Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Biyyootaa Fi Uummata

Leektanistaayiniin haa Daawwannu

Leektanistaayiniin haa Daawwannu

BIYYOOTA addunyaa baayʼee xixinnoo taʼan keessaa tokko siʼa taatu, gaarreen Siwiizarlaandii fi Ostiriyaa gidduutti argaman irratti argamti. Jaarraawwan hedduudhaaf warri Keelt, warri Riishaa, warri Roomaa fi Alemaanii naannoo kana jiraataniiru. Uummanni Leektanistaayin yeroo harʼaa jiran, harka sadii keessaa harki lama gosa Alemaanii gara waggaa 1,500 dura naannoo kana jiraachaa ture irraa kan dhufani dha.

Mandaroota adda addaa keessatti loogni adda addaa kan dubbatamu taʼu illee, afaan hojii Leektanistaayin Afaan Jarmani dha. Nyaatawwan beekamoo Leektanistaayin lamaan, Tuʼaarkaa Rebel isa boqqolloo irraa hojjetamuu fi Kaaskinoopfil isa paastaa fi chiizii irraa hojjetamu dha.

Kaaskinoopfil

Uffata aadaa hallu qabeessa

Namoonni biyyattii daawwatan gaarreen cabbiidhaan uwwifaman, sululawwan magariisa, maasiiwwan wayinii fi biqiltuuwwan adda addaa arguu dandaʼu. Fakkeenyaaf, biyya xinnoo kana keessatti akaakuu abaaboo daggalaa oorkiid jedhamuu gara 50tu argama. Leektanistaayin muuziyamiiwwan, manneen tiyaatirii fi iddoowwan wayiniin itti qophaaʼus qabdi. Kanaafuu, bonas taʼe ganna daawwattoonni gara biyyattii ni dhaqu.

Bara 1920mmanii kaasee Dhugaa Baatonni Yihowaa Leektanistaayin keessa jiru. Yeroo ammaatti biyyattii keessa Dhugaa Baatonni Yihowaa gara 90 taʼan kan jiran siʼa taʼu, namoota biyyattiis taʼe daawwattoota ergaa Kitaaba Qulqulluu barsiisaa jiru.