Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ilaalcha Yihowaan Haqaaf Qabu Qabdaa?

Ilaalcha Yihowaan Haqaaf Qabu Qabdaa?

“Ani maqaa Waaqayyoo nan labsa, . . . inni Waaqayyo amanamaa dha, jalʼinnis isa keessa hin jiru.”—KES. 32:3, 4.

FAARFANNAA: 5, 46

1, 2. (a) Naabotii fi ilmaan isaa irratti jalʼina haqaa akkamiitu raawwatame? (b) Mata duree kana keessatti amalawwan kam lamaan irratti mariʼanna?

MEE haala kana yaadaan ilaali. Namichi tokko yakka cimaa duʼaaf nama saaxilu akka raawwatetti himatame. Namni kun sobaan kan himatame siʼa taʼu, namoonni gatii hin qabne waan isa irratti ragaa baʼaniif isatti murteeffame; yeroo kanatti maatii fi firoonni isaa akka gaddan beekamaa dha. Namni balleessaa hin qabnee fi ijoolleen isaa yommuu ajjeefaman, namoonni haqa jaallatan baayʼee gaddan. Seenaan kun asoosama miti. Seenaa dhugaa tajaajilaa Yihowaa amanamaa Naabot jedhamuu fi yeroo Ahaab Mootichi Israaʼeliin bulchaa turetti jiraatee ti.—1 Mot. 21:11-13; 2 Mot. 9:26.

2 Mata duree kana keessatti, seenaa Naabot qofa utuu hin taʼin, seenaa jaarsa amanamaa gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turee fi murtoo wajjin haala wal qabateen dogoggora raawwate tokkoos ni ilaalla. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kana yeroo qorrutti, ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu akka qabnu argisiisuuf gad of qabuun barbaachisaa akka taʼe baranna. Akkasumas, gumii keessatti jalʼinni haqaa akka raawwatame yoo argine dhiifama gochuuf fedhii qabaachuun keenya, ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu kan calaqqisiisu akkamitti akka taʼe baranna.

JALʼINA HAQAA BAAYʼEE NAMA GADDISIISU

3, 4. Naabot nama akkamii ture? Iddoo dhaabaa wayinii isaa Ahaab Mootichatti gurguruu kan dide maaliifi?

3 Naabot, yeroo Israaʼeloonni hedduun fakkeenya Ahaab Mootichaa fi haadha manaa isaa Iizaabel Mootittii ishii hamtuu hordofaa turanitti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa ture. Namoonni Baʼaaliin waaqeffatan kun Yihowaas taʼe ulaagaalee isaa hin kabajan turan. Naabot garuu, hariiroo Yihowaa wajjin qabuuf lubbuu isaa illee caalaa iddoo guddaa kenna ture.

4 Mootota Isa Duraa 21:1-3 dubbisi. Yeroo Ahaab iddoo dhaabaa wayinii isaa akka isatti gurguru ykn bakka isaa iddoo dhaabaa wayinii isa caalu akka fudhatu isa gaafatetti Naabot tole hin jenne. Maaliif? Karaa kabaja qabuun, “Dhaala abbaa kootii siif kennuu, Waaqayyo ana haa oolchu” jedhee ture. Naabot kan dide seera Yihowaan sabni Israaʼel dhaala sanyii isaanii dabarsanii akka hin gurgurre dhorku hojii irra oolchuuf jedhee ti. (Lew. 25:23; Lak. 36:7) Naabot, ilaalcha Yihowaan wantootaaf qabu qaba ture.

5. Iizaabel, Naabotiin ajjeesisuu irratti gahee akkamii qabdi turte?

5 Kan nama gaddisiisu, Naabot diduun isaa, Ahaab Mootichii fi haati manaa isaa tarkaanfii cimaa akka isa irratti fudhatan godheera. Iizaabel abbaan manaa ishii iddoo dhaabaa wayinii sana akka argatu gochuuf jecha Naabot irratti himanni sobaa akka dhihaatu gochuudhaan Naabot ijoollee isaa wajjin akka ajjeefamu gooteetti. Yihowaan haala gaddisiisaa kana akkamitti ilaala laata?

MURTOO WAAQAYYOO ISA QAJEELAA

6, 7. Yihowaan haqa akka jaallatu kan argisiise akkamitti? Kunoo firootaa fi michoota Naabot kan jajjabeesse akkamitti?

6 Yihowaan yeruma sana Ahaabitti akka dubbatuuf Eliyaasiin erge. Eliyaas, Ahaab akka nama ajjeesee fi hattuu akka taʼe isatti hime. Yihowaan dhimma kanaaf murtoo akkamii kenna laata? Ahaab, haadha manaa isaa fi ilmaan isaas wantuma Naabotii fi ilmaan isaa mudatetu isaan eeggata ture.—1 Mot. 21:17-25.

