Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoota Garagaraa Michoota Godhadhaa

Namoota Garagaraa Michoota Godhadhaa

Rakkina Jiru

Namoota nuti ilaalcha sirrii isaaniif hin qabne irraa yoo adda of baasne, jibbi halaalaa keenya itti caaluu dandaʼa. Akkasumas namoota akka keenyaa qofa michoota yoo godhanne, fudhatama kan qabu akkaataa nuti itti yaadnu, wanta nutti dhagaʼamuu fi wanta nuti raawwannu qofa akka taʼe yaaduu dandeenya.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu

‘Garaa keessan balʼisaa banaa.’—2 QORONTOS 6:13.

Maal jechuu dha? ‘Garaan’ keenya miira keenya argisiisuu dandaʼa. Namoota nu wajjin wal fakkaatan qofa yoo jaallanne, garaan keenya ni cufama ykn ni dhiphata. Rakkina kana hambisuuf, namoota nu irra adda taʼanitti michoomuuf fedhii qabaachuu qabna.

Michoota Garagaraa Qabachuun Akkamitti Nu Gargaara?

Yommuu warra kaan dhuunfaatti beeknu, wantoota tokko tokko karaa adda taʼeen maaliif akka hojjetan hubachuu jalqabna. Caalaatti isaanitti dhihaachaa yommuu deemnu, nu irraa adda taʼuu isaanii ni irraanfanna. Iddoo guddaa isaaniif kennina, akkasumas gammachuu fi gadda isaanii akkuma kan keenyaatti ilaalla.

Fakkeenya Nazaaree haa ilaallu. Ishiin baqattootaaf jibba halaalaa qabdi turte. Wanta ishii gargaare akka itti aanutti ibsiteetti: “Isaanii wajjin yeroo dabarsuu fi isaanii wajjin hojjechuun jalqabe. Namoota wanta dogoggoraa warri kaan waaʼee isaanii dubbatan irraa guutummaatti adda taʼanii wajjinan wal arge. Namoota aadaa adda taʼe qabanitti takkaa erga michoomtanii booda, hundi isaanii tokko akka hin taane hubattu, akkasumas dhuunfaatti isaan jaallachuu fi iddoo guddaa isaaniif kennuu dandeessu.”

Wanta Gochuu Dandeessu

Namoota biyya, sanyii ykn afaan isa kan keetii irra adda taʼe qaban carraa itti haasofsiistu barbaadi. Akkas gochuu dandeessa

  • Waaʼee ofii isaanii yaada muraasa akka sitti himan gaafadhu.

  • Nyaata akka si waliin nyaatan afeeri.

  • Seenaa isaanii dhaggeeffadhu, akkasumas wanta isaan iddoo guddaa kennaniif hubadhu.

Wanti kanaan dura dabarsan eenyummaa isaanii irratti akkamitti dhiibbaa akka godhe hubachuuf yoo yaalte, namoota saba sana keessaa dhufaniif ilaalcha gaarii qabaachuu dandeessa.