Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Filippiinsi

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Filippiinsi

HIRIYOONNI gaa’elaa umrii waggoota 30mmanii keessatti argamaniifi Gireegoriyoofi Maariiluu jedhaman gara waggaa kudhanii dura, Maanilaatti utuma guyyaa guutuu hojjetanii qajeelchaa ta’anii tajaajilaa turan. Haallisaa rakkisaa ta’us milkaa’ina argataniiru. Achiis Maariiluun mana baankii bakka itti hojjechaa jirtutti guddina argachuudhaan hogganaa taate. “Hojiin mindaa guddaa nuuf argamsiisu kun jireenya gaarii akka jiraannu nu godheera” jetteetti. Hiriyoonni gaa’elaa kun qarshii ga’aa waan argataniif, bakka bareedaa Maanilaarraa kallattii dhihaatiin gara kiilomeetira 19 fagaatee argamutti mana yeroo dheeraadhaaf hawwaa turan ijaarrachuuf murteessan. Dhaabbata manicha isaaniif ijaaruu wajjin walii galtee kan godhan yommuu ta’u, waggaa kudhaniif ji’a ji’aan kaffaluuf qophii godhan.

“YIHOWAA HATAA AKKAN JIRU NATTI DHAGA’AME”

Maariiluun akkas jetteetti: “Hojiinkoo inni haaraan kun, yeroofi humnakoo gara caalaasaa waan na jalaa fudhatuuf, fedhiin sochiiwwan hafuuraatiif qabu na jalaa badaa dhufe. Yihowaa hataa akkan jiru natti dhaga’ame. Kana booda sa’aatiin tajaajila Yihowaadhaaf murteesse guutuu hin danda’u.” Gireegoriyoofi Maariiluun haala kanatti waan hin gammanneef, gaaf tokko taa’anii akkaataan jireenyaasaanii garamitti deemaa akka jiru mari’atan. Gireegoriyoon akkas jedheera: “Jijjiirama gochuu kan barbaannu ta’us, maal gochuu akka qabnu hin beeknu turre. Keessumaa ijoollee waan hin qabneef, yeroo qabnuun akkamitti caalaatti Yihowaa tajaajiluu akka dandeenyu mari’anne. Yihowaan akka nu gargaarus kadhannaa dhiheessine.”

Yeroo sanatti, haasaawwan waa’ee bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluu ibsan hedduu dhaggeeffataniiru. Gireegoriyoon “Haasaawwan kun, deebii Yihowaan kadhannaa keenyaaf kenne akka ta’an nutti dhaga’ame” jedheera. Hiriyoonni gaa’elaa kun, amantii ija jabina murtoo sirrii ta’e gochuuf isaan dandeessisu argachuuf kadhannaa dhiheessan. Gufuu guddaa kan isaanitti ta’ee ture ijaarsa manaa jalqabanii turanidha. Yeroo kanatti kaffaltii waggaa sadii xumuranii turan. Maarree maal godhu laata? Maariiluun akkas jetteetti: “Walii galtee sana yoo diigne qarshii hedduu hanga ammaatti kaffalle dhabna. Haata’u malee haalli kun, fedhii Yihowaa ykn fedhii keenya dursuu keessaa tokko filachuu akka gaafatu hubanne.” Wanta Phaawulos ergamaan jedhe yaadachuudhaan, wantoota kana ‘akka waan gatameetti lakkaa’uudhaan’ karoora mana ijaarrachuuf qabatan, akkasumas hojiisaanii dhiisuudhaan mandara fagoo odoola Paalaawanitti argamuufi Maanilaarraa gara kibbaatiin naannoo kiilomeetira 480 fagaatu dhaquuf murteessan.​—Filp. 3:8.

‘ICCITIISAA BEEKANIIRU’

Gireegoriyoofi Maariiluun naannoo tajaajilaa haaraa deemuusaanii dura, jireenya salphaa jiraachuu shaakaluu kan jalqaban ta’us, hanga bakka sana ga’anitti akkaataan jireenyaasaanii inni haaraan maal akka fakkaatu hin beekne. Maariiluun akkas jetteetti: “Haallisaa kan nama dhiphisu ture. Ibsaanis ta’e wantoonni jireenyaaf barbaachisan hin jiran. Akka durii ruuzii kan affeellu elektiriikiidhaan utuu hin ta’in, qoraan falaxnee bobeessuudhaan ture. Galma gabaa guddaa deemuu, hoteelaa nyaachuu, walumaa galatti jireenya magaalaarraan fagaadhe.” Haata’u malee, hiriyoonni gaa’elaa kun kaayyoo itti bakka sana dhaqan yaadachuudhaan, utuu hin turin sirreeffama gochuu danda’aniiru. Maariiluun akkas jetteetti: “Yeroo ammaa ifa urjii halkanii dabalatee bareedina uumamaa ilaaluudhaan gammadaan jira. Hunda caalaammoo, namootaaf yommuu lallabnu gammachuu isaanitti dhaga’amu arguun baay’ee kan nu gammachiisudha. Naannoo kanatti tajaajiluudhaan, ‘iccitii jireenyaa beekuu’ dandeenyeerra.”​—Filp. 4:12, NW.

