu qofa ture. Duraan namoonni isa kabaju turan, amma garuu namoonni isa tuffataniiru. Michoonni, ollaawwanii fi firoonni isaa isa dhiisaniiru. Namoonni hundi ijoolleen illee isatti qoosaniiru. Inni Waaqni isaa Yihowaanis akka isa irratti kaʼe kan isatti dhagaʼame taʼus kun dogoggora ture.—Iyoob 2:8; 19:18, 22.

 Namni kun Iyoobi dha. Waaqayyo, “Biyya lafaa irra namni akka isaatii hin jiru” jechuudhaan waaʼee isaa dubbateera. (Iyoob 1:8) Yihowaan waggoota dhibbaan lakkaaʼaman booda illee, Iyoob namoota baayʼee qajeeloo taʼan keessaa tokko akka taʼetti isa ilaaleera.—Hisqiʼel 14:14, 20.

 Haalli rakkisaa taʼee fi carraa hamaan si mudateeraa? Seenaa Iyoob irraa jajjabina guddaa argachuu dandeessa. Seenaan kun amala tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan hundi isaan barbaachisu, jechuunis waaʼee amanamummaa caalaatti hubachuuf si gargaara. Ilmaan namootaa guutummaatti Waaqayyoof kan bulan yeroo taʼanitti haala rakkisaa keessatti fedha isaa raawwachuu isaanii itti fufuudhaan amanamoo taʼuu isaanii argisiisuu ni dandaʼu. Mee seenaa Iyoob irraa caalaatti haa barannu.

Wanti Iyoob hin Beekne Maal Ture?

 Museen inni amanamaan seenaa Iyoob kan barreesse, Iyoob erga duʼee yeroo muraasa booda fakkaata. Museen hafuura qulqulluudhaan gaggeeffamee, taʼeewwan lafa irratti raawwatamanii fi Iyoob irratti dhiibbaa godhan qofa utuu hin taʼin, taʼeewwan muraasa samii irratti raawwatamanis dubbachuu dandaʼeera.

 Jalqaba seenaa isaa irratti, Iyoob jireenya gaarii fi gammachiisaa jiraachaa akka ture dubbisna. Inni nama sooressa, beekamaa fi kabajamaa biyya Uz ishii tarii kaaba Arabiyaatti argamtu keessa jiraachaa ture dha. Namoota rakkataniif arjaa kan ture siʼa taʼu, warra gargaarsi isaan barbaachisuufis gargaarsa ni godha ture. Iyoobii fi haati manaa isaa ijoollee kudhan godhachuudhaan eebbifamanii turan. Hunda caalaa immoo, Iyoob nama hafuuraa ture. Akkuma firoota isaa fagoo taʼan Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi Yooseef innis Yihowaa gammachiisuuf carraaqqii godheera. Akkuma abbootii amantii kanaa, innis maatii isaatiif luba taʼuudhaan yeroo hunda ijoollee isaatiif aarsaa dhiheessa ture.—Iyoob 1:1-5; 31:16-22.

 Haa taʼu malee, akkuma tasaa haalli isaa ni jijjiirame. Samii keessatti maaltu akka raawwatame ilaalla, akkasumas wantoonni Iyoob hin beekne maalfaa akka taʼan baranna. Maleekonni Yihowaa amanamoo taʼan Waaqayyo duratti argamuudhaaf walitti qabaman, achiis maleekaan inni mormituu taʼe jechuunis Seexanni isaan gidduutti argame. Yihowaan Seexanni Iyoob isa nama qajeelaa taʼe akka jibbu waan beekuuf, Waaqayyo Iyoob nama amanamaa taʼuu isaa Seexanatti hime. Seexannis ija jabinaan akkana jedhee deebise: “Iyoob waa malee si Waaqayyoon sodaataa ree? Ati isaa fi mana isaatti wanta inni qabu hundumaattis naannessitee dallaa hin ijaarree ree?” Seexanni namoota amanamoo taʼan ni jibba. Yihowaadhaaf garaa guutuudhaan akka bulan yommuu argisiisan, Seexanni gantuu fi nama kam iyyuu kan hin jaallanne taʼuu isaa mirkaneessu. Kanaafuu, Seexanni Iyoob Waaqayyoon kan waaqeffatu ofittummaadhaan kakaʼee akka taʼe dubbate. Seexanni Iyoob wanta hunda yoo dhabe, isa duratti Yihowaa akka arrabsu dubbate!—Iyoob 1:6-11.

