Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaafannoo | Yan-der Shiwu

Hayyuun Imbiriyooloojii Amantii Isaa Ibse

Hayyuun Imbiriyooloojii Amantii Isaa Ibse

PIROOFEESAR Yan-Der Shiwu, Yunivarsiitii Biyyaalessaa Saayinsii fi Teknoolojii Piingitungi Taayiwaanitti argamu keessatti geggeessaa qorannoo ulfaa (embryo) ti. Duraan jijjiirama tirannaatti amanaa kan ture taʼus, saayintiistii qoʼannaa geggeessu erga taʼee booda ilaalcha isaa jijjiireera. Yaada isaa maaliif akka jijjiire barruu Dammaqaa! jedhamuuf ibseera.

Mee seenaa jireenyaa kee muraasa nutti himi.

Kanan dhaladhe bara 1966⁠tti siʼa taʼu, Taayiwaan keessattan guddadhe. Warri koo amantii Taaʼoyizimii fi Budiizimii hordofu turan. Abbootii keenya durii kan waaqeffannuu fi fakkiiwwan duratti kan kadhannu taʼus, wanta hunda kan uume Waaqayyo taʼuu isaa yaadnee hin beeknu.

Baayooloojii kan baratte maaliifi?

Ijoollummaa kootti bineensota manaa kunuunsuu nan jaalladhan ture; bineensotaa fi namoota rakkina irraa bilisa gochuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼes baruu nan barbaadan ture. Yeroo muraasaaf, ogummaa fayyaa bineensotaa kanan baradhe siʼa taʼu, yeroo booda saayinsii waaʼee ulfaa qoratu (embryology) qoʼachuun jalqabe. Dameen barumsaa kun jireenyi eessaa akka dhufe hubachuuf na gargaara jedhee abdadheen ture.

Yeroo sanatti jijjiirama tirannaatti amanaa turte. Sababii isaa nutti himuu dandeessaa?

Piroofeesaroonni yunivarsiitii ragaaleen jijjiirama tirannaa deggeran akka jiran barsiisu turan. Anis isaanan amane.

Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kan jalqabde maaliifi?

Kan na kakaase wanta lama dha. Tokkoffaa, waaqolii hedduu namoonni waaqeffatan keessaa inni tokko warra kaan hunda caaluu qaba jedheen yaade. Garuu isa kam? Lammaffaa, Kitaabni Qulqulluun kitaaba baayʼee kabajamaa taʼuu isaa beekan ture. Kanaaf, waaʼee Kitaaba Qulqulluu baruun barbaade.

Bara 1992⁠tti Yunivarsiitii Kaatolikii Leevan Beeljiyamitti argamutti barachuu yeroon jalqabe, waldaa Kaatolikii tokko deemeen luba tokkoon Kitaaba Qulqulluu hubachuu akka na gargaarun isa gaafadhe. Inni garuu deebii naaf hin kennine.

Gaaffiiwwan keetiif deebii kan argatte akkamitti ree?

Waggaa lama booda, utuman Beeljiyam keessatti qorannoo saayinsii irratti hirmaachaa jiruu, dubartii lammii Poolaandi Ruut jedhamtuu fi Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee wajjinan wal bare. Barattoota yunivarsiitii waaʼee Waaqayyoo baruu barbaadan gargaaruuf afaan Chaayinaa barattee turte. Gargaarsa akkasii argachuuf kadhannaa dhiheessee waanan tureef, ishii wajjin wal baruu kootti baayʼeen gammade.

Ruut Kitaabni Qulqulluun kitaaba saayinsii taʼuu baatus, saayinsii wajjin akka wal simu natti argisiiste. Fakkeenyaaf, barreessaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe Daawit, kadhannaa Waaqayyoof dhiheesse irratti akkana jedheera: “Nama taʼuun koo utuu hin beekamin [“garaa haadha koo keessa utuun jiruu,” NW] iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaaʼamuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.” (Faarfannaa 139:16) Daawit fakkeenyaan kan dubbate taʼus, yaadni isaa sirrii ture! Kutaaleen qaamaa uumamuu isaanii dura illee, qajeelfamni guddina isaanii toʼatu jira. Kitaabni Qulqulluun sirrii taʼuun isaa Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa akkan amanu na gargaareera. Akkasumas Waaqni dhugaan tokko, jechuunis Yihowaa qofa akka taʼe hubachuun jalqabe. 1

Jireenya kan uume Waaqayyo taʼuu isaa kan si amansiise maali dha?

Kaayyoon qorannoo saayinsii yaada duraan ture deggeruu utuu hin taʼin, dhugaa isaa bira gaʼuu dha. Akkaataa ulfi itti guddatu irratti qorannoon ani godhe ilaalcha koo akkan jijjiiru na taasiseera; jechuunis jireenyi kan uumame taʼuu isaan amane. Fakkeenyaan ibsuuf, injinaroonni kutaaleen maashinii tokkoo duraa duuba sirriitiin karaa sirrii taʼeen akka walitti qabsiifamaniif, qajeelfama akkamitti akka walitti qabsiifamuu qaban ibsu qopheessu. Akkaataan ulfi itti guddatu haalli isaa kanaa wajjin wal fakkaatus, kana irra baayʼee wal xaxaa dha.

Wanti hundi kan jalqabu seelii gabbataa tokko irraa ti mitii ree?

Eeyyee. Seeliin ijaan hin mulʼanne sun qoodamuu jalqaba; kunis adeemsi qoqqoodama seelotaa akka jalqabu godha. Yeroo murtaaʼeef, lakkoofsi seelotaa saʼaatii 12 hanga 24 keessatti dachaadhaan dabalaa deema. Jalqaba sadarkaa kanaa irratti seelonni isteem seel jedhaman ni uumamu. 2 Isteem seeliin akaakuu seelotaa garaa garaa 200 ykn isaa ol taʼanii fi daaʼimni tokko qaama guutuu akka qabaatuuf barbaachisan oomisha; seelota akka seelota dhiigaa, seelota lafee, seelota narvii fi k.k.f. jechuu dha.

Akkaataa ulfi itti guddatu irratti qorannoon ani godhe jireenyi kan uumame taʼuu isaa akkan amanu na taasiseera

Seelonni barbaachisan duraa duuba sirrii taʼeen iddoo sirriitti oomishamuu qabu. Seelonni wal qabachuudhaan tishuulee, tishuuleen immoo wal qabachuudhaan kutaalee qaamaa uumu. Injinarri kam iyyuu adeemsa akkasiitiif qajeelfama barreessuun haa hafuutii kana gochuuf yaaduu illee hin dandaʼu! Taʼus, qajeelfamni akkaataa ulfi itti guddatu haala baayʼee nama dinqisiisuun DNA keessatti barreeffameera. Wantoota dinqisiisoo kana yeroon argu, jireenya kan uume Waaqayyo taʼuu isaan amane.

Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taate maaliifi?

Gabaabaadhumatti, jaalalaan kan kaʼe dha. Yesuus Kiristoos, “Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yohaannis 13:35) Jaalalli akkasii immoo namoota wal hin caalchisu. Lammummaa, aadaa ykn bifti namaa dhiibbaa irratti hin godhu. Dhugaa Baatotaa wajjin walitti dhihaachuu yeroon jalqabe jaalala akkasii argeera; anattis jaalala kana argisiisaniiru.

^ 2. Piroofeesar Yan-Der Shiwu sammuun isaa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe waan isaaf hin heyyamneef seelii isteemii ulfaa irratti hin hojjetu.