Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tarkaanfiiwwan Dubbisa Macaafa Qulqulluurraa Buʼaa Argachuuf Gargaaran Torba

Tarkaanfiiwwan Dubbisa Macaafa Qulqulluurraa Buʼaa Argachuuf Gargaaran Torba

Tarkaanfiiwwan Dubbisa Macaafa Qulqulluurraa Buʼaa Argachuuf Gargaaran Torba

“Macaafni Qulqulluun kitaaba seenaa ilmaan namootaa keessatti baayʼinaan gurguramuudhaan homtinuu ittiin hin qixxaanne taʼuusaarrayyuu, kitaaba wagguma waggaadhaan kitaabota kaan caalaa baayʼinaan gurguramudha.”—BARRUU TAAYIM.

“Al tokko tokko Macaafa Qulqulluu kanan dubbisu taʼuyyuu, baayʼee na nuffisiisa.” —KIIT, WEELLISAA BEEKAMAA INGILAAD.

NAMOONNI hedduun Macaafa Qulqulluu kan qaban taʼaniyyuu, wanta dubbisanirraa faayidaa guddaa kan hin arganne taʼuunsaanii kan nama dinqisiisudha. Kaan garuu, wanti Macaafa Qulqulluurraa dubbisan faayidaa guddaa akka qabu isaanitti dhagaʼama. Fakkeenyaaf, dubartiin Naansii jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Ganama yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluu ergan jalqabee kaasee, rakkina guyyaa keessatti na mudatu kamiyyuu moʼuuf akkan qophaaʼe natti dhagaʼama. Yeroo hundumaa dubbisuunkoo, yaaliiwwan ani dhiphinakoo moʼuuf waggaa 35 darbanitti godhe caalaa fooyyaʼiinsa naa argamsiiseera.”

Macaafa Qulqulluu dubbistee kan hin beekne yoo taʼeyyuu, namoonni tokko tokko dubbisanii faayidaa akka irraa argatan dhagaʼuunkee dubbisuuf fedhii akka qabaattu si hin kakaasuu? Macaafa Qulqulluu dubbisaa kan jirtu yoo taʼemmoo, dubbisa keerraa caalaatti faayidaa argachuu barbaaddaa? Taanaan, tarkaanfiiwwan mataduree kana keessatti ibsaman torba hojiirra oolchuuf yaali.

TARKAANFII 1 Fedhii sirriitiin kakaʼii dubbisi

Macaafa Qulqulluu akka barreeffama gaarii tokkootti ilaaltee ykn dirqamni akka sirra jiru waan sitti dhagaʼamuuf ykn addunyaa jeeqamaa taʼe kana keessatti qajeelfama argachuuf jettee dubbista taʼa. Kaayyoon ati Macaafa Qulqulluu itti dubbistuuf, waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa barachuuf yoo taʼe garuu faayidaa guddaa argatta. Kana malees, kan dubbistu ergaan Macaafa Qulqulluu jireenya keerratti akkamitti jijjiirama fiduu akka dandaʼu beekuuf yoo taʼe eebba hedduu argatta.

Caaffanni Qulqullaaʼoon, Macaafa Qulqulluu of ilaalee wajjin wal fakkeessuudhaan yaada sirriitiin kakaʼanii dubbisuun barbaachisaa taʼuusaa ibsu: “Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra immoo hin oolchine, akka nama fuula isaa of-ilaalee keessatti ilaalee akka jirutti ofii isaa arguu ti. Ofii isaa ilaalee erga adeemee booddee, achumaan bifni isaa attam akka ture in irraanfata. Namni seera birmadummaa isa hirʼina hin qabne keessa lixee ilaalu, isa biraas kan hin deebine, isa dhagaʼee hojii irra kan oolchu malee, kan hin irraanfanne garuu, gocha isaatti gammaduuf jira.”—Yaaqoob 1:23-25.

Namichi fakkeenya kana keessatti ibsame fuulasaa of ilaaleedhaan ilaalus, wanta fuulasaarratti arge utuu hin sirreessin hafeera. Tarii sirriitti waan of hin ilaalleef ykn jijjiirama tokko gochuuf fedhii waan hin qabneef taʼuu dandaʼa. Haaluma walfakkaatuun, nuyis Macaafa Qulqulluu dantaa dhabummaadhaan yoo dubbisne ykn waan dubbisne hojiirra utuu hin oolchin yoo hafne faayidaa xinnoo qofa arganna. Faallaa kanaatiinimmoo, ilaalchi Waaqayyoo yaadaafi gocha keenya akka nuu sirreessu heyyamuudhaan, seerasaa ‘hojiirra oolchuuf’ Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan yoo qorre gammachuu dhugaa argachuu dandeenya.