7 Maatii fi michoonni Naabot tarkaanfii ajjeechaa Ahaab fudhate kanatti baayʼee gaddaniiru; taʼus, Yihowaan jalʼina haqaa isaan irratti raawwatame akka hubatee fi gocha dogoggoraa sana furuuf tarkaanfii akka fudhate beekuun isaanii hamma tokko isaan jajjabeessee taʼuu qaba. Haa taʼu malee, haalli jijjiiramuu isaatiin kan kaʼe, tarii kan gad of qaban taʼuun isaanii fi amanannaan isaan Yihowaa irratti qaban qoramee taʼuu dandaʼa.

8. Ahaab, ergaa murtii Yihowaan dabarseef deebii akkamii kenne? Achii hoo maaltu taʼe?

8 Ahaab murtoo cimaa Yihowaan kenne kana yeroo dhagaʼu, ‘uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaa uffatee, soomee, uffata gaddaa akkuma uffatetti in ciise, yommuu kaʼus gaddee mataa buusee adeemuu’ jalqabe. Ahaab baayʼee gad of qabee ture. Achii hoo maaltu taʼe? Yihowaan Eliyaasiin akkana jedhe: “Amma sababii inni fuula koo duratti gad of deebiseef, wanta hamaa isa ‘Ani isa irratti nan fida’ jedhe sana bara isaa keessa utuu hin taʼin, bara ilma isaa keessa maatii isaa irratti nan fida.” (1 Mot. 21:27-29; 2 Mot. 10: 10, 11, 17) Yihowaan ‘inni garaa namaa qoru’ hamma tokko Ahaabiif dhiifama godheera.—Fak. 17:3.

GAD OF QABUUN EEGUMSA ARGAMSIISA

9. Gad of qabuun maatii fi michoota Naabotiif eegumsa kan taʼe akkamitti?

9 Namoonni yakka cimaa Ahaab raawwate beekan murtoo kana yommuu argan maaltu isaanitti dhagaʼame? Murtoon kun amantiin firootaa fi maatii Naabot akka qoramu godhee taʼuu dandaʼa. Taʼus, gad of qabuun isaanii, Waaqni isaanii jalʼina akka hin hojjenne mirkanaaʼoo taʼanii amanamummaadhaan isa waaqeffachuu isaanii akka itti fufan isaan kakaasuudhaan eegumsa isaaniif godheera. (Keessa Deebii 32:3, 4 dubbisi.) Naabot, ijoolleen isaa fi maatiin isaa yeroo Yihowaan qajeelota duʼaa kaasutti haqa guutuu taʼe argatu. (Iyo. 14:14, 15; Yoh. 5:28, 29) Kana malees, namni gad of qabu ‘Waaqayyo hojii hundumaa, gaariis taʼe hamaa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaaf firdii akka kennu’ hin dagatu. (Lal. 12:14) Eeyyee, Yihowaan wantoota nuti hin beekne tilmaama keessa galchuudhaan murtoo kenna. Kanaaf, gad of qabuun namoonni qajeeloo taʼan karaa hafuuraa balaa irra akka hin buune godha.

10, 11. (a) Ilaalchi nuti haqaaf qabnu qoramuu kan dandaʼu akkamitti taʼuu dandaʼa? (b) Gad of qabuun eegumsa nuuf taʼuu kan dandaʼu karaawwan kamiini?

10 Jaarsoliin murtoo ati hin hubanne ykn irratti walii hin galle yoo godhan maaltu sitti dhagaʼama? Fakkeenyaaf, atis taate namni ati jaallattu tokko mirga tajaajilaa iddoo guddaa qabu yoo dhabdan maaltu sitti dhagaʼama? Hiriyaan gaaʼelaa kee, ilmi ykn intalli kee ykn michuun kee yoo gumiidhaa baafamanii fi murtoon kun kan si hin amansiisne yoo taʼe hoo? Tarii immoo nama balleesaa hojjete tokkoof dogoggoraan dhiifamni akka godhame yoo sitti dhagaʼame hoo? Haalawwan akkasii amantiin nuti Yihowaa irrattii fi qophii jaarmiyaa isaa keessa jiru irratti qabnu akka qoramu gochuu dandaʼa. Qorumsi akkanaa yoo si mudate gad of qabuun eegumsa siif taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Mee karaawwan lama haa ilaallu.