“Namoonni hedduun miseensota gumii yommuu ta’an arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Yeroo kamiyyuu caalaa jireenya kaayyoo qabu jiraachaa akka jirru nutti dhaga’ama.”​—Gireegoriyoofi Maariiluu

Gireegoriyoon akkas jechuudhaan dubbateera: “Bakka kana yommuu dhufnetti Dhugaa Baatota afur qofatu jira ture. Torban torbaniin haasaa sabaa dhiheessuufi faarfannaawwan Mootummichaa gitaara kootiin isaaniif taphachuu yommuun jalqabetti baay’ee gammadan.” Hiriyoonni gaa’elaa kun waggaa tokko keessatti tuutni babal’istoota muraasa qabu kun gara gumii babal’istoota 24 qabutti yommuu guddatu arguu danda’aniiru. Gireegoriyoon, “Jaalalli obboloonni gumii kanaa nutti argisiisan garaa keenya tuqeera” jedheera. Waggoota ja’aa oliif naannoo kanatti erga tajaajilanii booda haalasaa yaadachuudhaan akkas jedhaniiru: “Namoonni hedduun miseensota gumii yommuu ta’an arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Yeroo kamiyyuu caalaa jireenya kaayyoo qabu jiraachaa akka jirru nutti dhaga’ama.”

“GAARUMMAA WAAQAYYOO MI’EEFFADHEE ILAALEERA!”

Filippiinsitti obboloonni gara 3,000 ta’an bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajilaa jiru. Kanneen keessaa gara 500 kan ta’an obboleettota qeenxeedha. Mee Kaaraniin akka fakkeenyaatti haa ilaallu.

Kaaran

Kaaran kan guddatte Kagayaan keessatti, magaalaa Baagaa’uutti si’a ta’u, umrii walakkeessa waggoota 20mmanii keessatti argamti. Umrii waggoota kurnanii keessa ennaa turtetti yeroo baay’ee waa’ee hirmaannaa tajaajilarratti gootu guddifachuu ni yaaddi turte. Akkas jetteetti: “Yeroon keessa jirru dhumuu jala akka ga’eefi namoonni garaagaraa ergaa Mootummichaa dhaga’uu akka qaban hubachuunkoo, bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemee tajaajiluuf na kakaase.” Miseensonni maatiishee tokko tokko, bakka fagoo deemtee lallabuu mannaa barumsa sadarkaa olaanaa akka hordoftu kan ishee jajjabeessan ta’us, Yihowaan akka ishee gargaaru kadhannaa dhiheessite. Akkasumas namoota naannoo fagoo deemanii tajaajilanii wajjin mari’atte. Umrii waggaa 18⁠tti naannoo iddoo isheen jiraatturraa kiilomeetira 64 fagaatee argamu deemtee tajaajiluu jalqabde.

Gumiin miseensota muraasa qabuufi Kaaran itti tajaajiluuf deemte kun, gumii naannoo gaarri itti baay’atuufi Qarqara Paasfiikitti argamu ni gargaara ture. Kaaran akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Baagaa’uutii kaanee gumii haaraa sana ga’uuf guyyaa sadiif miillaan kan deemne si’a ta’u, gaarreenirra baanee buuneerra, lageen 30 ol ceeneerra. Mana namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu tokko tokkoo ga’uuf sa’aatii ja’a kanan deemu ennaa ta’u, ergan qayyabsiisee booda isaanuma bira buleen guyyaa ittaanu ammas sa’aatii ja’a deemee manakootti deebi’a.” Maarree, carraaqqiin isheen goote bu’aa isheedhaaf argamsiiseeraa? “Yeroo tokko tokko, miilli kan na dhukkubu ta’us, gara namoota 18tiin Macaafa Qulqulluu qayyabsiisa. ‘Gaarummaa Waaqayyoo mi’eeffadhee ilaaleera’!” jechuudhaan gammachuudhaan dubbatteetti.​—Far. 34:8.

“YIHOWAATTI AMANAMUU BARADHEERA”

Suukee

Obboleettii qeenteen jalqaba umrii waggoota 40mmanii keessatti argamtu, Yunaayitid Isteetis jiraattuufi Suukee jedhamtu, Filippiinsi deemuuf kan ishee kakaase maalidha? Bara 2011⁠tti walga’ii aanaa hiriyoota gaa’elaa tokkoof gaafannoon itti godhamerratti argamtee turte. Hiriyoonni gaa’elaa kun, qabeenyasaanii gara caalaasaa gurguruudhaan, hojii tajaajilaa Meeksikootti geggeeffamaa jiru gargaaruuf kan deeman akkamitti akka ta’e dubbatanii turan. “Gaafannoon sun galman kanaan dura yaadee hin beeknerratti yaaduu akkan jalqabu na kakaase” jetteetti. Sanyii Hindii kan taate Suukeen, namoota afaan Puunjaabii dubbataniifi Filippiinsi keessa jiraataniif lallabuuf gargaarsi akka barbaachisu waan beekteef biyya sana deemtee tajaajiluuf murteessite. Yeroo kanatti rakkinni ishee mudateeraa laata?

