Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​—Afriikaa Lixaa

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​—Afriikaa Lixaa

PAASKAAL, Koot Diivuwaaritti mandara hiyyeettii taate keessa kan jiraatu siʼa taʼu, jireenya gaarii jiraachuuf hawwa ture. Booksii waan jaallatuuf, ‘Beekamaa taʼuudhaan qarshii hedduu argachuuf eessa utuun deemee wayya?’ jedhee yaada ture. Achiis, umrii walakkeessa waggoota 20mmaniirra yommuu gaʼu Awurooppaa deemuuf murteesse. Taʼus, waraqaa seeraa ittiin biyya kan biraa adeeman waan hin qabneef, achi galuu kan dandaʼu karaa seeraan ala taʼeen ture.

Paaskaal bara 1998⁠tti yommuu umriinsaa waggaa 27 taʼu Awurooppaa deemuuf karaa jalqabe. Gaanaa, Toogoofi Beeniin qaxxaamuree, dhumarratti magaalaa Biirnii Nikoon ishee Niijaritti argamtu gaʼe. Yeroo kanatti karaa balaadhaaf isa saaxilu jalqabuuf jedha. Gara kaabaatti deemuuf, konkolaataa feʼumsaa yaabbatee Gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuruu qaba. Achiis, yommuu galaana Mediteraaniyaa gaʼu, gara Awurooppaa dhaquuf bidiruu yaabbachuu qaba ture. Haala kanaan utuu jiruu, Niijaritti wantoonni karoorasaa isa jijjiirsisan lama isa mudatan.

Tokkoffaa, qarshiinsaa jalaa dhume. Lammaffaammoo, qajeelchaa Noʼee jedhamuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu isa jalqabsiisee wajjin wal arge. Wanti barate garaasaa waan tuqeef, ilaalchisaa ni jijjiirame. Kaayyoon inni qabeenya argachuuf baafate gara fedhii hafuuraatti waan jijjiirameef, Muddee 1999⁠tti ni cuuphame. Dinqisiifannaa wanta Yihowaan isaaf godheef qabu argisiisuuf, bara 2001⁠tti biyya Niijar, magaalaa dhugaa itti dhagaʼe keessatti qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe. Yeroo kanatti maaltu itti dhagaʼame? “Wanta jireenya keessatti argamu keessaa isa baʼeessa taʼe argachaan jira!” jechuudhaan gammachuudhaan dubbateera.

AFRIIKAA KEESSATTI TAJAAJILUUDHAAN CAALAATTI GAMMACHUU ARGACHUU

Aana Raakal

Obboloonni hedduunis galma hafuuraa baafatan hordofuudhaan gammachuu argataniiru. Obboloonni tokko tokko galmasaanii kanarra gaʼuuf, naannoo labsitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf Awurooppaadhaa gara Afriikaa dhufaniiru. Dhugaa Baatonni umriinsaanii waggaa 17 hanga 70 gidduu taʼeefi 65 taʼan ‘naannoo labsitoonni caalaatti barbaachisanitti’ tajaajiluuf, Awurooppaadhaa gara Beeniin, Burkiinaa Faasoo, Niijariifi Toogoo deemaniiru. * Tarkaanfii guddaa akkasii fudhachuuf maaltu isaan kakaase? Buʼaa akkamii argatan?

Aana Raakal isheen Deenmaarkii dhufte akkas jetteetti: “Warrikoo Seneegaalitti misiyoonota taʼanii tajaajilaa turan. Yeroo hunda waaʼee jireenya misiyoonummaa dinqisiifannaadhaan dubbatu turan; anis jireenya akkasiin barbaade.” Waggaa 15 dura, ennaan jalqaba umrii waggoota 20⁠mmanii keessa turtetti, Toogoo bakka gumiin afaan mallattoo jirutti tajaajiluuf deemtee turte. Akkas gochuunshee warra kaan kan jajjabeesse akkamitti? “Yeroo booda obboleessiifi obboleettiinkoo quxisuun fakkeenyakoo hordofuudhaan gara Toogoo dhufan” jetteetti.