 Iyoob kan hin beekne taʼus, Yihowaan Iyoobiif carraa guddaa Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessu isaaf kenneera. Seexanni wanta Iyoob qabu hunda akka saamu isaaf heyyamame. Iyoobiin akka miidhu garuu isaaf hin heyyamamne. Kanaafuu, Seexanni wanta gaddisiisaa isatti fiduu jalqabe. Guyyaa tokko keessatti, wantoonni gaddisiisoo taʼan isa irra gaʼaniiru. Jalqaba irratti horiiwwanii fi harroonni isaa, achii immoo hoolonnii fi gaalonni isaa akka tasaa akka duʼan dhagaʼe. Kana irra kan hammaatu immoo, tajaajiltoonni horiiwwan sana tiksaa turanis duʼaniiru. Ergamaan tokko “ibiddi Waaqayyo biraa” dhufe tarii bakakkaa taʼu hin ooluu, hoolotaa fi tajaajiltoota isaa akka ajjeese Iyoobitti hime. Iyoob namoonni kun hundi kan duʼan ykn hiyyummaa keessa kan gale maaliif akka taʼe utuu hin hubatin rakkinni kana irra caalu isa irra gaʼe. Ijoolleen isaa kurnan mana obboleessa isaanii isa angafaatti utuu walitti qabamanii jiranii qilleensi jabaan akka tasaa manicha rukutuudhaan ijoollee hundumaa ni ajjeese!—Iyoob 1:12-19.

 Wanta Iyoobitti dhagaʼame tilmaamuun baayʼee rakkisaa tarii immoo kan hin dandaʼamne taʼuu dandaʼa. Inni uffata isaa tarsaase, mataa isaa ni haaddate, akkasumas lafatti gad gombifame. Iyoob Waaqayyo akka isaaf kennee fi Waaqayyo isa irraa akka fudhatetti yaade. Dhuguma iyyuu, Seexanni haxxummaadhaan balaawwan kana kan isa irratti fide Waaqayyo akka fakkaatu godheera. Haa taʼu malee, Seexanni akkuma eegee ture Iyoob Waaqa isaa hin arrabsine. Kanaa mannaa Iyoob, “Maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!” jechuudhaan dubbate.—Iyoob 1:20-22.

Iyoob Seexanni Waaqayyo duratti isa hamachaa akka ture hin beeku ture

‘Inni Mulʼinatti Si Arrabsa’

 Seexanni aaree waan tureef, qorumsa isatti fidu dhaabuu dide. Innis deebiʼee dhufuudhaan maleekonni Yihowaa duratti yommuu walitti qabaman achitti argame. Ammas Yihowaan waaʼee amanamummaa Iyoob isa qorumsawwan Seexanaa hedduu damdamate sanaa dubbate. Seexannis akkana jedhee deebise: “Inni fayyaa isaa ti, gogaan isaa iyyuu hin tuqamne; namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna. Mee harka kee ol fuudhiitii lafee isaa fi foon isaa rukuti! Inni iyyuu mulʼinatti si arrabsa.” Seexanni Iyoob garmalee yoo dhukkubsate Waaqayyoon akka arrabsu mirkanaaʼaa ture. Yihowaan Iyoob guutummaatti amanamaa taʼee akka itti fufu mirkanaaʼaa waan tureef, Seexanni Iyoobiin dhukkubaan akka qoru isaaf heyyame.—Iyoob 2:1-6.