Jaarsoliin murtoo ati irratti walii hin galle tokko beeksisaan utuu dubbatanii maaltu sitti dhagaʼama? (Keeyyata 10 fi 11 ilaali)

11 Tokkoffaa, gad of qabuun odeeffannoo guutuu akka hin qabne hubachuuf nu gargaara. Dhimma tokko hammam iyyuu yoo beekne, garaa namaa beekuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. (1 Sam. 16:7) Dhugaa ifa taʼe kana beekuun keenya akka gad of qabnu, humna keenya akka beeknuu fi ilaalcha dhimma sanaaf qabnu akka jijjiirru nu kakaasa. Lammaffaa, gad of qabuun akka bitamnuu fi Yihowaan jalʼina haqaa hamma sirreessutti obsaan eeggachuuf nu gargaara. Solomoon akkana jedhee barreesseera: ‘Warri Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura jiraatan isa gaariitti akka jiran ani beeka. Namni hamaan garuu bara isaa dheereffachuu hin dandaʼu.’ (Lal. 8:12, 13) Dhuguma iyyuu gad of qabuun, nuunis taʼe namoota kaan ni fayyada.—1 Pheexiros 5:5 dubbisi.

FAKKEESSITUMMAA

12. Seenaa isa kam ilaalla? Maaliif?

12 Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turanii fi Sooriyaa Anxokiyaatti argaman, haalli amala gad of qabuu isaanii qofa utuu hin taʼin, fedhii isaan dhiifama gochuuf qaban qoru tokko isaan mudatee ture. Mee seenaa isaanii ilaaluudhaan, ilaalcha dhiifama gochuudhaaf qabnu haa qorru. Akkasumas dhiifama gochuun ilaalcha Yihowaan haqaaf qabuu wajjin kan wal qabatu akkamitti akka taʼe ilaalchisee hubannaa qabnu haa guddifannu.

13, 14. Pheexiros mirgawwan akkamii argateera? Ija jabina akka qabu kan argisiise hoo akkamitti?

13 Pheexiros ergamaan jaarsa gumii Kiristiyaanaa beekamaa ture. Michuu Yesuusii fi nama itti gaafatamummaa guddaan imaanaadhaan isatti kenname ture. (Mat. 16:19) Fakkeenyaaf, Pheexiros Dh.K.B. bara 36⁠tti misiraachicha Qorneelewosii fi miseensota maatii isaatti himuuf mirga argatee ture. Qorneelewos namoota saba Waaqayyoo hin taane keessaa tokko waan turee fi dhagna kan hin qabanne waan tureef dhimmi kun xiyyeeffannaa namaa kan harkisu ture. Pheexiros, Qorneelewosii fi miseensonni maatii isaa hafuura qulqulluu yommuu fudhatan akkana jedhee ture: “Namoonni akkuma keenya hafuura qulqulluu fudhatan kun bishaaniin akka hin cuuphamne namni isaan dhowwuu dandaʼu jiraa?”—HoE. 10:47.

14 Ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem, Dh.K.B. bara 49⁠tti Namoonni Saba Waaqayyoo Hin Taane gara Kiristiyaanummaatti yommuu jijjiiraman dirqama dhagna qabachuu qabu moo hin qaban isa jedhu irratti mariʼachuuf walitti qabamanii turan. Walgaʼii kana irratti, Pheexiros waggoota muraasa dura Namoonni Saba Waaqayyoo Hin Taanee fi dhagna hin qabanne kennaa hafuura qulqulluu akka argatan ija jabinaan isaan yaadachiiseera. Pheexiros kana arguun isaa qaamni ol aanaan yeroo sanatti ture yommuu murtoo godhutti gargaarsa guddaa isaaf godheera. (HoE. 15:6-11, 13, 14, 28, 29) Yihudoota keessaas taʼe namoonni saba Waaqayyoo hin taanee keessaa Kiristiyaanota taʼan Pheexiros dhugaa kana ija jabinaan dubbachuu isaa akka dinqisiifatan hin shakkisiisu. Nama karaa hafuuraa gaʼumsa qabu kana irratti amanannaa qabaachuun ulfaataa akka hin turre beekamaa dha!—Ibr. 13:7.

15. Pheexiros, Sooriyaa Anxokiyaa yommuu turetti dogoggora akkamii raawwate? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

15 Walgaʼii Dh.K.B. bara 49⁠tti godhame sana yeroo muraasa booda, Pheexiros gara Sooriyaa Anxokiyaa dhaqee ture. Utuu achi jiruu, obboloota isaa Namoota Saba Waaqayyoo Hin Taane keessaa dhufanii wajjin bilisummaadhaan yeroo dabarsa ture. Beekumsaa fi muuxannoo Pheexiros irraa faayidaa guddaa akka argatan hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, Pheexiros akkuma tasaa isaanii wajjin nyaachuu yommuu dhiisu isaan ajaaʼibsiisee fi isaan gaddisiisee akka ture tilmaamuu dandeessu. Barnaabaasiin dabalatee miseensonni gumii Yihudoota taʼanis akkuma Pheexiros godhan. Jaarsi gumii muuxannoo qabu kun murtoo dogoggoraa gumichi akka qoqqoodamu godhe akkasii akka godhu wanti isa taasise maali dha? Kana malees, dubbiin ykn gochi jaarsa tokkoo yommuu nu miidhu, dogoggora Pheexiros raawwate irraa barumsa akkamii arganna?