TARKAANFII 2 Hiika sirrii taʼe filadhu

Afaan keetiin hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduutu jira taʼa. Hiikawwan Dubbii Waaqayyoo hundi faayidaa siif argamsiisuu kan dandaʼan taʼus, hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko jechoota yeroon itti darbeen ykn afaan hayyootaa hubachuuf nama rakkisuun kan qophaaʼanidha. (Hojii Ergamootaa 4:13) Hiikawwan tokko tokkommoo, aadaarratti hundaaʼanii ergaa Macaafa Qulqulluu isa sirrii taʼe kan jalʼisanidha. Fakkeenyaaf, akkuma matadureewwan barruu kanaa warra jalqabaarratti ibsame, namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan tokko tokko maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu, maqaawwan ulfinaa “Waaqayyo” ykn “Gooftaa” jedhaniin bakka buusaniiru. Kanaaf yeroo hiika tokko filattu, Macaafa Qulqulluu afaan salphaatti namaaf galuufi dubbisuuf nama hawwatuun qophaaʼe filadhu.

Namoonni Macaafa Qulqulluu dubbisaniifi miliyoonaan lakkaaʼaman Hiikni Addunyaa Haaraa ulaagaa kana kan guutu taʼuusaa hubataniiru. * Mee fakkeenya maanguddoo Bulgaariyaa keessa jiraatanii ilaali. Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti kan argaman siʼa taʼu, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa tokko isaaniif kenname. Achiis akkas jedhaniiru: “Waggoota dheeraadhaaf Macaafa Qulqulluu dubbiseera; garuu hiika hubachuuf salphaa taʼeefi baayʼee garaa nama tuqu akkasii tasumaa dubbisee hin beeku.”

TARKAANFII 3 Kadhannaa godhi

Akkuma faarfaticha, “Wanta dinqisiisaa seera kee keessaa akkan argutti, ati ija koo anaaf bani!” jedhee, Waaqayyoo akka si gargaaru kadhachuudhaan caalaatti Macaafa Qulqulluu hubachuu dandeessa. (Faarfannaa 119:18) Yeroo Caaffata Qulqullaaʼoo dubbistu hundatti, Dubbiisaa hubachuuf akka si gargaaru Waaqayyoon kadhadhu. Akkasumas, utuu Macaafni Qulqulluun hin jiraannee Waaqayyoon beekuun waan hin dandaʼamneef, kennaasaa kanaaf isa galateeffadhu.—Faarfannaa 119:62.

Waaqayyo kadhannaawwan gargaarsa argachuuf dhihaatan akkasii ni dhagaʼaa? Mee wanta obbolaa waggoota kurnanii Uraagaayi keessa jiraatan lama mudate kana ilaali. Wanti Macaafni Qulqulluun Daaniʼel 2:44⁠rratti dubbatu waan isaaniif hin galleef, Waaqayyo nama caqasa kana isaan hubachiisu akka isaaniif ergu kadhatan. Macaafni Qulqulluun ijoollee durbaa kanaa akkuma banametti utuu jiruu, Dhugaa Baatonni Yihowaa lama balbalasaanii rurrukutan; achiis caqasuma ijoolleen sun waaʼeesaa kadhatanii turan dubbisanii, caqasichi bulchiinsi namootaa Mootummaa Waaqayyootiin akka bakka buufamu kan dubbatu taʼuusaa ibsaniif. * Obbolaan kun lamaan, Waaqayyo kadhannaa isaan gargaarsa argachuuf dhiheessan akka isaaniif deebise isaanitti dhagaʼameera.

TARKAANFII 4 Guyyaa guyyaadhaan dubbisi

Namni kitaaba maxxansu tokko, Fulbaana 11, 2001 shororkeessitoonni Yunaayitid Isteetis keessatti miidhaa erga geessisanii booda, “namoonni Macaafa Qulqulluu bitan takkumaan garmalee akka baayʼatan” ibseera. Namoonni hedduun gara Waaqayyootti kan garagalan yeroo dhiphatan qofadha. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun guyyaa guyyaadhaan akka isa dubbisnu yeroo nu jajjabeessu akkas jedha: “Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waaʼee isaa yaadi [“dubbisi,” hiika bara 1899]! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!”—Iyaasuu 1:8.

Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuun faayidaa akka qabu ibsuuf, fakkeenya nama dhukkuba onnee qabuufi nyaata madaalamaa nyaachuuf murteessee ilaaluu dandeenya. Nyaata madaalamaa kana kan nyaatu yeroo lapheesaa isa waraanu qofa yoo taʼe faayidaa argachuu dandaʼaa? Lakki. Caalaatti faayidaa argachuuf yeroo hundumaa nyaata madaalamaa nyaachuu qaba. Haaluma walfakkaatuun, guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuun, ‘karaankee akka siif qajeelu’ si gargaara.

TARKAANFII 5 Malawwan itti dubbistu jijijjiiri

Macaafa Qulqulluu Seera Uumamaarraa jalqabanii hamma Mulʼataatti dubbisuun gaarii taʼus, malawwan kan biraatiin dubbisuunkee, dubbisnikee caalaatti gammachiisaa akka taʼu si gargaaruu dandaʼa. Kanatti aansuudhaan yaadawwan muraasni dhihaataniiru.

