Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Dhumarratti Birmadummaa Dhugaa Argadheera.”

“Dhumarratti Birmadummaa Dhugaa Argadheera.”
  • BARA DHALOOTAA: 1981

  • BIYYA DHALOOTAA: YUNAAYITID ISTEETIS

  • SEENAA: ILMA BADEE ARGAME

JIREENYAKOO DURAA:

Kanan dhaladhe, magaalaa tasgabbooftuu, kaaba Weest Varjiiniyaa Yuu.Eess.Ee. qarqara Laga Ohaayootti argamtuufi Moondisviil jedhamtuttidha. Warrikoo ijoollee afur jechuunis dhiira sadiifi durba tokko kan qaban yommuu taʼu, isaan keessaa ani isa lammaffaadha; manni keenyas gammachuudhaan kan beekamudha. Warrikoo jabaatanii kan hojjetan, amanamoofi namoota kan jaallatanidha. Qabeenya baayʼee yoo qabaachuu baanneyyuu wanta jireenyaaf barbaachisu qabna. Warrikoo Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif, ijoollummaa keenyaa kaasanii seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin nu guddisuuf yaalii gochaa turaniiru.

Umrii dargaggummaa keessa yommuun seenetti garuu, garaankoo na gowwoomsuudhaan karaan baradherraa na jalʼisuu jalqabe. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu eeganii jiraachuun sirrii taʼuufi gammachuu kan argamsiisu taʼuusaa shakkuun jalqabe. Wantan barbaade hunda raawwachuun gammachuu dhugaa naaf argamsiisa jedheen yaade. Utuma baayʼee hin turin walgaʼii dhaquun dhiise. Obboleessikoo inni angafaafi obboleettinkoo isheen quxusuunis akkumakoo godhan. Warri keenya nu gargaaruuf waan isaanii dandaʼame hunda godhaniyyuu nuti garuu gargaarsa isaanii fudhachuu dinne.

Haataʼu malee birmadummaan ani barbaade, araada addaddaatiif akka na saaxilu hin beekun ture. Guyyaa tokko utuun mana barumsaatii galaa jiruu hiriyaankoo tokko sijaaraa akkan xuuxuuf naa kenne. Anis harkaan fudhadhe. Guyyaa sanaa jalqabee, gocha sirrii hin taane hedduurratti hirmaachuun jalqabe. Achiis suutuma suuta qoricha sammuu hadoochuufi dhugaatii alkoolii addaddaa fudhachuu, akkasumas jireenya gadhiisii jiraachuun jalqabe. Sana booda waggaa hedduudhaaf qoricha ciccimaa sammuu hadoochan fudhachuu kanan jalqabe siʼa taʼu baayʼeesaaniitiif garban taʼe. Araadni qoricha kanaa natti hammaachaa waan dhufeef qarshiin araadakoo ittiin baʼu argachuuf qoricha sammuu hadoochu gurguruun jalqabe.

Wanta yaadni garaakoo natti himu fudhachuu caalaatti didaa yommuun deemu, jireenya gadhee jiraachaa akkan jiru natti himuudhaan yaadni garaakoo yeroo hunda na ceephaʼa. Haataʼu malee, jireenyikoo garmalee waan mancaʼeef of sirreessuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture. Namoota baayʼee wajjin afeerraafi qophii sirbaa addaddaarratti kanan argamu taʼus, yeroo baayʼee kophummaafi gadda guddaatu natti dhagaʼama ture. Yeroo tokko tokko, ‘Maatii baayʼee naaf yaadaniifi gaarii taʼan utuman qabuu dhugaarraa kanan fagaadhe maaliifi?’ jedheen of gaafadhan ture.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Jijjiiramuu akkan hin dandeenye yoo natti dhagaʼameyyuu, namoonni kaan garuu akkasitti hin yaadne. Bara 2000⁠tti, warrikoo walgaʼii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaarratti akkan argamuuf na afeeran. Natti toluu baatus gara walgaʼichaa isaanii wajjinan dhaqe. Kan nama dhibu, obboloonnikoo warri dhugaarraa fagaatanii turanis walgaʼicharratti argamaniiru.

