Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MULʼATAWWAN ADDUNYAA HAFUURAA

Gaaffii Qaamota Addunyaa Hafuuraa Keessa Jiran Ilaalchisee Kaʼu

Gaaffii Qaamota Addunyaa Hafuuraa Keessa Jiran Ilaalchisee Kaʼu

Waaʼeen addunyaa hafuuraa fi qaamota achi keessa jiraatanii gaaffii sitti uumee beekaa? Taanaan, gaaffii akkanaa kan gaafatu si qofa miti. Jaarraawwan hedduudhaaf namoonni dhimma kana irratti yaada garaa garaa kennaa turan. Tokko tokko addunyaa hafuuraa keessa kan jiraatu abbootii durii ulfinni kennamuufii qabu dha jedhu. Kaan immoo, samiin iddoo nagaa fi tasgabbii qabuu fi ergamoonni, akkasumas namoonni gaggaariin duʼan keessa jiraatani dha jedhanii yaadu. Warri kaan immoo iddoo waaqoliin miliyoonaan lakkaaʼaman jiraatan akka taʼetti yaadu.

Namoonni baayʼeen qaamni samii irraa dhufee waaʼee isaa nutti hime waan hin jirreef, waaʼee addunyaa hafuuraa homaa beekuu hin dandeenyu jedhu. Haa taʼu malee, yaanni kun dogoggora dha. Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura samii irra, jechuunis addunyaa hafuuraa keessa jiraachaa ture. Kanas geggeessitoota amantii jaarraa jalqabaatti turanitti ifatti dubbateera. Akkana jedheera: “Ani samii irraa kanan dhufe, fedhii isa na erge sanaa raawwachuuf malee, fedhii ofii koo raawwachuuf miti.” Kanaaf, Yesuus ergamoota isaatiin, “Mana Abbaa koo keessa iddoon jireenyaa hedduun jira” yeroo jedhetti wanta ofii isaatii arge isaanitti himaa ture.—Yohaannis 6:38; 14:2.

Abbaan Yesuus, jechuunis Waaqayyo maqaan isaa Yihowaa jedhama; ‘manni’ Isaas samii keessa dha. (Faarfannaa 83:18, NW) Kanaaf, addunyaa ijaan hin argamne kana Yihowaa fi Yesuus Kiristoos caalaa ibsuu kan dandaʼu hin jiru. Isaan mulʼatawwan dinqisiisoo namoota amanamootti argisiisuudhaan waaʼee addunyaa hafuuraa odeeffannoo balʼaa kennaniiru.

Mata dureen itti aanu mulʼatawwan namoonni arganii fi Kitaaba Qulqulluu keessa jiran ibsa. Waaʼee mulʼatawwan kanaa yeroo dubbistu, wantoota addunyaa hafuuraa keessa jiran ijaan arguu ykn harkaan qaqqabuu akka hin dandeenye yaadadhu. Kanaaf, Waaqayyo wantoota kana karaa nuti hubachuu hin dandeenyeen ibsuu mannaa, wantoota nuti hubachuu dandeenyuun mulʼataan ibseera. Mulʼatawwan kun waaʼee qaamota ‘iddoo jireenyaa hedduu’ addunyaa hafuuraa keessa jiru keessa jiraatanii hubachuuf si gargaaru.