Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Irbaata Gooftaa Karaa Amantiiwwan Kaan Irraa Adda Taʼeen kan Kabajan Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Irbaata Gooftaa Karaa Amantiiwwan Kaan Irraa Adda Taʼeen kan Kabajan Maaliifi?

 “Irbaata Gooftaa,” isa Irbaata Xumuraa, akkasumas Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesus jedhamee waamamu kabajuu wajjin haala wal qabateen wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hordofna. (1 Qorontos 11:20) Faallaa kanaatiin, wanti amantiiwwan kaan ayyaana kanaa wajjin haala wal qabateen itti amananii fi raawwatan Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe miti.

Kaayyoo

 Irbaata Gooftaa kan kabajnu Yesusiin yaadachuu fi aarsaa inni nuuf jedhee kaffaleef dinqisiifannaa qabnu ibsuufi dha. (Maatewos 20:28; 1 Qorontos 11:24) Irbaanni Gooftaa seera qurbaanaa ykn sochii amantii araara ykn dhiifama cubbuu argachuuf godhamu miti. a Kitaabni Qulqulluun dhiifama cubbuu kan argannu sirna amantii tokko raawwachuudhaan utuu hin taʼin, Yesusitti amanuudhaan qofa akka taʼe barsiisa.—Roomaa 3:25; 1 Yohannis 2:1, 2.

Yeroo Hammamii Keessatti Kabajamuu Qabu?

 Yesus barattoonni isaa Irbaata Gooftaa kabajuu akka qaban kan itti hime taʼus, yoom yoom kabajuu akka qaban ifatti itti hin himne. (Luqaas 22:19) Namoonni tokko tokko jiʼa jiʼaan kabajamuu akka qabu itti dhagaʼama; warri kaan immoo torban torbaniin, guyyaa guyyaadhaan, guyyaatti siʼa baayʼee ykn yerooma namni sun barbaadetti kabaju. Haa taʼu malee, dhimmawwan armaan gadii irratti yaaduu qabna.

 Yesus Irbaata Gooftaa kan hundeesse guyyaa Faasikaa Yihudootaa irratti siʼa taʼu, guyyuma sanatti duʼe. (Maatewos 26:1, 2) Kun wanta akkuma carraa taʼe miti. Kitaabni Qulqulluun aarsaa Yesus aarsa hoolaa Faasikaa wajjin wal bira qabee ibsa. (1 Qorontos 5:7, 8) Ayyaanni Faasikaa waggaatti siʼa tokko kabajama ture. (Baʼuu 12:1-6; Lewwoota 23:5) Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa b Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus waggaatti siʼa tokko kabajaa turan. Dhugaa Baatonni Yihowaas haala Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kana hordofu.

Guyyaa fi saʼaatii

 Fakkeenyi Yesus nuu kaaʼe Ayyaanni Yaadannoo kun yoom yoom kabajamuu akka qabu qofa utuu hin taʼin, guyyaa fi saʼaatii isaas beekuuf nu gargaara. Akka lakkoofsa addeessaa Kitaaba Qulqulluutti, ayyaana kana kan hundeesse Dh.K.B. Niisaan 14, 33tti dha. (Maatewos 26:18-20, 26) Nutis, fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofuudhaan Ayyaana Yaadannoo kana waggaa waggaatti guyyuma kanatti kabajuu keenya itti fufna. c

 Dhaloota Kiristos Booda Niisaan 14, 33 Jimaata kan ture taʼus, guyyaan kun waggaa waggaatti guyyoota torbee keessa jiran kaan irra ooluu dandaʼa. Guyyaa Niisaan 14 irra oolu kan murteessinu kaalaandarii Yihudootaa isa ammayyaatti fayyadamnee utuu hin taʼin, mala bara Yesusitti hojii irra oolaa turetti fayyadamnee ti. d

Maxinoo fi wayinii

 Yesus Ayyaana yaadannoo haaraa taʼe kanaaf, buddeena ykn maxinoo raacitii hin qabnee fi wayinii diimaa ayyaana Faasikaa irraa hafetti fayyadame. (Maatewos 26:26-28) Nutis fakkeenya isaa hordofuudhaan maxinoo raacitii hin qabne ykn miʼeessituuwwan gara garaa itti hin naqamne, akkasumas wayinii diimaa qulqulluu taʼe, jechuunis wayinii hin miʼeeffamnee fi wantoonni garaa garaa itti hin naqamne fayyadamna; wayiniin fayyadamnu cuunfaa wayiniis miti.

