Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Hojii

Hojii

Kitaabni Qulqulluun kitaaba durii taʼus, seerri buʼuuraa isa keessa jiru yeroo hundumaatiif hojjeta. Hojii ilaalchisee wanti inni dubbatu akkuma yeroo Kitaabni Qulqulluun barreeffameetti yeroo harʼaas hojii irra ooluu kan dandaʼu dha.

Hojiidhaaf ilaalcha sirrii akkamii qabaachuu qabna?

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU?

Hojii kee akka hin dhabne yoo barbaadde, waan hunda caalaa hojii keetiif dursa kennuu qabda. Ilaalchi akkanaa namoonni tokko tokko maatii fi fayyaa isaanii hamma dagatanitti akka malee hojiidhaan akka qabaman godheera.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Kitaabni Qulqulluun hojiidhaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu jajjabeessa. Dhimmanii hojjechuu ni jajjabeessa, dhibaaʼummaa garuu ni balaaleffata. (Fakkeenya 6:6-11; 13:4) Karaa gara biraa immoo, Kitaabni Qulqulluun guutummaatti hojiidhaan akka hin qabamne nu jajjabeessa. Kanaa mannaa yeroo itti bashannannu akka qabaannu nu jajjabeessa. Lallabni 4:6, “Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya” jedha. Kanaaf maatii ykn fayyaa keenya hamma dagannutti hojiidhaan qabamuu hin qabnu. Hamma duʼaaf nu saaxilutti hojjechuun faayidaa nuuf argamsiisu hin qabu!

“Namni nyaatee, dhugee, wanta hojjetettis gammaduun isaaf gaarii dha.”Lallaba 2:24.

Gosti hojii ati hojjettu jijjiirama fidaa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU?

Kaffaltiin isaa gaarii yoo taʼe, hojiin isaas gaarii dha. Namoonni tokko tokko Ilaalcha akkanaa qabaachuu fi qarshii hedduu argachuuf hawwuun isaanii, daldala haqa qabeessa hin taane irratti akka hirmaatan, akkasumas hojii seeraan ala taʼe irratti qacaramanii akka hojjetan isaan godheera.

Warri kaan immoo, hojii yeroo hundumaa isaan gammachiisu qofa hojjetu. Hojiin isaanii wanta isaan hojjechuu hin jaallanne yoo taʼe ykn miira isaanii kan hin kakaasne yoo taʼe hojichi nuffisiisaa akka taʼetti ilaalu. Kanaan kan kaʼes hojii isaaniitiif ilaalcha gadhee qabaatu, akkasumas hojicha garaa guutuudhaan hin hojjetan. Namoonni kun hojichi ulfina isaanii akka xiqqeessu waan isaanitti dhagaʼamuuf hojii gaarii taʼe illee hojjechuu diduu dandaʼu.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Kitaabni Qulqulluun hojii haqa irratti hin hundoofne ykn karaa taʼe tokkoon namoota miidhu akka hojjennu nuuf hin heyyamu. (Lewwoota 19:11, 13; Roomaa 13:10) Hojii gaariin warra kaan ni fayyada, namni hojjetu sunis ‘yaada garaa isa hin ceephaane’ akka qabaatu isa gargaara.—1 Phexros 3:16.

Kana malees, Kitaabni Qulqulluun hojiin hunda caalaa of gammachiisuuf utuu hin taʼin, kaayyoo guddaa tokkoof jechuunis, wanta ittiin jiraannu argachuu fi maatii keenya deggeruuf akka gargaaru nu barsiisa. Hojii keenyatti gammaduun dogoggora taʼuu baatus, hojiin wanta jireenya kee keessatti iddoo hunda irra caalu kennituuf taʼuu hin qabu.

“Abbaan koo hojiin akka malee itti baayʼata. Hojii qacaramee hojjetu malees, gumii nuti Dhugaa Baatota Yihowaa taanee irratti hirmaannu keessatti itti gaafatamummaa hedduu qaba. Taʼus hojii ilaalchisee barsiifata gaarii qaba. Wanta hojjechuu qabu ni hojjeta, akkasumas yeroo anaaf, obboleettii koo fi haadha kootiif kennu qaba. Abbaan koo yeroo hundaa wanta hojjetu qaba, taʼus wanta hundumaa irratti madaallii isaa ni eeggata.”—Alaanaa.

Gatiin qarshii gad buʼuu fi wanti jireenyaaf barbaachisu miʼaa taʼuun isaa waaʼee baasii keenyaa akka dhiphannu nu gochuu kan dandaʼu taʼus, Kitaabni Qulqulluun garuu madaallii keenya akka eeggannu nu jajjabeessa. “Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga’a” jedha. (1 Ximotewos 6:8) Gorsi kun jireenya moloksee akka jiraannu kan nu jajjabeessu miti. Haa taʼu malee, wanta bitachuu dandeenyuu fi qabeenya hangamii qabaachuu akka qabnu ilaalchisee dhugaa isaa amannee fudhachuu qabna.—Luqaas 12:15.

HOJIIN SIIF HIIKA MAALII QABA?

Hojii kee dhimmii hojjedhu. Hojii keetiif xiyyeeffannaa kenni. Wanti ati hojjettu xinnoo yoo fakkaate ykn wanta ati yeroo hunda hojjechuu hawwitu yoo taʼuu baate illee, hojicha akka gaariitti beekuuf carraaqqii godhi. Dhimmitee hojjechuun buʼa qabeessa akka taatu si godha; beekumsa kee guddifachuun immoo gammachuu hojii kee irraa argattu siif guddisuu dandaʼa.

Taʼus madaallii kee eeggadhu. Darbee darbee boqodhu, akkasumas bohaari. Dhimminee erga hojjennee booda kana gochuun keenya caalaatti kan nama gammachiisu taʼa. Wanta jireenyaaf nu barbaachisu argachuun keenya, kabaja ofiif qabnu nuu guddisa; akkasumas maatii keenya dabalatee warra kaan biratti ulfina nuuf argamsiisa.—2 Tasaloniiqee 3:12.

“‘Maal nyaanna?’ yookiis ‘Maal dhugna?’ yookiis ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa!’ . . . Isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka taʼan garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka.”Maatewos 6:31, 32.