 Yeroo booda, Iyoob akkuma keeyyata jalqabaa irratti ibsame dhukkubaan qabame. Mee haala gaddisiisaa haati manaa isaa keessa turte yaadi. Ijoollee ishii kurnan duʼaan dhabuu ishiitiin kan kaʼe baayʼee gadditeetti, amma immoo abbaa manaa ishii isa nama isa gargaaru hin qabnee fi dhukkubsate ilaalaa jirti. Kan nama gaddisiisu, ishiinis akkana jettee dubbatte: “Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa? Waaqayyoon arrabsii duʼi!” Ishiin haadha manaa Iyoob ishii inni beekuu fi jaallatu sana hin fakkaattu turte. Inni ishiin akkuma dubartii hubannaa hin qabnee dubbachaa akka jirtu dubbate. Yeroo kanatti illee Waaqa isaa arrabsuu irraa of qusateera. Inni afaan isaatiin cubbuu hin dubbanne.—Iyoob 2:7-10.

 Seenaan dhugaan nama gaddisiisu kun dhuunfaatti akka si ilaallatu beektaa? Seexanni iyyata hamminaa isaa kan dhiheesse Iyoob irratti qofa utuu hin taʼin, ilmaan namootaa hunda irratti akka taʼe hubadhu. Inni “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jedhe. Karaa biraatiin, Seexanni tokkoon tokkoon keenya amanamummaa keenya eeggachuun humna keenyaa ol akka taʼe amana! Ati Waaqayyoof jaalala dhugaa waan hin qabneef, of oolfachuuf jettee Waaqayyoon daftee akka dhiistu dubbata. Seexanni akkuma isaa ofittoo akka taate dubbata! Kun dogoggora akka taʼe mirkaneessuu ni barbaadaa? Hundi keenya iyyuu kana gochuuf carraa qabna. (Fakkeenya 27:11) Mee amma haala rakkisaa itti aansuudhaan Iyoobiin mudate haa ilaallu.

Jajjabeessitoota Utuu hin Milkaaʼin Hafan

 Namoonni sadan Iyoobiin beekanii fi Kitaabni Qulqulluun akka hiriyoota isaa ykn warra isa beekaniitti isaan ibsu, rakkoowwan isa irra gaʼan waan dhagaʼaniif isa ilaaluu fi isa jajjabeessuu dhufan. Yommuu fagoodhaa isa ilaalan isa beekuu hin dandeenye. Iyoob baayʼee dhukkubsatee fi gogaan isaas dhukkuba irraa kan kaʼe gurraachaʼee waan tureef, bifti isaa jijjiirameera. Namoonni sadan Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar jedhaman kun rakkina Iyoob irra gaʼetti gadduu isaanii argisiisuuf sagalee isaanii ol fuudhanii booʼan, awwaaras mataa isaanii irratti firfirsan. Achiis calluma jedhanii isa cinaa lafa irra taaʼan. Torban tokko guutuu wanta tokko illee utuu hin dubbatin achi taaʼan. Namoonni sadan kun kan callisan isa jajjabeessuuf miti, sababiin isaas gaaffii tokko illee isa hin gaafanne, wanti isaan beekan Iyoob haala rakkisaa keessa jiraachuu isaa qofa dha, kana hubachuun immoo salphaa dha.—Iyoob 2:11-13; 30:30.

 Dhuma irratti, Iyoob innumti ofii isaa isaanii wajjin haasaʼuu jalqabe. Iyoob yommuu guyyaa itti dhalate abaaretti, hammam haala rakkisaa keessa akka jiru ibseera. Kana malees, sababii guddaa haalli rakkisaan akka isa mudatu godhe dubbateera. Inni rakkoowwan kana hundumaa kan isatti fide Waaqayyo akka taʼe yaade! (Iyoob 3:1, 2, 23) Iyoob amantii Waaqayyo irratti qabu hin dhiisne, taʼus amma iyyuu jajjabinni isa barbaachisa ture. Haa taʼu malee, namoonni isa beekan yommuu dubbachuu jalqaban, Iyoob callisuun isaanii gaarii akka ture yeruma sana hubate.—Iyoob 13:5.

