Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waliin haasaʼuun riqicha ijoollee keessan wajjin wal isin qunnamsiisudha

WARRAAF

5: Waliin Haasaʼuu

5: Waliin Haasaʼuu

MAAL JECHUUDHA?

Ijoollee keessan wajjin garaadhaa waliin haasoftaniittu kan jedhamu yaadaa fi miira keessan yoo waliif ibsitanidha.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Keessumaa ijoollee umurii waggoota kurnanii keessa jiran wajjin haasaʼuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Ijoolleen keessan xinnummaa isaaniitti waan hunda isinitti himu turan. Amma garuu baayʼee isin hin haasofsiisan; kanaafuu yaadaa fi miira isaanii hin beektan. Haalli isaa akkuma laga balʼaa tokko gamaa fi gamana dhaabbattaniiti. Ijoolleen keessan haasaʼuu kan hin barbaanne fakkaatus, caalaatti waliin haasaʼuun kan isin barbaachisu yeroo kanattidha.

WANTA GOCHUU DANDEESSAN

Yeroo ijoolleen keessan haasaʼuu barbaadanitti haasofsiisaa. Galgala baayʼee turuun kan isin barbaachisu yoo taʼellee isaan haasofsiisaa.

“Tarii akkana jechuuf qoramtu taʼa: ‘Yeroo kanatti haasaʼuu barbaaddaa? Guyyaa guutuu si wajjinan oole mitii!’ Garuu ijoolleen keenya nu haasofsiisuu barbaadu taanaan miirri akkasii nutti dhagaʼamuu qabaa? Wanti maatiiwwan hundi barbaadan ijoolleen isaanii akka isaan haasofsiisan mitii?”—Liisaa.

“Dafee rafuu kanan jaalladhu taʼus, ijoollee koo faana akka gaariitti waliin kan haasofnu halkan walakkaa booda ture.”—Harbarti.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu.”—1 Qorontos 10:24.

Yaanni keessan akka hihiramu hin heyyaminaa. Abbaan tokko akkana jechuudhaan dhugaasaa dubbateera: “Yeroo tokko tokko yommuu ijoolleen koo dubbatan wantoota kan biroon yaada. Isaan dhaggeeffachuu dhiisee wanta kan biraa yaadaa akkan jiru isaaniyyuu ni beeku.”

Isinis akkas kan isinitti dhagaʼamu taanaan, televijinii fi meeshaalee elektirooniksii keessan hundumaa dhaamsaa ykn of biraa fageessaa. Wanta isaan dubbatanirratti xiyyeeffadhaa, wanti isaan yaaddesse baayʼee salphaa yoo fakkaatellee, dhimmichaaf xiyyeeffannaa guutuu kennaa.

“Miira isaaniitiif iddoo guddaa akka kenninu ijoollee keenyaaf mirkaneessuu qabna. Akkas isaanitti hin dhagaʼamu taanaan, yaaddoo isaanii hin dubbatan ykn iddoo kan biraatii gargaarsa argachuuf yaalu.”—Maraandaa.

“Yaanni ijoollee keessanii baayʼee dogoggora yoo taʼellee, garmalee hin rifatinaa.”—Antoonii.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Akkaataa itti dhaggeeffattaniif xiyyeeffannaa kennaa.”—Luqaas 8:18.

Carraawwan al idilee taʼanitti fayyadamaa. Yeroo tokko tokko ijoolleen fuulaa fuulatti yeroo wal hin ilaalletti warra isaanii wajjin haasaʼuun isaanitti salphata.

“Yeroo konkolaataadhaan deemnu isaan haasofsiisna. Wal maddii taaʼuun keenya haasaa gaarii gochuuf nu dandeessisa.”—Niikool.

Waliin nyaachuun karaa al idileetiin waliin haasaʼuuf carraa isiniif bana.

“Yeroo irbaata nyaannu wanti guyyaa keessatti nu mudate gaariis taʼe gadhee hundi keenya wanta sana ni dubbanna. Akkas gochuun keenya tokkummaa akka qabaannuu fi yeroo rakkannu hundatti kophaa keenya akka hin taane hubachuuf nu gargaareera.”—Roobiin.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa taʼaa.’—Yaaqoob 1:19.