 Dhaabbileen amantii tokko tokko maxinoo raacitii qabutti fayyadamu; Kitaabni Qulqulluun garuu yeroo baayʼee raacitii cubbuu ykn badii wajjin wal fakkeessa. (Luqaas 12:1; 1 Qorontos 5:6-8; Galaatiyaa 5:7-9) Kanaafuu, foon Kiristos isa cubbuu hin qabne bakka buʼuu kan dandaʼu, maxinoo raacitiis taʼe, miʼeessituuwwan kan biraa hin qabne taʼu qaba. (1 Phexros 2:22) Barsiifanni kan biraan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne immoo cuunfaa wayinii hin bilchaannetti fayyadamuu dha. Waldaaleen tokko tokko kana kan godhan alkooliitti fayyadamuu waan dhorkaniifi dha; yaadni kun Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe miti.—1 Ximotewos 5:23.

Maxinoo fi wayiniin jechaa jechatti foonii fi dhiiga Yesus hin turre

 Maxinoo fi wayiniin Ayyaana Yaadannoo irratti itti gargaaramnu foonii fi dhiiga Kiristos akka fakkeenyaatti kan argisiisani dha. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti dinqiidhaan foonii fi dhiiga Yesusitti hin jijjiiramne ykn foonii fi dhiiga isaa wajjin wal hin makne. Ragaa Kitaaba Qulqulluu akkas jechuuf nu dandeessisu haa ilaallu.

  •   Yesus barattoonni isaa dhiiga isaa akka dhugan ajajeera taanaan, Seera Waaqayyo dhiiga akka hin nyaanneef baase cabseera jechuu dha. (Uumama 9:4; Hojii Ergamootaa 15:28, 29) Kun garuu taʼuu hin dandaʼu; Yesus seera Waaqayyo dhiigni qulqulluu taʼuu isaa wajjin haala wal qabateen baase akka cabsan gonkumaa namoota hin ajaju.—Yohannis 8:28, 29.

  •   Ergamoonni isaa kallattiidhaan dhiiguma isaa dhugaa turan utuu taʼee, Yesus dhiigni isaa akka “dhangalaʼu,” dubbachuudhaan aarsaan isaa yeroo booda akka kaffalamu hin dubbatu ture.—Maatewos 26:28.

  •   Aarsaan Yesus “yeroo hundumaaf akka taʼutti al tokkicha” kaffalame. (Ibroota 9:25, 26) Haa taʼu malee, yeroo Irbaata Gooftaatti maxinoo fi wayiniin sun dhiigaa fi foon isaatti jijjiiramaniiru taanaan, warri wantoota kana irraa nyaatanii fi dhugan aarsaa kana irra deddeebiʼanii dhiheessaa jiru jechuu dha.

  •   Yesus “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa,” jedhe malee, “yeroo hundumaa aarsaa kootiif godha” hin jenne.—1 Qorontos 11:24, NW.