Suukeen akkas jetteetti: “Mi’a isa kam gurguruu, isa kamimmoo hambisuu akkan qabu murteessuun baay’ee natti ulfaatee ture. Appaartaamaa dhuunfaakoo keessa waggaa 13f qananiitti ergan jiraadhee booda, gara mana maatiikootii deemee isaanii wajjin jireenya qananii hin qabne jiraachuun jalqabe. Haalli kun ulfaataa ta’us, jireenya salphaa jiraachuuf of qopheessuuf akka gaariitti na gargaareera.” Biyya Filippiinsi erga deemtee booda rakkina akkamiitu ishee mudate? “Wantoota lafarra lo’aniifi ilbiisota sodaachuun, akkasumas firootaafi michootakoo yaaduun rakkina cimaa na mudatee turedha. Yeroo kamiyyuu caalaa Yihowaatti amanamuu baradheera!” jetteetti. Maarree carraaqqiin isheen goote bu’aa isheedhaaf argamsiiseeraa? Suukeen gammachuudhaan akkas jetteetti: “Yihowaan, ‘Eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhaabaadheef qoraa ana ilaalaa!’ nuun jedheera. Dubartiin haasofsiise tokko, ‘Gaaffii hedduu waanan qabuuf yoom deebitee dhufta?’ jettee yommuu na gaafattetti yaanni kun hangam dhugaa akka ta’e arguu danda’eera. Namoota waa’ee Yihowaa barachuu barbaadan gargaaruun baay’ee na gammachiisa!” (Mil. 3:10) Itti dabaluudhaanis akkas jetteetti: “Wanti hunda caalaa natti ulfaatee ture deemuudhaaf murtoo gochuudha. Ergan murteessee booda garuu, Yihowaan wanti hundi toora akka naaf qabatu gochuusaa arguunkoo baay’ee na ajaa’ibsiiseera.”

‘SODAAKOO MO’UU DANDA’EERA’

Obboleessi gaa’ela qabu, dhuma umrii waggoota 30mmanii keessatti argamuufi Simee jedhamu, hojii mindaa gaarii argamsiisu hojjechuuf Filippiinsii gara biyya Baha Giddu Galeessaa tokko deemee ture. Biyya sana utuu jiruu, jajjabinni daawwataan olaanaa aanaa tokko isaa kenneefi haasaan sabaa obboleessi miseensa Qaama Olaanaa tokko dhiheesse, jireenyasaa keessatti Yihowaadhaaf dursa kennuuf kaka’umsa guddaa akka qabaatu isa godheera. Simeen, “Waa’ee hojiikoo dhiisuu yaaduun baay’ee na dhiphisee ture” jedheera. Ta’us, hojiisaa dhiisee gara Filippiinsitti deebi’e. Simeefi haati manaasaa Haaydiin, naannoo tajaajilaa bal’aa ta’e qabuufi labsitoonni Mootummichaa caalaatti itti barbaachisan, jechuunis kibba Filippiinsi, Daava’uu Deel Suur keessatti tajaajilaa jiru. Simeen akkas jedheera: “Duubatti deebi’ee yommuun yaadu, sodaa hojiikoo dhiisuu mo’uudhaan Yihowaadhaaf dursa kennuu danda’uukootti baay’een gammada. Wanta qabdu keessaa isa filatamaa ta’e Yihowaadhaaf kennuu caalaa kan si gammachiisu hin jiru!”

Simeefi Haaydii

“GAMMACHUU GUDDAA NUUF ARGAMSIISEERA!”

Hiriyoonni gaa’elaa qajeelchitoota ta’an, umrii jalqaba waggoota 30mmanii keessatti argamaniifi Raamiloofi Juuliyet jedhaman, gumiin manasaaniirraa gara kiilomeetira 30 fagaatu tokko gargaarsa akka barbaadu ennaa dhaga’an deemanii gargaaruuf fedhiidhaan of dhiheessan. Bonas ta’e ganna walga’iiwwaniifi hojii lallabaarratti hirmaachuuf torban torbaniin doqdoqqeesaaniitiin yeroo baay’ee deddeebi’u. Karaa bu’aa ba’iin itti baay’atuufi riqicha lafarraa ol fagoo ta’erra deemuun rakkisaa ta’us, tajaajilasaanii bal’ifachuu danda’uusaaniitti baay’ee gammadu. Raamiloon akkas jedheera: “Aniifi haati manaakoo dimshaashumatti namoota 11 Macaafa Qulqulluu qayyabsiisna. Bakka babal’istoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluun aarsaa gochuu kan gaafatu ta’us gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera!”​—1 Qor. 15:58.

Juuliyetiifi Raamiloo

Biyya keetti ykn biyya kan biraa bakka babal’istoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemtee tajaajiluuf odeeffannoo dabalataa argachuu ni barbaaddaa? Taanaan, daawwataa olaanaa aanaakee haasofsiisi; akkasumas mataduree, “Gara ‘Maqedooniyaatti Ce’uu’ Ni Dandeessaa?” jedhuufi Tajaajila Mootummaa Hagayya 2011⁠rra jiru dubbisi.