Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Fakkeenyi Yesuus “buchulloota” ilaalchisee dubbate arrabsoo turee?

Siidaa Giriikii ykn Roomaa mucaa buchullaa baatee jiru argisiisu, (Dh.K.D. jaarraa tokkoffaatii hanga Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti

Yesuus daangaa Israaʼelii ala Sooriyaa ishii kutaa Roomaa turte keessa yeroo turetti, dubartiin biyyaa Giriikii tokko gara isaatti dhihaattee akka ishii gargaaru isa kadhattee turte. Deebiin Yesuus kenne fakkeenya namoota Yihudoota hin taanee fi “buchulloota” wal bira qabee ibsu qaba ture. Seera Musee keessatti, saroonni xuraaʼoo akka taʼan amanama. (Lewwoota 11:27) Haa taʼu malee, Yesuus yeroo akkas jedhu dubartii Giriikii kanaa fi namoota Yihudoota hin taane kaan arrabsuu isaa turee?

Gonkumaa akkas hin turre. Wanti Yesuus dubbachuu barbaade akkuma barattoota isaatiif ibse, yeroo sanatti dursa kan kennu Yihudoota gargaaruuf ture. Kanaaf qabxii kana fakkeenyaan ibsuuf, “Daabboo ijoollee fuudhanii buchulloota jala buusuun sirrii miti” jedhe dubartii Giriikii sanaaf deebiseera. (Maatewos 15:21-26; Maarqos 7:26) Namoota Giriikii fi Roomaa biratti, yeroo baayʼee saroonni beelada jaallatamoo taʼan, mana nama isaan guddisuu keessa kan jiraatanii fi ijoollee wajjin kan taphatan turan. Kanaaf jechi “buchulloota” jedhu, miira ooʼaa fi wanta jaallatamaa gara sammuu namaatti kan fidu taʼuu dandaʼa. Dubartiin Giriikii sunis wanta Yesuus dubbate fudhattee, “Eeyyee Gooftaa ko, garuu buchulloonni isa maaddii gooftaa isaanii irraa harcaʼe ni nyaatu” jettee deebiste. Yesuus amantaa ishiin qabdu erga dinqisiifatee booda intala ishii ishiidhaaf fayyiseera.—Maatewos 15:27, 28.

Phaawulos ergamaan guyyaan imalli galaana irraa tokko yeroo biraatti akka darbu dubbachuun isaa gorsa gaarii turee?

Boca doonii feʼumsaa guddaa (Dh.K.B. jaarraa tokkoffaa)

Dooniin Phaawulosiin fuudhee gara Xaaliyaanii deemaa jiru bubbee fuulduraan itti bubbisuu wajjin qabsoo gochaa jira. Yeroo boqonnaaf dhaabatanitti ergamichi imalli isaanii yeroo biraatti akka dabarfamu yaada dhiheessee ture. (Hojii Ergamootaa 27:9-12) Gorsaa akkana kennuuf wanti buʼuura taʼu jiraa?

Namoonni bara duriitti doonii irra hojjetan, yeroo gannaa doonii galaana Mediteraaniyaa irra oofuun balaa guddaadhaaf kan nama saaxilu akka taʼe sirriitti beeku turan. Walakkaa jiʼa Sadaasaatii hanga walakkaa jiʼa Bitootessaatti galaanicha irra deemuun akka hin dandaʼamne yaadama ture. Haa taʼu malee, imallii Phaawulos waaʼee isaa dubbate Fulbaana ykn Onkoloolessa keessatti kan raawwatamuuf jedhu dha. Barreessaa Roomaa kan taʼe Vegetiiʼus (Dh.K.B. jaarraa arfaffaatti) kitaaba isaa Epitome of Military Science jedhamu keessatti waaʼee galaana sana irra imaluu yeroo ibsu, “Jiʼoonni muraasni baayʼee mijaawaa dha, muraasni immoo shakkisiisoo dha, kan hafan garuu gonkummaa kan hin dandaʼamne dha” jedhe ture. Vegetiiʼus imalli Caamsaa 27 hanga Fulbaana 14 keessatti godhamu rakkina akka hin qabne, haa taʼu malee, yeroon shakkisiisaan ykn sodaachisaan lamaan Fulbaana 15 hanga Sadaasa 11, akkasumas Bitootessa 11 hanga Caamsaa 26⁠tti jiru akka taʼe dubbateera. Phaawulos inni imala irratti muuxannoo qabu, wantoota kana akka beeku hin shakkisiisu. Tarii namni doonicha oofuu fi abbaan doonichaa haala kana beekan taʼus, gorsa Phaawulos fudhachuu hin barbaanne. Imalli sun caccabuu doonichaatiin xumurame.—Hojii Ergamootaa 27:13-44.