 Namoonni maxinoo fi wayiniin sun kallattiidhaan gara foonii fi dhiiga Yesusitti jijjiirame jedhanii amanan, barumsi isaanii jechoota hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko itti fayyadaman irratti kan hundaaʼe dha. Fakkeenyaaf, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu keessatti akka waan Yesus, “Kun dhiiga koo ti” jedhetti galmeeffameera. (Maatewos 26:28) Haa taʼu malee, hayyoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun jechi “ti” jedhu, wanta Yesus jechuu barbaade sirriitti akka hin ibsine irratti walii galu. Fakkeenyaaf, hayyuun Jaakuwiis Duppont jedhaman “karaa namaa galuun yaada kana dabarsuuf,” “Kana jechuun qaama koo ti” ykn “Kun qaama koo bakka buʼa” jedhamee hiikamuu akka qabu dubbataniiru. Kanaafuu, Yesus iddoo kanattis akkuma yeroo kaan godhu, fakkeenyatti fayyadamee barsiisaa ture. —Maatewos 13:34, 35.

Kan irraa hirmaatu eenyu dha?

 Yeroo Dhugaa Baatonni Yihowaa Irbaata Gooftaa kabajanitti maxinoo fi wayinii irraa kan fudhatu nama muraasa qofa dha. Maaliif?

 Dhiigni Yesus dhangalaʼuun isaa “kakuu haaraa,” kakuu Yihowaa fi saba Israaʼel durii gidduu jiru bakka buʼu hundeesseera. (Ibroota 8:10-13) Maxinoo fi wayinii Ayyaana Yaadannoo irraa kan hirmaatan namoota kakuu haaraa kana keessa jirani dha. Kun Kiristiyaanota hunda utuu hin taʼin, namoota karaa adda taʼeen Waaqayyoon “waamaman” qofa kan dabalatu dha. (Ibroota 9:15; Luqaas 22:20) Namoonni kun samii keessatti Kristosii wajjin bulchu; mirga kana kan argatan namoota 144,000 akka taʼan Kitaabni Qulqulluun ni dubbata.—Luqaas 22:28-30; Mulʼata 5:9, 10; 14:1, 3.

 Namoota “karra xinnayyoo” jedhamanii fi Kiristos faana bulchan irraa haala adda taʼeen, hedduun keenya kutaa “tuuta sonaan baayʼee” taanee lafa jannata taatu irratti jireenya bara baraa akka argannu abdanna. (Luqaas 12:32; Mulʼata 7:9, 10) Nuti warri lafa irra jiraachuuf abdii qabnu maxinoo fi wayinii ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatan irraa kan hin fudhanne taʼus, aarsaa Yesus nuu kaffale kanaaf galata galchuuf ayyaana kana irratti ni argamna.—1 Yohannis 2:2.

a McClintock fi Strong’s Cyclopedia, Jildii IX, fuula 212, akkana jedheera: “Jechi qurbaana jedhu Kakuu Haaraa keessatti hin argamu; Jechi Giriikii μυστήριον [misteeri’on] jedhu immoo karaa kamiin iyyuu cuuphaa ykn irbaata Gooftaa, ykn ayyaana kam iyyuu kan argisiisu miti.”

b The New Cambridge History of the Bible, Jildii 1, fuula 841 ilaali.

c Akka kaalaandarii Yihudootaa ammayyaatti jalqabni jiʼa Niisaan jedhamuu kan murtaaʼu addeessa haaraa qorannaa urjiitiin (astronomical) beekamu irratti hundaaʼuudhaani; malli kun garuu jaarraa jalqabaatti hojii irra oolaa hin turre. Kanaa mannaa, jiʼi Niisaan kun kan jalqabu addeessi haaraan yommuu jalqaba Yerusaalem keessatti ijaan itti mulʼattutti ture; kun kan taʼu yeroo baayʼee addeessa haaraa qorannaa urjiitiin beekamu booda guyyaa tokko ykn isaa ol turee ti. Guyyaan Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Yaadannoo itti kabajanii fi Yihudoonni Faasikaa itti kabajan garaa garummaa akka qabaatu sababiiwwan godhan keessaa tokko kana dha.

d A New Translation of the Bible, Jeemsi Moofaatiin qophaaʼe; The New Testament—A Translation in the Language of the People, Chaarlis B. Wiiliyaamsiin qophaaʼee fi The Original New Testament, Huu J. Iskoonfiildiin qophaaʼe ilaali.