16. Pheexiros sirreeffama kan argate akkamitti? Gaaffiiwwan kamfaatu kaʼa?

16 Galaatiyaa 2:11-14 dubbisi. Pheexiros kiyyoo sodaa namaatiin qabamee ture. (Fak. 29:25) Ilaalcha Yihowaan dhimma kana irratti qabu jalqaba kan beeke Pheexiros taʼus, ilaalchi Yihudoonni dhagna qabatanii fi miseensota gumii Yerusaalem keessa turanii dhiibbaa isa irratti godhee ture. Phaawulos ergamaan inni yeroo sana walgaʼii Dh.K.B. bara 49⁠tti godhame irratti argamee ture, Pheexirositti kan dheekkame siʼa taʼu, fakkeessitummaa isaa saaxileera. (HoE. 15:12) Namoonni amantii isaanii gara Yihudiitti jijjiiran murtoo dogoggoraa Pheexiros godhe kana ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama laata? Haalli kun akka isaan gufachiisu ni heyyamuu? Pheexiros hoo dogoggora kana raawwachuu isaatiin kan kaʼe mirgawwan guguddaa qabu ni dhabaa?

DHIIFAMA GODHAA

17. Pheexiros Yihowaan dhiifama kan godhu taʼuu isaatiin faayidaa akkamii argate?

17 Pheexiros, gorsa Phaawulos isaaf kenne gad of qabuudhaan akka fudhate haala isaa irra hubachuun ni dandaʼama. Mirgawwan qabu dhabuu isaa ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu irratti wanti ibsame hin jiru. Yeroo booda iyyuu geggeessaa hafuuraatiin xalayaawwan yeroo booda kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼan lama barreesseera. Pheexiros, xalayaa isaa isa lammaffaa irratti ‘obboleessa keenya isa jaallatamaa’ jechuudhaan Phaawulosiin waamee ture. (2 Phe. 3:15) Pheexiros murtoo dogoggoraa gochuun isaa miseensota gumii namoota saba Waaqayyoo hin taane gidduudhaa dhufan gaddisiisee taʼuu kan dandaʼu taʼus, Yesuus inni mataa gumii taʼe Pheexirositti fayyadamuu isaa itti fufeera. (Efe. 1:22) Kanaaf, miseensonni gumii Kiristiyaanaa sun dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yesuusii fi Abbaa isaa hordofuuf carraa argatanii turan. Namni dogoggora namichi mudaa qabu kun raawwateen gufate akka hin jirre ni abdanna.

18. Ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu irratti yoom xiinxaluu qabna?

18 ‘Hundi keenya yeroo baayʼee dogoggora waan raawwannuuf,’ akkuma jaarraa jalqabaatti ture, yeroo ammaattis jaarsi gumii mudaa hin qabne hin jiru. (Yaq. 3:2, milj.) Kana hundi keenya iyyuu beekna; taʼus, yeroo dogoggorri obboleessa tokkoo dhuunfaatti nu tuqutti nutti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo kanatti, ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu ni qabaannaa? Fakkeenyaaf, jaarsi tokko wanta akka inni halaalatti nama jibbu argisiisu tokko utuu dubbatee maal goota? Jaarsi tokko wanta si aarsuu ykn si miidhuu dandaʼu tokko utuu dubbatee ni gufattaa? Obboleessi kun jaarsa taʼee tajaajiluuf gaʼumsa hin qabu jettee murteessuu mannaa, Yesuus isa mataa gumii taʼe obsaan ni eeggattaa? Tarii amanamummaadhaan waggaa hedduudhaaf tajaajiluu isaa irratti xiinxaluudhaan amala gaarii inni qabu irratti xiyyeeffachuuf ni carraaqxaa? Obboleessi si miidhe tokko jaarsa gumii taʼee tajaajiluu isaa utuu itti fufee ykn mirgawwan dabalataa utuu argatee isaa wajjin ni gammaddaa? Dhiifama gochuuf fedhii qabaachuun kee ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu akka qabdu argisiisa.—Maatewos 6:14, 15 dubbisi.

19. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

19 Namoonni haqa jaallatan yeroo Yihowaan jalʼina haqaa Seexannii fi sirni isaa inni hamaan kun babalʼisaa jiru guutummaatti itti balleessu hawwiidhaan eeggatu. (Isa. 65:17) Hamma yeroo sanaatti garuu, hundi keenya iyyuu gad of qabnee humna keenya beekuudhaan, akkasumas namoota nu miidhaniif dhiifama gochuudhaan ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu qabaachuuf haa murteessinu.