 Eliifaaz, inni namoota kaan irra hangafa taʼee fi Iyoobiinis umuriidhaan baayʼee caaluu dandaʼu dubbachuu jalqabe. Yeroo booda, warri kaaniis itti fufanii dubbachuu jalqaban. Walumaa galatti, isaanis gowwummaadhaan fakkeenya Eliifaaz hordofaniiru jennee dubbachuu ni dandeenya. Namoota kana keessaa tokko tokko wanti dubbatan kan nama hin miine fakkaachuu dandaʼa. Sababiin isaas namoonni kun wanta namoonni yeroo baayʼee irra deddeebiʼanii dubbatan jechuunis, Waaqayyo guddaa, namoota hamoo kan adabuu fi namoota qajeeloo immoo kan badhaasu taʼuu isaa dubbataniiru. Haa taʼu malee, jalqabumaa kaasee gaarummaadhaan isatti hin dubbanne. Eliifaaz jechoota salphaa fi amansiisaa fakkaataniin, Waaqni inni gaarii taʼe namoota hamoo kan adabu yoo taʼee fi Iyoob immoo adabamaa kan ture erga taʼee, yaanni dhugaa taʼe isa kami ree? Iyoob wanta hamaa taʼe tokko raawwatee taʼuu qaba jechuudha.—Iyoob 4:1, 7, 8; 5:3-6.

 Iyoob yaada dhugaa fakkaatu kana fudhachuu diduun isaa nama hin dinqisiisu. Inni yaada kana mormuudhaan fudhachuu dideera. (Iyoob 6:25) Haa taʼu malee, gorsitoonni kun Iyoob dhoksaatti cubbuu tokko akka raawwate isa amansiisuuf yeroo kam iyyuu caalaa kutatanii kaʼanii turan; karaa taʼe tokkoon wantoonni hamoon isa irra gaʼan kun hundi sirrii taʼuu qabu jedhanii dubbatan. Eliifaaz Iyoob nama garmalee ofittii amanamu, nama jalʼaa fi Waaqayyoon hin sodaanne akka taʼetti isa yakke. (Iyoob 15:4, 7-9, 20-24; 22:6-11) Zofaaris Iyoob hammina isaa fi cubbuu raawwachuu akka dhiisu isatti hime. (Iyoob 11:2, 3, 14; 20:5, 12, 13) Beldaadis wanta baayʼee hamaa taʼe dubbate. Inni ilmaan Iyoob karaa taʼe tokkoon cubbuu waan raawwataniif, duʼuun isaanii kan isaaniif malu akka taʼe dubbate!—Iyoob 8:4, 13.

Michoonni Iyoob sadan isa hin jajjabeessine, kanaa mannaa miidhaa isaa caalaatti dabalan

Waraana Amanamummaa Irratti Baname!

 Namoonni sadan sirrii hin taane kun, wanta caalaatti hammaatu godhan. Iyoob guutummaatti Waaqayyoof amanamaa akka hin taane dubbachuu qofa utuu hin taʼin, Waaqayyoof amanamaa taʼuuf yaaluun illee gatii akka hin qabne dubbatan. Eliifaaz haasaa jalqaba godhe irratti waaʼee qaama hafuuraa hin mulʼannee fi wanta haaraa taʼe ibseera. Eliifaaz jinnii sana erga argee booda, Waaqayyo, “Hojjetoota isaa hin amanatu, ergamoota isaas balleessaa isaanii irratti in gaafata” jechuudhaan wanta baayʼee summaaʼaa taʼe dubbate. Akka yaada kanaatti, namni kam iyyuu matumaa Waaqayyoon gammachiisuu hin dandaʼu jechuu dha! Boodas, Beldaad Waaqayyo akkuma raammoo, amanamummaa Iyoob argisiiseef xiyyeeffannaa akka hin kennine dubbate!—Iyoob 4:12-18; 15:15; 22:2, 3; 25:4-6.

