Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

1 | Kadhannaa—“Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”

1 | Kadhannaa—“Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “[Waaqayyo] isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 PHEEXIROS 5:7.

Maal Jechuudha?

Yihowaan wanta baʼaa nutti taʼe kamiyyuu akka isatti himnu nu affeereera. (Faarfannaa 55:22) Xinnaas taʼe guddaa waaʼee rakkina kamiiyyuu kadhachuu dandeenya. Rakkinni tokko nu yaaddesseera taanaan Yihowaas ni yaaddessa. Kadhannaa isatti dhiheessuun tarkaanfii barbaachisaa nagaa sammuu nuuf argamsiisudha.—Filiphisiyus 4:6, 7.

Kadhannaan kan Nu Gargaaru Akkamitti?

Dhibee sammuu wajjin yeroo walʼaansoo goonu kophaa keenya akka taane nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Rakkina nuti keessa jirru namoonni kaan yeroo hunda nuuf hubachuu dhiisuu dandaʼu. (Fakkeenya 14:10) Wanta nutti dhagaʼamu Waaqayyotti yeroo himnu garuu, inni gaarummaadhaan nu dhaggeeffata, akkasumas miira keenya nuuf hubata. Yihowaan nu arga, dhiphina keenyaa fi walʼaansoo goonu beeka, wanta nu yaaddessu kamiyyuu kadhannaadhaan akka isatti himnu barbaada.—2 Seenaa Baraa 6:29, 30.

Kadhannaadhaan Yihowaa haasofsiisuun keenya inni akka nuuf yaadu caalaatti akka amannu godha. Akkuma faarfaticha isa, “Ati rakkina koo waan argiteef . . . dhiphina koo isa cimaa beekta” jedhee nutti dhagaʼamuu dandaʼa. (Faarfannaa 31:7) Yihowaan haala keessa jirru akka argu beekuun keenya qoftillee, rakkina nu mudachaa jiru dandamachuuf baayʼee nu gargaaruu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan rakkina keenya arguu caalaa wanta godhu qaba. Inni eenyuyyuu caalaa haala keessa jirru ni hubata, akkasumas Kitaaba Qulqulluurraa jajjabina akka argannu nu gargaara.