Utuun walgaʼicharra jiruu, waggaa tokko dura qophii muuziqaa rook irratti argamuuf bakka kana dhufee akkan turen yaadadhe. Garaagarummaan qophii sirbaa yeroo sana tureefi walgaʼii kana gidduu jiru baayʼee na tuqe. Qophii sirbaa sanarratti bakki sun kosiifi aara sijaaraatiin guutamee ture. Namoonni qophii sirbaa sanarratti argaman jaalala kan hin qabne siʼa taʼu, ergaan muuziqaa sanaas baayʼee kan nama jibbisiisu ture. Namoonni walgaʼii koonyaa sanarra turan garuu, gammachuu dhugaa kan qaban siʼa taʼu, waggaa baayʼeedhaaf isaanirraa fagaadhee kanan ture taʼus miira hoʼaadhaan na simatan. Bakki walgaʼichi itti godhamu qulqulluu siʼa taʼu barumsisaas abdii kan namaaf kennu ture. Buʼaa gaarii dhugaan Macaafa Qulqulluu qabu hubachuunkoo, dhugaarraa kanan fagaadhe maaliif akka taʼe akkan of gaafadhu na godhe.​—Isaayaas 48:17, 18.

“Macaafni Qulqulluun, qoricha sammuu hadoochutti fayyadamuufi gurguruu dhiisuudhaan nama gaarii akkan taʼu na godheera”

Akka walgaʼiin sun xumurameen gara gumii Kristiyaanaatti deebiʼuufan murteesse. Obboloonnikoo lamaanis barumsa argatanitti baayʼee waan tuqamaniif akkumakoo gara gumii Kristiyaanaatti deebiʼuuf murteessan. Achiis sadan keenyayyuu Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabne.

Waan hunda caalaa caqasni Macaafa Qulqulluu na tuqe Yaaqoob 4:8 isa, “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata” jedhu ture. Waaqayyotti dhihaachuu yoon barbaade akkaataan itti jiraadhu qulqulluu gochuu akkan qabun hubadhe. Jijjiiraman gochuu qabu keessaa tokko tokko tamboo xuuxuu, qoricha sammuu hadoochu fudhachuufi dhugaatii alkoolii baayʼee dhuguu dhiisuu ture.​—2 Qorontos 7:1.

Hariiroon hiriyoota koo warra durii wajjin qabu addaan kutuudhaan namoota Yihowaa waaqeffatan keessaa hiriyoota haaraan baafadhe. Gama kanaan jaarsi gumii Macaafa Qulqulluu na qayyabsiisaa ture gargaarsa guddaa naaf godheera. Yeroo baayʼee kan naa bilbilu taʼuusaarrayyuu mana dhufee na gaafata ture. Yeroo harʼaa, jaarsi gumii kun hiriyootakoo warran baayʼee itti siqu keessaa isa tokkodha.

Bara 2001 waqtii birraatti, Waaqayyoof of murteessuudhaan kanan cuuphame siʼa taʼu, obboloonnikoo lamaanis anaa wajjin cuuphaman. Guutummaan maatii keenyaa Yihowaa waaqeffachuu yommuu jalqabu warrikoofi obboleessikoo quxisuun inni amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa ture baayʼee gammadanii turan.

FAAYIDAAN ARGADHE:

Seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kan asiif achi nama hin jechisiifne akka taʼetti ilaalaa kanan ture taʼus, amma garuu eegumsa guddaa akka naa godhu hubadheera. Macaafni Qulqulluun, qoricha sammuu hadoochutti fayyadamuufi gurguruu dhiisuudhaan nama gaarii akkan taʼu na godheera.

Obboloota addunyaa maratti tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffatan keessaa isa tokko taʼuuf mirga argadheera. Namoonni kun waliisaaniitiif jaalala dhugaa kan qaban taʼuusaaniirrayyuu tokkummaadhaan Waaqayyoon tajaajilu. (Yohannis 13:34, 35) Haadha manaan baayʼee jaalladhu, kabajuufi Andiriyaan jedhamtu kanan argadhe, namoota tokkummaa qaban kana keessaa ture. Aniifi Andiriyaan waliin taanee Uumaa keenya tajaajiluun baayʼee nu gammachiisa.

Yeroo ammaa, jireenya ofittummaa jiraachuu mannaa, tajaajilaa yeroo guutuu taʼee Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisuudhaan isaanis akkumakoo faayidaa akka argatan gargaaraan jira. Hojii kana caalaa wanti gammachuu guddaa naaf argamsiisu hin jiru. Macaafni Qulqulluun jireenyakoo akka jijjiire afaan guutee dubbachuu nan dandaʼa. Dhumarratti birmadummaa dhugaa argadheera.