Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Akkaataa Itti Goondaan Sahaaraa Bifa Meetii Qabu Hoʼa Of Irraa Ittisu

Akkaataa Itti Goondaan Sahaaraa Bifa Meetii Qabu Hoʼa Of Irraa Ittisu

GOONDAAN Sahaaraa bifa meetii qabu (Cataglyphis bombycina) lubbu qabeeyyii beekamoo lafa irra jiraatanii fi hoʼa cimaa damdamatan keessaa tokko dha. Bineensonni goondaa nyaatan aduu saafaa Sahaaraa keessa jiru jalaa gaaddisa yommuu barbaaddatanitti, goondaan kun immoo yeroo gabaabaadhaaf boolla isaa keessaa baʼee nyaata isaa barbaaddata; wantoonni inni nyaatu ilbiisota hoʼa cimaadhaan duʼan kan dabalatu dha.

[50] μm

Mee yaadi: Wantoota goondaan bifa meetii qabu kun hoʼa akka of irraa ittisu isa gargaaran keessaa tokko, qaamni isaa karaa moggaa fi irra keessaan rifeensa addaa kan qabu taʼuu isaa, akkasumas garaa isaa jalaan immoo rifeensa kan hin qabne taʼuu isaa ti. Rifeensi (1, 2) goondaan kun bifa meetii fakkaatu akka qabaatuu fi akka calaqqisu godhu, yeroo bakka lamatti kutamu ujummoowwan xixinnoo boca rogsadee (3) qaban fakkaata. Rifeensi kun karaa bitaa fi mirgaatiin yommuu maayikirooskooppiidhaan ilaalamu dadachaʼaa waan qabu fakkaata; karaa gadiitiin garuu diriiraa dha. Kun immoo faayidaa lama qaba. Tokkoffaa, rifeensi sun carallaa hoʼa aduu ijaan hin mulʼanne irraa dhufu of irraa ittisuuf isa gargaara. Lammaffaa, goondaan sun hoʼa naannoo isaa irraa fudhate akka balleessu isa gargaara. Goondichi garaa isaa jalaan rifeensa kan hin qabne taʼuun isaa immoo, carallaa hoʼaa gammoojjii sana irraa madduu fi ijaan hin mulʼanne of irraa ittisuuf isa gargaara. *

[10] μm

Dandeettiin goondaan Sahaaraa bifa meetii qabu hoʼa of irraa ittisuuf qabu, hoʼi qaama isaa seenti gireedii 53.6 akka hin caalle isa gargaara; hoʼi qaama isaa kana irra yoo darbe lubbuudhaan jiraachuu hin dandaʼu. Qorattoonni dandeettiin uumamni xinnoo taʼe kun qabu waan isaan dinqisiiseef, mala addaa afarsituu (fan) fi meeshaalee kan biroo qabbaneessuuf tajaajilan utuu hin fayyadamin, waa qabbaneessuuf gargaaru uumuuf yaalaa jiru.

Maal sitti fakkaata? Dandeettiin goondaan Sahaaraa bifa meetii qabu hoʼa of irraa ittisuuf qabu jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?

^ KEY. 4 Wantoonni goondaan kun hoʼa akka of irraa ittisu isa gargaaran kan biroon, pirootiinii addaa dhagna isaa keessa jiruu fi salphaatti hin badne, miilla dhedheeraa cirracha gubu irraa akka ol jedhuu fi saffisaan akka fiigu isa gargaaru, akkasumas dandeettii kallattii beekuu dinqisiisaa saffisaan gara boolla isaatti akka deebiʼu isa gargaaru dha.