Albart Faayatiifi Oowurala

Oowuralaa inni umriinsaa waggaa 70, gaaʼela qabuufi Faransaayii dhufe akkas jedheera: “Waggaa shan dura yommuun soorama baʼe, Faransaayitti jireenya qananii jiraachaa hanga Jannanni dhufutti eeguu ykn tajaajilakoo babalʼisuuf tarkaanfii fudhachuu nan dandaʼan ture.” Oowuralaan tajaajilasaa babalʼisuuf tarkaanfii fudhatee ture. Gara waggaa sadii dura, inniifi haati manaasaa Albart Faayat gara Beeniin dhaqaniiru. ‘Asitti Yihowaa tajaajiluuf haala keenya mijeessuun keenya wantoota hanga harʼaatti goone hundarra kan caaludha. Naannoon tajaajilaa keenya inni qarqara galaanaatti argamu jannata na yaadachiisa’ jedheera.

Kilodomiriifi haati manaasaa Liisyaan, Faransaayii gara Beeniin kan deeman waggaa 16 dura ture. Jalqabarratti, maatiifi michootasaanii Faransaayitti argaman baayʼee yaadanii kan turan taʼuusaarrayyuu, haala jireenyaa haaraa taʼe itti baruu dandaʼuunsaanii isaan yaaddessee ture. Taʼus, gammachuu guddaa waan argataniif akka isaan yaaddaʼaan hin taane. Kilodomir, “Waggoota 16n kana keessatti, giddu galeessaan waggaatti namni tokko dhugaa akka fudhatu gargaaruuf mirga arganneerra” jedheera.

Liisyaaniifi Kilodomir obboloota dhugaa akka baran gargaaran tokko tokkoo wajjin

Johanaafi Saabastiyan

Saabastiyaniifi Johanaan hiriyoota gaaʼelaa yommuu taʼan, bara 2010⁠tti Faransaayii gara Beeniin deemaniiru. Saabastiyan, “Wanti gumicha keessatti hojjetamu hedduun jira. Asitti tajaajiluun leenjii tiʼookraasii dafee dafee kennamuu wajjin tokkodha!” jedheera. Fedhiin namootaa maal fakkaata? Johanaan, “Namoonni dhugaa dheebotaniiru. Yeroo nuti tajaajilaa hin jirrettillee, namoonni gaaffii nu gaafachuufi barreeffamoota keenya fudhachuuf karaarratti nu dhaabu turan” jetteetti. Achi dhaquunsaanii gaaʼelasaaniirratti jijjiirama akkamii fide? Saabastiyan, “Gaaʼela keenya nuuf cimseera. Guyyaa guutuu haadha manaakoo wajjin tajaajiluun gammachuu naaf argamsiiseera” jedheera.

Eeriikiifi haati manaasaa Kaatiin, kaaba Beeniinitti naannoo namoonni walirraa faffagaatanii jiraatanitti qajeelchitoota taʼanii tajaajilu. Waggaa 10 dura Faransaay ennaa turanitti, matadureewwan waaʼee naannoo labsitoonni caalaatti barbaachisanitti deemanii tajaajiluu dubbatan dubbisaniiru; tajaajiltoota yeroo guutuu wajjinis mariʼataniiru. Kunis biyya kan biraa dhaquuf waan isaan kakaaseef bara 2005⁠tti gara Beeniin deeman. Guddinni naannoo isaan itti tajaajilanitti argame isaan dinqisiiseera. Eeriik, “Waggaa lama dura tuutni keenya Taanguweetaatti argamu babalʼistoota 9 qaba ture; amma 30 taʼeera. Guyyaa Dilbataatti, namoonni 50 hanga 80 taʼan walgaʼiirratti ni argamu. Guddina akkasii arguun gammachuu nuuf argamsiiseera” jedheera.