 Nama garmalee dhiphachaa jiru tokko jajjabeessuuf yaaltee beektaa? Kana gochuun salphaa miti. Haa taʼu malee, namoota Iyoobiin beekanii fi wanta sirrii hin taane dubbatan irraa maal dubbachuu akka hin qabne ilaalchisee barumsa gaarii argachuu dandeenya. Namoonni sadan kun wantoota hedduu sirrii fi amansiisoo fakkaatan kan dubbatan taʼus, Iyoobitti gaarummaa hin argisiisne, akkasumas maqaa isaatiin illee isa hin waamne! Isaan garaa Iyoob isa miidhameef xiyyeeffannaa hin kennine, akkasumas haala gaarii taʼeen isa qabuun akka isaan barbaachisu isaanitti hin dhagaʼamne. a Kanaafuu, namni ati yaadduuf tokko yoo gadde, miira hoʼaadhaan, isaaf yaaduudhaanii fi garummaadhaan isa qabuuf yaali. Amantii fi ija jabina nama sanaa cimsuuf yaali, Waaqayyotti, gaarummaa isaa isa guddaatti, akkasumas araaraa fi haqa isaatti akka amanamu isa gargaari. Iyoob bakka hiriyoota isaa utuu taʼee wanti godhu kana ture. (Iyoob 16:4, 5) Karaa itti fufiinsa qabuun amanamummaa isaa irratti gaaffii yeroo kaasanitti maal godhe ree?

Iyoob Ejjennoo Isaa hin Laaffisne

 Iyoob falmii dheeraan kun yeroo jalqabutti baayʼee dhiphatee ture. Jalqaba irratti akkuma ilaalle jechoonni muraasni inni dubbate “dubbii nama abdii kutatee” fi “ariitiidhaan” dubbataman ture. (Iyoob 6:3, 26) Kun maaliif akka taʼe hubachuu ni dandeenya. Jechoonni isaa wanta garaa isaa keessa jiru calaqqisiisu. Kana malees, wanti inni dubbate wanta raawwatamaa jiru akka hin hubanne argisiisa. Sababiin isaas rakkoowwan akka tasaa isaa fi maatii isaa irra gaʼan kana kan fide qaama humna namaatii ol taʼe fakkaata; kanaan kan kaʼes Iyoob wanta kana hunda kan godhe Yihowaa akka taʼe isatti dhagaʼameera. Wantoonni barbaachisoon Iyoob hin beekne hedduun waan jiraniif, yaadawwan dogoggoraa irratti hundaaʼuudhaan xumura sirrii hin taane irra gaʼe.

 Haa taʼu malee, Iyoob nama amantii guddaa qabu ture. Wantoonni Iyoob falmii dheeraa sana irratti dubbatee fi jechoonni dhugaan, gaggaariinii fi nama jajjabeessan kun nama amantii guddaa qabu akka ture mirkaneessu. Inni waaʼee uumamawwan dinqisiisoo taʼanii yeroo dubbatetti wanta namni kam iyyuu gargaarsa Waaqayyoo malee ibsuu hin dandeenye ibsuu dandaʼeera. Fakkeenyaaf, Iyoob wanta saayintistoonni waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura bira gaʼuu hin dandeenye, jechuunis Yihowaan ‘biyya lafaa homtuu utuu jala hin jiraatin akka rarraase’ dubbateera. b (Iyoob 26:7) Akkasumas akkuma namoota amanamoo kaanii innis gara fuulduraatti abdii qabu ilaalchisee amanannaadhaan miira isaa ibseera. Iyoob yoo duʼe illee, Waaqayyo akka isa yaadatu, akka isa yaaduu fi yeroo booda immoo jireenya akka isaaf kennu ni amana ture.—Iyoob 14:13-15; Ibroota 11:17-19, 35.

