Dhimma ijoo ta'etti seeni

Muuziqaa Waaqayyoof Ulfina Fiduu Fi Jaarraa Tokko Lakkoofsise

Muuziqaa Waaqayyoof Ulfina Fiduu Fi Jaarraa Tokko Lakkoofsise

“Gara Istuudiyoo Kolumbiyaa, Niiwu Yoorki Siitiitti argamuu deemtee faarfannaa keenya keessaa tokko akka faarfattun barbaada. Isaanis akka gaariiti waraabu. Wanta gochaa jirtu nama tokkotti akka hin himne.”

Xumura bara 1913tti, Wiiliyaam Mookriij, hojii Chaarlis Teez Raasil a akka tasaa isaaf kenne kana raawwateera. Faarfannaan namoonni tokko tokko, “The Sweet By-and-By” jedhanii waaman kun saffisa sagalee 78-rpm taʼuun waraabameera. Yeroo booda, Wiiliyaam faarfannaa sana seensa ““Photo-Drama of Creation,” isa haasaa Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼee fi muuziqaa fakkii fi viidiyoo daawwitii irratti argisiifamuu wajjin qindaaʼe irratti dhagaʼe. “Photo-Dramaan” jalqaba Niiwu Yoorki Siitiitti Amajjii 1914tti argisiifame.

Namoonnii foonoogiraafii (meeshaa sagalee waraabame ittiin taphachiisan) taphachiisan “Photo-Drama” afaan Ingiliffaatiin qophaaʼe yeroo argisiisanitti warraabbiiwwan 50 ol taʼanitti fayyadamaniiru; kan Wiiliyaam isaan kana keessaa tokko ture. Muuziqaawwan kana keessaa hedduun isaanii namoota kaaniin kan qophaaʼan taʼus, isa kan Wiiliyaam dabalatee waraabbiiwwan muraasni, Barattoota Macaafa Qulqulluutiin, kitaaba faarfannaa isaanii keessaa isa Hymns of the Millennial Dawn, jedhamu irraa fudhatamee kan faarfatame dha.

Jechootaaf Xiyyeeffannaa Kennuu

Waggoota hedduudhaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa faarfannaawwan namoota kaaniin barreeffamanitti fayyadamaa turan. Yeroo barbaachisaa taʼutti garuu, jechoota hubannaa Macaafa Qulqulluu isaan qabanii wajjin deemanitti fayyadamu.

Fakkeenyaaf, mata dureen faarfannaa yeroo “Photo-Drama” dhihaate tokkoo “Our King Is Marching On” kan jedhu yommuu taʼu, faarfannaa “Battle Hymn of the Republic” jedhamu irraa fudhatame. Keeyyanni jalqabaa “Battle Hymn”: “Iji koo ulfina dhufaatii Gooftaa arge” jedhee jalqaba.” Haataʼu malee, Barattoonni Macaafa Qulqulluu jechoota kana, “Iji koo argamuu Gooftaa ni arga” jechuudhaan jijjiiraniiru. Jijjiirama kana gochuun isaanii bulchiinsi Yesus Kiristos dhufaatii isaa qofa utuu hin taʼin, yeroo murteeffametti argama isaas akka dabalatu akka isaan amanan kan argisiisu dha.​—Maatewos 24:3.

Bara 1966tti barreeffama Singing and Accompanying Yourselves With Music in Your Hearts jedhamu qopheessuudhaan muuziqaawwan iddoo kan biraatii ykn amantiiwwan kan biraatii argamanitti fayyadamuu dhiisuuf carraaqqiin godhameera. Waggaa sanatti, Dhugaa Baatonni garee muuziqaa xinnoo hundeessuudhaan faarfannaawwan 119 waraaban. Gumiiwwan walgaʼii isaanii irratti faarfachuuf waraabbiiwwan kanatti kan fayyadaman siʼa taʼu, Dhugaa Baatonni tokko tokko immoo manatti dhaggeeffatu turan.

Bara 2009tti Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaaba faarfannaa haaraa Yihowaa Faarfadhaa jedhamu maxxansan. Faarfannaawwan kitaaba kana keessa jiran afaanota hedduudhaan sagaleedhaan faarfatamanii qophaaʼaniiru. Bara 2013tti Dhugaa Baatonni faarfannaa ijoollee qofaaf barreeffamee qophaaʼe viidiyoodhaan qopheessuu jalqaban. Inni tokko mata duree Pray Anytime jedhu qaba. Namoonni jw.org ilaalan faarfannaawwan kana jiʼa jiʼaan siʼa miliyoona hedduu garagalfatu.

Namoonni baayʼeen dinqisiifannaa muuziqaa kanaaf qaban ibsaniiru. Dubartiin Juulii jedhamtu kitaaba faarfannaa Yihowaa Faarfadhaa jedhamu ilaalchisee akkas jetteetti: “Faarfannaawwan haaraan baayʼee namatti tolu! Kophaa koo yeroon taʼutti faarfannaa miira natti dhagaʼamaa jiru qabaten banadha. Achiis, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akkan qabu akka natti dhagaʼamuu fi isaaf of kennuuf akkan murteessu na taasisa.”

Haati Hiizer jedhamtu immoo viidiyoon Pray Anytime jedhu ijoollee ishee umriin isaanii torbaa fi sagal taʼe akkamitti akka fayyade akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Ganama ganama ykn yeroo nuu wajjin jiranitti qofa utuu hin taʼin yeroo Yihowaatti dubbachuu barbaadan hundumaatti akka kadhatan isaan gargaareera.”

a Chaarlis Teez Raasil (1852–​1916) Barattoota Macaafa Qulqulluu (maqaa Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sana ittiin beekaman) yeroo sana turan adda durummaadhaan geggeessaa ture.