Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Callee Gatii Guddaa Qabu” Argataniiru

“Callee Gatii Guddaa Qabu” Argataniiru

 Yesuus Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan ilmaan namootaa hundaaf furmaata akka kennu barsiiseera. (Maatewos 6:10) Maatewos 13:44-46 irratti, gatii guddaa dhugaan Mootummaa Waaqayyoo qabu ibsuuf fakkeenya lama dubbateera:

  •   Namni maasii isaa keessa hojjechaa ture tokko akkuma tasaa qabeenya guddaa maasii keessa dhokfame argate.

  •   Daldalaan calleewwan gaggaarii barbaadaa ture tokko callee gatii guddaa qabu tokko argate.

 Namoonni kun lamaanuu qabeenya guddaa argatan sana bitachuuf gammachuudhaan wanta qaban hundumaa gurguraniiru. Namoonni kun namoota Mootummichaaf bakka guddaa kennanii fi eebba isaa argachuuf aarsaawwan guguddaa kaffalan kan argisiisani dha. (Luqaas 18:29, 30) Viidiyoo kana keessatti, seenaa namoota lamaa fakkeenya Yesuus keessatti caqasaman wajjin wal fakkaatu qabanii akka daawwattu si jajjabeessina.