 Haa taʼu malee, dhimmi amanamummaa ilaalchisee kaʼe hoo? Eliifaazii fi michoonni isaa lamaan namni tokko Waaqayyoof amanamaa taʼuun isaa gatii akka hin qabne dubbatan. Iyoob yaada hamaa kana fudhatee turee? Lakki! Iyoob amanamummaan Waaqayyo duratti dhimma cimaa taʼuu isaa mirkaneesseera. Inni amanannaadhaan ‘balleessaa dhabuu koo ni beeka’ jechuudhaan dubbateera. (Iyoob 31:6) Kana malees, warri isa jajjabeessan ragaa dogoggoraa dhiheessanii amanamummaa isaa irratti waraana akka banan ifatti hubachuu dandaʼee ture. Kunis Iyoob haasaa isaa isa dheeraa akka dubbatu kan isa kakaase siʼa taʼu, namoonni sadan kunis akkamitti deebisuu akka dandaʼan waan walaallaniif haasaan kun buʼa qabeessa ture.

 Iyoob amanamaa taʼuun isaa jireenya guyyaa guyyaa isaa akka dabalatu hubatee ture. Kanaafuu, wanta raawwatu hundumaa irratti amanamummaa isaa kan eeggate akkamitti akka taʼe ibseera. Fakkeenyaaf, waaqeffannaa sobaa irratti hin hirmaanne, warra kaan gaarummaa fi ulfinaan qabeera; karaa naamusaa qulqulluu ture, gaaʼela isaa ni kabaja; hundumaa caalaa immoo Yihowaa isa Waaqa dhugaa tokkicha taʼeef amanamaa taʼee itti fufeera. Kanaaf, Iyoob garaa guutuudhaan, “Hamman duʼutti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebiʼu!” jedhee dubbachuu dandaʼeera.—Iyoob 27:5; 31:1, 2, 9-11, 16-18, 26-28.

Iyoob amanamummaa isaa laaffisuu dideera

Fakkeenya Amantii Iyoob Hordofaa

 Ati hoo ilaalcha Iyoob amanamummaadhaaf qabu qabdaa? Iyoob amanamummaa koo nan eeggadha jechuudhaan dubbachuun qofti gaʼaa akka hin taane, kanaa mannaa gocha keenyaan mirkaneessuun barbaachisaa akka taʼe hubatee ture. Isaaf ajajamuu fi haalli rakkisaan yeroo nu mudatutti illee yeroo hunda wanta isa duratti sirrii taʼe raawwachuudhaan garaa guutuudhaan akka isaaf bullu argisiisna. Karaa kanaan kan jiraannu yoo taʼe, Yihowaa ni gammachiisna, Seexana isa diina isaa taʼe immoo akkuma bara dheeraa dura Iyoob godhe nutis isa aarsina. Fakkeenya amantii Iyoob hordofuuf karaan kana irra caalu hin jiru!

 Haa taʼu malee, seenaan Iyoob hin xumuramne. Inni wanta baayʼee barbaachisaa taʼe dagatee ture waan tureef, Waaqa isaatiif dhaabbachuu mannaa nama qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffate. Sirreeffamnii fi gargaarsi hafuuraa isa barbaachisa ture. Akkasumas dhukkubni cimaanii fi gaddi waan isa irra gaʼeef jajjabinni isa barbaachisa ture. Yihowaan nama amantii qabuu fi amanamaa taʼe kanaaf maal godha laata? Mata dureen kan biraan kanatti aanee baʼu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

a Kan nama dinqisiisu, Eliifaaz innii fi michoonni isaa tarii sagalee isaanii xiqqeessanii waan dubbataniif taʼuu dandaʼa, gaarummaadhaan akka dubbatanitti isatti dhagaʼamee ture. (Iyoob 15:11) Haa taʼu malee, jechoonni sagalee xiqqoodhaan dubbataman illee baayʼee nama miidhuu dandaʼu.

b Akkuma beekamu saayintistoonni yaada lafti wanti kam iyyuu utuu jala hin jiraatiin rarraafamtee jirti jedhu kan hubatan waggoota 3000 booda dha. Kunis hanga namoonni hawaa irraa suuraa kaasuudhaan wanti Iyoob dubbate kun dhugaa taʼuu isaa hubatanitti hin mirkaneeffamne ture.