Kaatiifi Eeriik

RAKKOOWWAN ADDA BAASANII BEEKUUFI MOʼUU

Benjamin

Rakkinni obboloota ‘naannoo labsitoonni caalaatti barbaachisanitti’ tajaajilan mudatan maalfaʼi? Beenjaamiin, inni umriinsaa waggaa 33 taʼe, obboleessa Aana Raakalidha. Bara 2000⁠tti, Deenmaarkitti misiyoonii Toogootti tajaajilaa ture tokkoo wajjin wal argee ture. Akkas jedheera: “Obboleessa misiyoonii taʼe sanatti qajeelchaa taʼuu akkan barbaadu ennaan itti himu, ‘Qajeelchaa taʼuudhaan Toogootti tajaajiluu ni dandeessa’ naan jedhe.” Beenjaamiin dhimmicharratti yaadee ture. “Yeroo sana umriinkoo waggaa 20 hin guunne; obboleettonnikoo lamaan garuu yeroo sana Toogootti tajaajilaa turan. Kunis achi dhaquun akka naaf salphatu godheera” jedheera. Kanaaf achi ni dhaqe. Taʼus ammayyuu wanti isa rakkisu jira ture. Beenjaamiin, “Afaan Faransaay hin beekun ture. Namootaa wajjin walii galuu waanan hin dandeenyeef, jiʼoonni jaʼan jalqabaa rakkisaa turan” jedheera. Yeroo booda garuu, walii galuu dandaʼeera. Beenjaamiin, Betʼel Beeniinitti argamu keessatti barreeffamoota erguufi kutaa kompiitaraa gargaaruudhaan tajaajilaa jira.

Maarii Eeniisiifi Miisheel

Eeriikiifi Kaatiin warri olitti caqasaman, gara Beeniin dhaquusaanii dura Faransaayitti namoota afaan biyya alaa dubbataniif lallabu turan. Haalli Afriikaa Lixaa adda kan taʼe akkamitti? Kaatiin, “Iddoo jireenyaaf mijataa taʼe argachuun rakkisaadha. Elektiriikiifi bishaan boombaa malee jiʼoota hedduudhaaf jiraanneerra” jetteetti. Eeriik, “Sagaleen muuziqaa ollaa keenyaa hanga halkan walakkaatti iyya ture. Yeroo akkasiitti obsa qabaachuufi dandeessee jiraachuuf fedha qabaachuu qabda” jedheera. Lamaanuu akkas jedhaniiru: “Gammachuun naannoo dhugaan itti lallabamee hin beekneetti tajaajiluudhaan argamu rakkina kamiyyuu kan nama irraanfachiisudha.”

Hiriyoonni gaaʼelaa Miisheeliifi Maarii Eeniis jedhaman, dhuma umrii waggoota 50mmanii keessatti argamaniifi Faransaayii dhufan, waggaa shan dura gara Beeniin dhaqanii turan. Jalqabarratti yaaddaʼanii turan. Miisheel akkas jedheera: ‘Namoonni tokko tokko murtoo deemuuf goone, nama funyoo diriiraarra gaarii dhiibaa deemuu wajjin kan wal fakkeessan siʼa taʼu, nuunis akka nama gaarii sanarra taaʼetti nu lakkaaʼanii turan! Qaamni funyoo diriirfame sanarra deemu Yihowaa taʼuusaa yoo beekuu baatte, haallisaa si sodaachisuu dandaʼa. Kanaaf, Yihowaa tajaajiluuf, gargaarsasaatiin deemuu dandeenyeerra.’

OF QOPHEESSUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Obboloonni ‘naannoo labsitoonni caalaatti barbaachisanitti’ tajaajilan, dursanii karoora baafachuun, haala haaraa wajjin walbaruun, qusannaa barachuuniifi Yihowaatti amanamuun barbaachisaa akka taʼe dubbatu.​—Luq. 14:28-30.

Saabastiyan, inni olitti caqasame, “Aniifi Johanaan deemuu keenya dura, qarshii bashannanaaf baasnurraa hirʼisuudhaan, akkasumas wantoota barbaachisaa hin taane bituu dhiisuudhaan waggaa lamaaf qarshii walitti qabanne” jedheera. Biyya alaatti tajaajiluusaanii itti fufuuf waggaa waggaadhaan Awurooppaa deemanii jiʼa muraasaaf hojjetu; kunimmoo jiʼoota hafan Beeniinitti qajeelchaa taʼanii tajaajiluuf isaan dandeessiseera.