Guutummaa seenaa nama tokkoo dubbisi. Boqonnaawwan ykn macaafota waaʼee nama Waaqayyoon waaqeffatu tokkoo ibsan guutummaatti dubbisi; fakkeenyaaf:

Yoseef: Uumama 37-50.

Ruut: Ruut 1-3.

Yesus: Maatewos 1-28; Maarqos 1-16; Luqaas 1-24; Yohannis 1-21. *

Dhimma tokkorratti xiyyeeffadhu. Caqasawwan dhimma sanaa wajjin walqabatan dubbisi. Fakkeenyaaf, kadhannaa ilaalchisee qorannaa godhi; achiis gorsa Macaafni Qulqulluun kadhannaa ilaalchisee kennuufi kadhannaawwan achi keessatti galmeeffaman hedduu keessaa tokko tokko dubbisi. *

Sagaleekee ol kaasii dubbisi. Sagaleekee ol kaastee Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan faayidaa guddaa argachuu dandeessa. (Mulʼata 1:3) Keeyyatasaa dabareedhaan ykn namoota seenicha keessatti caqasaman bakka buʼuudhaan, maatiikee wajjin sagalee keessan ol kaastanii dubbisuu dandeessu. Warri tokko tokko, dubbisa Macaafa Qulqulluu sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachuun isaanitti tola. Dubartiin tokko akkas jetteetti: “Macaafa Qulqulluu dubbisuu jalqabuun natti ulfaatee waan tureef, dubbisa Macaafa Qulqulluu sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachuun jalqabe. Amma Macaafni Qulqulluun kitaaba asoosamaa gaarii kamiyyuu caalaa kan nama gammachiisu taʼuusaa hubadheera.”

TARKAANFII 6 Xiinxali

Yeroo ammaatti, jireenyi ariitiifi wantoota yaada namaa hihhiraniin waan guutameef, xiinxaluuf yeroo argachuun rakkisaadha. Haataʼu malee, nyaata nyaannerraa faayidaa argachuuf nyaanni sun akkuma daakamuu qabu, wanta Macaafa Qulqulluurraa dubbisnerraa faayidaa argachuufis xiinxaluu qabna. Wanta dubbisne sana yaada keenya keessatti irra deebiʼuufi gaaffiiwwan kana of gaafachuudhaan kana gochuu dandeenya: ‘Wantin dubbise waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? Kana hojiirra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti? Warra kaan gargaaruufoo itti fayyadamuu kanan dandaʼu akkamitti?’

Haala kanaan irratti yaaduun keenya, ergaan Macaafa Qulqulluu garaa keenya akka tuquufi gammachuun Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan argannu akka dabalu godha. Faarfannaan 119:97, “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jedha. Faarfatichi, Caaffata Qulqullaaʼoorratti guyyaa guutuu irra deddeebiʼee yaaduudhaan xiinxala ture. Kunis wanta barateef jaalala guddaa akka qabaatu isa gargaareera.

TARKAANFII 7 Hubachuuf gargaarsa gaafadhu

Waaqayyo ofuma keenyaan Dubbisaa guutummaatti akka hubannu nurraa hin eegu. Macaafni Qulqulluunis “wanti hubachuun isaa nama dhibu tokko tokko” akka isa keessa jiru ibsa. (2 Phexros 3:16) Macaafni Hojii Ergamootaa namni Itoophiyaa aangoo qabu tokko, kutaa Macaafa Qulqulluu dubbisaa ture hubachuun isa rakkisee akka ture ibsa. Waaqayyo tajaajilaasaa tokko ergee akka isa gargaaru kan godhe siʼa taʼu, namichi Itoophiyaa sunis “karaa isaa itti fufee gammadaa adeeme.”—Hojii Ergamootaa 8:26-39.

Atis wanta dubbistu hubachuuf gargaarsa gaafachuudhaan, dubbisa Macaafa Qulqulluu keerraa caalaatti faayidaa argachuu dandeessa. Kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yoo barbaadde, Dhugaa Baatota Yihowaa naannookee jiran gaafadhu ykn teessoo barruu kanarra fuula 4⁠rra jiruun barreessuudhaan gaafachuu dandeessa.

[Miiljaleewwan]

^ key. 12 Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfamu siʼa taʼu, guutummaansaa ykn gar tokkoonsaa afaan 83n argama; weeb saayitii www.watchtower.org jedhamu irrattimmoo afaan 11n argama.

^ key. 15 Mootummaa Waaqayyoofi wanta inni raawwatu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼeefi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 8 ilaali.

^ key. 24 Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaaf haaraa yoo taate, Wangeela Maarqos waaʼee jireenya Yesus gabaabsee galmeesse dubbisuudhaan jalqabuu dandeessa.

^ key. 25 Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu, namoonni hedduun Macaafa Qulqulluu mataduree matadureedhaan akka qayyabatan gargaareera. Fakkeenyaaf, Boqonnaan 17 kadhannaa ilaalchisee wanta Caaffanni Qulqullaaʼoon jedhan ibsa.