Dhimma ijoo ta'etti seeni

Jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa Kan Hundeesse Eenyu?

Jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa Kan Hundeesse Eenyu?

 Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa inni ammayyaa dhuma jaarraa 19ffaatti jalqabe. Yeroo sanatti, barattoonni Macaafa Qulqulluu muraasni naannoo Piitisbargi, Pensilvaaniyaa, Yuunaayitid Isteetisitti argaman Macaafa Qulqulluu qorachuu jalqaban. Akkasumas, wanta waldaaleen amantii Kiristiyaanaa kaan barsiisan yaada Macaafa Qulqulluu wajjin walbira qabanii ilaalan. Achiis, wanta hubatan kitaabotarratti, gaazexootarrattiifi barruu yeroo ammaa Masaraa Eegumsaa—Mootummaa Yihowaa Beeksisu jedhamurratti maxxansuu jalqaban.

 Chaarlis Teez Raasil, barattoota Macaafa Qulqulluu garaa qajeelaa qaban sana keessaa tokko ture. Raasil hojii Macaafa Qulqulluu barsiisuu yeroo sana raawwatamaa ture geggeessaa kan tureefi gulaalaa jalqabaa Masaraa Eegumsaa taʼus, hundeessaa amantii haaraa hin turre. Kaayyoon Raasilis taʼe kaayyoon Barattoota Macaafa Qulqulluu kaanii, wanta Yesus barsiise beeksisuufi fakkeenya Kiristiyaanota gumii jaarraa jalqabaatti turanii hordofuu ture. Amantii Kiristiyaanaa kan hundeesse Yesus waan taʼeef, jaarmiyaa keenya kan hundeesse isa akka taʼetti ilaalla.—Qolosaayis 1:18-20.