Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abbootiin Manaa Manni Keessan Bakka Tasgabbiin Jiru Akka Taʼu Godhaa

Abbootiin Manaa Manni Keessan Bakka Tasgabbiin Jiru Akka Taʼu Godhaa

ABBAAN MANAA tokko haadha manaa isaatti tasgabbiin akka dhagaʼamu gochuu kan dandaʼu akkamitti? Namoonni hedduun hawaasa itti gaafatamummaan abbaa manaa gama qarshiitiin maatii isaa gargaaruu qofa akka taʼetti yaadu keessatti kan guddatani dha. Haa taʼu malee, haadhotiin manaa qabeenya hedduu qaban tokko tokko tasgabbiin kan isaanitti hin dhagaʼamne taʼuu isaa irra iyyuu sodaadhaan kan guutamani dha. Fakkeenyaaf dubartiin biyya Ispeen Roosaa jedhamtu abbaa manaa ishee ilaalchisee, “Bakkeetti gaarii mana keessatti garuu nama hamaa dha” jechuudhaan dubbatteetti. Jooy isheen Naayijeeriyaa jiraattu immoo akkas jetteetti; “Wantoonni anii fi abbaan manaa koo irratti walii hin galle yeroo jiraatutti ‘Ani abbaa manaa kee waanan taʼeef wantan siin jedhu hunda gochuu qabda!’ naan jedha.”

Abbaan manaa tokko jaalalaan itti gaafatamummaa isaa baʼuu kan dandaʼu akkamitti? Manni isaa mana tasgabbii qabu, jechuunis mana haati manaan isaa ‘uffee itti jettu’ akka taʼu gochuu kan dandaʼu hoo akkamitti?—Ruut 1:9.

AANGOO ABBAA MANAA ILAALCHISEE WANTA MACAAFNI QULQULLUUN JEDHU

Abbaan manaa fi haati manaa Waaqayyo duratti ija tokkoon kan ilaalaman taʼus, lamaanuu maatii keessatti gahee mataa isaanii akka qaban Macaafni Qulqulluun ni ibsa. Roomaa 7:2 irratti dubartiin heerumte tokko, ‘seera abbaa manaa ishee’ jala kan jirtu taʼuu ishee dubbata. Akkuma dhaabbilee hedduun waajjira isaanii keessatti hogganaa muudan, Waaqayyos abbaan manaa mataa haadha manaa akka taʼu isa muudeera. (1 Qorontos 11:3) Abbootiin manaa maatii isaanii adda durummaadhaan geggeessuu qabu.

Maarree abbootii manaa kan taatan itti gaafatamummaa Waaqayyo isinii kenne akkamitti baʼuu qabdu? Macaafni Qulqulluun, “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, . . . abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” jedha. (Efesoon 5:25) Eeyyee, Yesus gaaʼela kan godhate taʼuu baatus abbootii manaa gaarii akka taataniif isin gargaaruu dandaʼa. Mee akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

JIREENYA YESUS ISA ABBOOTII MANAATIIF FAKKEENYA GUDDAA TAʼU

Yesus warra kaan jajjabeessuu fi gargaaruu barbaada. Yesus namoota rakkina isaan irra gaʼuun cunqurfamanii fi dadhaban hundaan, “Gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna” jedheera. (Maatewos 11:28, 29) Yeroo baayʼee dhibee gama qaamaatiin qaban irraa isaan fayyisaa, akkasumas Yihowaatti akka dhihaatan isaan gargaaraa ture. Kanaaf namoonni baayʼeen Yesus baʼaa isaanii akka isaaniif salphisu amananii gara isaa dhaquun isaanii kan nama ajaaʼibsiisu miti.

Abbootiin manaa Yesusiin fakkaachuu kan dandaʼan akkamitti? Karaa baʼaa haadha manaa kee salphisuu itti dandeessu barbaadi. Haadhotiin manaa tokko tokko akka Roosaa ishee, “Abbaan manaa koo akka hojjettuu mana keessaatti na ilaala” jechuudhaan dubbattee isaanitti dhagaʼama. Faallaa kanaatiin immoo Kiweekuu inni gaaʼela gammachiisaa taʼe qabu akkas jedheera: “Haadha manaa koo maal gargaaruu akkan dandaʼun ishee gaafadha. Waanan ishee jaalladhuuf hojii mana keessaa yeroo isheen hojjettu dursa fudhadheen ishee gargaara.”

