Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

“Warri mana mootii warra Roomaa” keessa jiraniifi Kiristiyaanota Filiphisiiyusitti karaa Phaawulos nagaa dhaaman eenyu turan?

Phaawulos ergamaan Roomaa taaʼee gumii Filiphisiiyusiif kan barreesse Dh.K.B. naannoo bara 60 hanga 61⁠tti yommuu taʼu, caqasa kanarratti Mootii warra Roomaa jedhee kan inni dubbate waaʼee Neeroo Mootii Moototaa ture. Haataʼu malee, maatii Neeroo keessaa Kiristiyaanota Filiphisiiyusiif eenyutu nagaa erguu dandaʼa?—Filiphisiiyus 4:22.

Yaanni, “warri mana mootii warra Roomaa” jedhu namoota mootichaaf firoota dhihoo taʼan qofa argisiisa jedhanii fudhachuun dogoggora. Kanaa mannaa, yaanni kun namoota Roomaafi kutaawwan bulchiinsa Roomaa kaan keessa jiraataniifi hojjettoota mootichaa turan, jechuunis warra garboota taʼaniifi warra luba baʼan hunda kan dabalatudha. Kanaafuu, “warri mana mootii warra Roomaa” jedhaman garboota kumaan lakkaaʼaman kan dabalatan taʼuu dandaʼu. Namoonni kun, manneen mootummaa mootichaa keessattiifi qabeenya dhuunfaa mootichaarratti hojii bulchiinsaas taʼe hojii gadaanaa kan hojjetan turan. Namoota kana keessaa tokko tokko hojii bulchiinsaa keessattillee gaʼee kan qaban turan.

Hojjettoota mootii moototaa Roomaa keessaa tokko tokko Kiristiyaanota akka taʼan haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Kiristiyaanota taʼuu kan dandaʼan lallaba Phaawulos Roomaa keessatti godheen taʼuufi dhiisuusaa ilaalchisee wanti beekamu hin jiru. Sanas taʼe kana, namoonni kun gumii Filiphisiiyus keessa jiruuf jaalala qabu turan. Filiphisiiyus ishee bulchiinsa warra Roomaa jala turte keessa loltoonni soorama baʼaniifi hojjettoonni mootummaa hedduun waan jiraataniif, Kiristiyaanonni magaalattii keessa turan tokko tokko namoota karaa Phaawulos nagaa isaaniif dhaamanii wajjin michoota taʼuu dandaʼu.

Obboleessa abbaa manaa ofiitti heerumuu ilaalchisee wanti Seera Musee keessatti caqasame maalidha?

Bara durii Israaʼel keessatti dhiirri tokko utuu ilma hin godhatin yoo duʼe, hiddi dhaloota namichaa akka itti fufu gochuuf, obboleessisaa haadha manaa nama isa duʼee fuudhee mucaa akka isaaf godhatu irraa eegama ture. (Uumama 38:8) Qophiin kun yeroo booda Seera Musee keessatti dabalamee kan barreeffame yommuu taʼu, kunis obboleessa abbaa manaa ofiitti heerumuu jedhamee beekama ture. (Keessa Deebii 25:5, 6) Wanta Boaz godhe ilaalchisee, yaanni macaafa Ruut keessatti barreeffamee jiru, namni duʼe sun obboleessa hin qabu taanaan, dhiirri firasaa taʼe kan biraan haadha manaa namichaa fuudhuu akka dandaʼu argisiisa.—Ruut 1:3, 4; 2:19, 20; 4:1-6.

Yaada Saduqoonni dubbataniifi Maarqos 12:20-22⁠rra jirurraa hubachuun akkuma dandaʼamu, bara Yesus turettis obboleessa abbaa manaa ofiitti heerumuun beekamaa ture. Barreessaa seenaafi nama Yihudii kan taʼe Filaaviyas Joseefas, gochi kun maqaan maatichaa akka itti fufu gochuu qofa utuu hin taʼin, qabeenyisaaniis akka eegamu, akkasumas haati hiyyeessaa abbaan manaa irraa duʼe kunuunsa akka argattu kan godhudha jedheera. Yeroo sanatti, haati manaa tokko qabeenya abbaa manaashee dhaaluuf mirga hin qabdu turte. Haataʼu malee, mucaan obboleessa nama isa duʼeerraa dhalate tokko maqaa nama isa duʼeetiin qabeenya nama duʼe sanaa dhaaluu dandaʼa.

Seerichi firoonni nama isa duʼee, haadha manaa nama sanaa fuudhuu diduuf mirga akka qaban ni heyyama. Taʼus, dhiirri tokko ‘mana obboleessasaa ijaaruu’ diduun akka salphinaatti ilaalama ture.—Keessa Deebii 25:7-10; Ruut 4:7, 8.