Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Eegdonni mana qulqullummaa Yihudootaa eenyufaa turan? Itti gaafatamummaan isaanii hoo maal ture?

Lewwoonni luboota hin taane tokko tokko itti gaafatamummaa kan biroo kan akka eegduu taʼanii tajaajiluu qabu turan. Eegdonni kun dura buʼaa eegdota mana qulqullummaatiin ajajamu turan. Barreessaan Yihudii Fiiloo jedhamu itti gaafatamummaa eegdonni kun qaban akkana jechuudhaan ibseera: “Lewwoota kana keessaa tokko tokko karra ittiin namoonni gara naannoo mana qulqullummaatti seenan eegu turan, warri kaan immoo namni hin heyyamamneef tokko dogoggoraan illee gara mana qulqullummaa akka hin seenneef mana qulqullummaa fuuldura akka eeganiif ramadamu. Tokko tokko immoo naannoo mana qulqullummaa deddeebiʼuudhaan eegu turan. Akkasumas halkanii fi guyyaa dabareedhaan wal jijjiiranii hojjetu.”

Yaaʼiin Saanhedriin eegdonni kun akka isaan gargaaran gaafachuu dandaʼu turan. Mootummaan Roomaa meeshaa waraanaa akka hidhatan kan heyyameef garee Yihudootaa kanaaf qofa ture.

Hayyuun Kitaaba Qulqulluu Joʼaakim Jeremiyaas jedhamu akka ibsetti Yesuus eegdonni yeroo isa qaban, mana qulqullummaa keessatti yommuu inni barsiisaa ture maaliif akka isa hin qabne isaan gaafatee ture. Yesuus eegdonni kun eegdota mana qulqullummaa utuu taʼuu baatanii gaaffii kana hin gaafatu ture. Hayyuun kun sana dura namoonni Yesuusiin hidhuuf ergamanis eegdota mana qulqullummaa akka taʼan amana. (Yoh. 7:32, 45, 46) Yeroo booda eegdonni kun dura buʼaa isaanii wajjin barattoota Yesuus gara yaaʼii Saanhedriinitti akka dhiheessan ergamanii turan, Phaawulos ergamaas mana qulqullummaa keessaa harkisanii kan baasan eegdota kanneen taʼuu hin oolan.—HoE. 4:1-3; 5:17-27; 21:27-30.