Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mata Duree Fuula Jalqabaa | Amanamoo Taʼuu Kan Qabnu Maaliifi?

Amanamummaan Waan Yeroon itti Darbe Dhaa?

Amanamummaan Waan Yeroon itti Darbe Dhaa?

Hiitooshiin waajjira Jaappaan hojii qacarsiisu tokko keessatti hojii herregaa hojjeta. Hogganaa isaa wajjin herrega waajjirichaa utuu ilaalanii, gabaasa sobaa dhiheessuu akka qabu isatti himame. Hiitooshiin hojii amanamummaa isaa hirʼisu akkanaa hojjechuuf sammuun isaa akka isaaf hin heyyamne dubbate. Kanaan kan kaʼe, hogganaan isaa hojii irraa akka isa ariʼu kan itti hime siʼa taʼu, dhuma irrattis Hiitooshiin ni ariʼame.

Hiitooshiin jiʼoota itti aananii jiran keessatti hojii argachuu ilaalchisee abdii kutate. Fakkeenyaaf, hojii tokko qacaramuuf gaafannoon yeroo isaaf godhametti, hojii amanamummaa isaa hirʼisu irratti akka hin hirmaanne dubbatee ture. Namichi gaafannoo godhuufis, “Akkaataan itti yaaddu adda dha!” isaan jedhe. Maatii fi michoonni Hiitooshii amanamummaa ilaalchisee ejjennoo qabutti akka cimu kan isa jajjabeessan taʼus, shakkiin isatti uumamuu jalqabe. Fakkeenyaaf, “Waaʼee ejjennoo koo ifatti dubbachuun koo gaarii dha moo miti jedhee yaaduun jalqabe” jedheera.

Muuxannoo Hiitooshii irraa akka hubannutti, amanamummaadhaaf iddoo guddaa kan kennu nama hunda miti. Kan nama ajaaʼibu, namoonni tokko tokko, keessumaa immoo warri hojii daldalaa hojjetan amanamummaan gufuu akka taʼetti ilaalu. Hojjettuun Afriikaa Kibbaa keessa jiraattu tokko, “namoota amanamoo hin taaneenan marfamee jira; yeroo tokko tokko immoo dhiibbaan akkan isaan fakkaadhuuf ana irra gaʼu baayʼee cimaa dha” jetteetti.

Namoonni amanamoo taʼuu dhiisuu isaanii karaa itti argisiisan keessaa tokko soba dha. Ogeessi xinsammuu Roobart Feeldimaan jedhamanii fi Yunivarsiitii Maasaachuuseetis Amerist keessa hojjetan qorannaa waggoota muraasa dura geggeessan irratti, gaʼeessonni dhibbeentaa 60 taʼan haasaa daqiiqaa kudhanii gidduutti yoo xinnaate siʼa tokko akka soban hubataniiru. Roobart Feeldimaan, “Buʼaa baayʼee nama ajaaʼibsiisu ture. Sobuun jireenya namootaa keessatti hammana barameera jennee hin eegne turre” jedhaniiru. Namoonni hedduun sobamuu kan jibban taʼus, ofii isaaniitii kan soban taʼuun isaa nama hin dinqisiisuu?

Yeroo harʼaatti sobuun, hatuunii fi gochawwan amanamoo taʼuu dhiisuu argisiisan kaan kan babalʼatan maaliifi? Amanamoo taʼuu dhiisuun hawaasa kan miidhu akkamitti? Wantoota amanamoo akka hin taane nu taasisan akkanaa irratti hirmaachuu irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?