Maarii Tereezaa

Maarii Tereezaan, obboleettota qeentee biyya alaatii dhufanii Afriikaa Lixaatti tajaajilan 20 taʼan keessaa tokkodha. Faransaayitti konkolaachisaa atoobisii kan turte siʼa taʼu, bara 2006⁠tti Niijaritti qajeelchaa taatee tajaajiluuf boqonnaa waggaa fudhatte. Utuu baayʼee hin turin, kun haala jireenyaa isheen jiraachuu barbaaddu taʼuusaa hubatte. Akkas jetteetti: “Faransaayitti ergan deebiʼee booda, sagantaa hojiikootii sirreessuu akkan barbaadu hogganaa kootti kanan hime siʼa taʼu, innis naaf heyyame. Caamsaa hanga Hagayyaatti Faransaayitti konkolaachistuu taʼeen hojjedha; Fulbaanaa hanga Eblaattimmoo Niijaritti qajeelchaa taʼeen tajaajila.”

Saafiiraa

Obboloonni ‘duraan dursanii yaadasaanii Mootummichatti hidhan,’ Yihowaan ‘kan barbaachisu hunda’ akka isaaniif kennu amanuu dandaʼu. (Mat. 6:33) Fakkeenyaaf, haala Saafiiraa, obboleettii qeentee dhuma umrii waggoota 20mmanii keessatti argamtuufi Faransaayii gara Beeniin deemtee qajeelchaa taʼuudhaan tajaajiltuu ilaali. Bara 2011⁠tti qarshii waggaa dabalataatiif (waggaa jaʼaffaatiif) Afriikaa keessatti tajaajiluuf ishee barbaachisu argachuuf Faransaayitti deebite. Saafiiraan akkas jetteetti: “Guyyaansaa Jimaata kan ture siʼa taʼu, hojiikoo kanan xumuru guyyaa kanatti ture; qarshii waggaa dhufuuf na barbaachisu guuttachuuf garuu ammayyuu guyyaa kudhan hojjechuun qaban ture. Yeroon Faransaay keessa turuuf qabus torban lama qofa ture. Haalan keessa jiru ibseen Yihowaa kadhadhe. Achiis utuu baayʼee hin turin, bakka buʼaan dhaabbata tokkoo nama tokko torban lamaaf bakka buʼuu kanan dandaʼu taʼuusaa na gaafate.” Saafiiraan, gaafa Wiixataa dubartiin isheen bakka buutu akka ishee leenjistuuf gara iddoo hojii sanaa deemte. Akkas jetteetti: “Dubartiin sun obboleettii Mana Barumsaa Qajeelchitootaarratti hirmaachuuf guyyaa kudhaniif boqonnaa barbaaddu taʼuushee ennaan hubadhu baayʼeen ajaaʼibsiifadhe! Hogganaanshee, namni bakkashee buʼu hin jiru taanaan akka hin heyyamneef itti himee ture. Akkumakoo isheenis Yihowaan akka ishee gargaaru cimsitee kadhattee turte.”

MADDA GAMMACHUU DHUGAA

Obboloonni tokko tokko, Afriikaa Lixaatti waggoota hedduudhaaf kan tajaajilan siʼa taʼu, iddoo itti tajaajilan akka biyyasaaniitti ilaalu. Kaanimmoo, waggaa muraasaaf erga tajaajilanii booda gara biyyasaaniitti deebiʼaniiru. Haataʼu malee, obboloonni kun kanaan dura ‘naannoo labsitoonni caalaatti barbaachisanitti’ tajaajiluunsaanii hamma ammaattillee faayidaa isaaniif argamsiiseera. Jireenya keessatti gammachuun dhugaan kan argamu Yihowaa tajaajiluudhaan akka taʼe barataniiru.

^ key. 6 Hojii biyyoota afaan Faransaay itti dubbatamu arfan keessatti hojjetamu kan toʼatu waajjira damee Beeniinidha.