Yesus kan namaa yaaduu fi miira namaa kan hubatu dha. Dubartiin tokko waggaa 12f dhibee fayyaa cimaa taʼeen rakkachaa turte. Dinqiidhaan akka inni namoota fayyisu yommuu dhageessetti, “Uffatuma Yesus yoon tuqe illee nan fayya” jettee yaadaa turte. Akkas gochuun ishees sirrii ture. Isatti siqxee fiixee uffata isaatii akkuma tuqxeen fayyuu dandeesseetti. Namoonni achi turan tokko tokko dubartiin sun ija jabina hin taane akka argisiistetti yaadanii kan turan taʼus, Yesus garuu rakkina dubartittii isheedhaaf hubateera. * Kanaaf gaarummaadhaan, ‘Yaa intala ko, dhukkuba keettii kan fayyite taʼi!’ ittiin jedhe. Yesus dubartittii hin yeellaasifne ykn ishee hin ifanne, kanaa mannaa dhukkuba ishee isheedhaaf hubateera. Kun Yesus hammam akka namaaf yaadu kan argisiisu dha.—Maarqos 5:25-34.

Abbootiin manaa Yesusiin fakkaachuu kan dandaʼan akkamitti? Miirri haadha manaa keetti dhagaʼamu gaarii yommuu hin taanetti, isa yeroo kaanii caalaa akka isheedhaaf yaaddu argisiisi, akkasumas obsaan ishee qabi. Bakka ishee of kaaʼuudhaan miira ishee hubachuuf carraaqqii godhi. Fakkeenyaaf Riikaardoon akkas jedheera; “Haati manaa koo gar malee aaraa akka jirtu yoon hubadhe wantoota caalaatti akka isheen aartu godhan dubbachuu irraa fagaachuuf carraaqqiin godha.”

Yesus bartoota isaa wajjin ni haasaʼa ture. Yesus waaʼee dhimmoota garaa garaa kaasuudhaan michoota isaa wajjin ni haasaʼa ture. Yesus, “Waanan abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaas isin beeksiseera” jedheera. (Yohannis 15:15) Yesus xiinxaluu fi kadhachuuf jecha kophaa isaa taʼuu yeroo inni itti barbaadu akka ture beekamaa dha. Haa taʼu malee yeroo baayʼee yaada isaa bartoota isaatiif hiraa ture. Guyyaa galgala akka yakkamaatti lakkaaʼamee ajjeefamuu isaa dura turetti, ‘baayʼee gaddee’ akka ture bartoota isaatti himeera. (Maatewos 26:38) Yommuu wanta nama aarsu raawwatanitti illee matumaa isaaniin hin oodne.—Maatewos 26:40, 41.

Dhiirri tokko fakkeenya Yesus kan hordofu taanaan abbaa manaa fi abbaa gaarii taʼuu dandaʼa

Abbootiin manaa Yesusiin fakkaachuu kan dandaʼan akkamitti? Miira kees taʼe wanta yaaddu haadha manaa keetti himi. Haati manaan tokko abbaan manaa ishee warra kaanii wajjin akka dubbatuu fi mana keessatti garuu akka callisu dubbachuudhaan isa komatti taʼa. Karaa gara biraa immoo dubartiin Aanaa jedhamtu yeroo abbaan manaa ishee garaa isaa irraa ishee haasofsiisu wanta itti dhagaʼamu, “Baayʼee akka na jaallatuu fi caalaatti akka walitti siqne natti dhagaʼama” jechuudhaan dubbatteetti.

Haadha manaa keetiin ooduudhaan ishee adabuuf hin yaalin. Dubartiin tokko, “Abbaan manaa koo yommuu natti gaddu guyyoota hedduudhaaf naan ooda. Kun immoo balleessaa akkan qabuu fi akkan jibbame akka natti dhagaʼamu godha” jetteetti. Namichi Eedwaan jedhamu garuu Yesusiin fakkaachuuf carraaqqii godha. “Yommuun aaru yeruma sana deebii hin kennu, taʼus yeroo mijataa dhimmicha irratti mariʼachuudhaan furmaata itti kennuuf na gargaarun filadha” jechuudhaan dubbateera.

Jooy isheen jalqaba irratti caqasamte, abbaan manaa ishee Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu erga jalqabee booda jijjiirama isa irratti argiteetti. “Amalli abbaa manaa koo baayʼee kan fooyyaʼe yommuu taʼu Yesusiin fakkaachuudhaan caalaatti abbaa manaa jaalala qabeessa taʼuuf carraaqqii cimaa gochaa jira” jetteetti. Hiriyoonni gaaʼelaa miliyoonaan lakkaaʼaman Macaafa Qulqulluu qayyabachuun isaanii faayidaa isaaniif argamsiiseera. Atoo isaan keessaa tokko taʼuu ni barbaaddaa? Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko Macaafa Qulqulluu kaffaltii malee akka si qayyabsiisu gaafachuu ni dandeessa.

^ KEY. 10 Akka Seera Museetti haalli dubartiin kun keessa turte qulqulluu akka isheen hin taane waan godhuuf, namoonni isheen tuqxe hundi akka xuraaʼanitti ilaalamu turan.—Lewwoota 15:19, 25.