MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Caamsaa 2017

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Adoolessa 3-30, 2017⁠tti qoʼataman kan qabate dha.

Warri “Galaa Biyya Ormaa” Taʼan ‘Waaqayyoof Gammachuudhaan Akka Hojjetan’ Gargaaraa

Godaantonni hamma yoonaatti Yihowaa kan hin beekne taʼaniis karaa buʼaa qabeessa taʼeen misiraachicha isaaniif lallabuu kan dandeenyu akkamitti?

Ijoollee “Galaa Biyya Ormaa” Taʼan Gargaaruu

Warra godaantota yoo taatan, akka gaariitti waaʼee Yihowaa ijoollee keessan barsiisuu kan dandeessan akkamitti? Obboloonni kaan hoo gargaarsa akkamii gochuu dandaʼu?

SEENAA JIREENYAA

Dhagaʼuu kan hin Dandeenye Taʼuun Koo Barsiisuu Irraa Duubatti Akkan Jedhu Na hin Goone

Wooltar Maarkan kan hin dhageenye taʼus, tajaajila Yihowaa keessatti yeroo gammachiisaa fi nama kiisu dabarsuu dandaʼeera.

Jaalalli Keessan Akka Qabbanaaʼu hin Heyyaminaa

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa jaalalli isaanii jalqaba irratti qaban akka qabbanaaʼuu heyyamaniiru. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu cimee akka itti fufu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

“Isaan Kana Caalaa Na Jaallattaa?”

Yesuus, waaʼee wanta dursi kennamuufii qabuu Siimiʼoon Pheexirosiin barumsa guddaa barsiiseera. Barumsa kana hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

Gaayos Obboloota Isaa kan Gargaare Akkamitti?

Gaayos eenyu ture? Fakkeenya isaa hordofuu kan qabnu maaliifi?

Gammachuu Jireenya Salphaa Jiraachuun Argamsiisu

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko jireenya isaanii salphisuuf maaltu isaan kakaase? Kan kan godhanoo akkamitti? Murtoon isaanii gammachuu kan isaaf argamsiise maaliifi?

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Garaan Keenya Yeroo Kam Iyyuu Caalaa Hinaaffaa fi Jaalalaan Guutamee Ture”

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu walgaʼii guddaa bara 1922⁠tti godhan booda, gorsa Mootummichaa fi mootummaa isaa beeksisaa!” jedhu hojii irra kan oolchan akkamitti?