Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | DEBORAA

‘Ani Israaʼeliif Haadha Taʼee Kaʼeera’

‘Ani Israaʼeliif Haadha Taʼee Kaʼeera’

DEBORAAN loltoota fiixee Tulluu Taabor irratti walitti qabaman ilaalaa jirti. Isaaniin asitti arguun ishii baayʼee ishii dinqisiiseera. Ganama barii kanaan waaʼee ija jabina isaanii fi amantii Baaraaq isa geggeessaa isaanii taʼe irratti xiinxalaa jirti. Namoonni ciccimoon 10,000 taʼanis, guyyaa harʼaa amantiin isaanii fi ija jabinni isaanii baayʼee qorama. Waraana diina gara jabeessaa taʼee fi lakkoofsaanis taʼe meeshaa hidhateen isaan caaluu wajjin wal loluuf jedhu. Taʼus, kanas taʼe sana, adda durummaadhaan dubartiin kun waan isaan jajjabeessiteef bakka kanatti argamaniiru.

Deboraa fi Baaraaq fagootti gad ilaalaa utuu jiranii yommuu qilleensi uffata ishii raasuu isinitti haa mulʼatu. Tulluun Taabor jalaa gara olitti qalʼachaa deemee fiixeen isaa diriiraa dha. Fiixee tulluu sanaa irra dhaabatanii Dirree Ezidiraaʼiloon isa gara meetira 400 gad fagaatee jiruu fi gara kibba dhihaatti argamu akka gaariitti ilaaluun ni dandaʼama. Lagni Qiison dirree marga hedduu qabu keessa darbee Tulluu Qarmelos jala darbee gara Galaana isa Guddaatti yaaʼa. Gaafa sana ganama lagni sun gogaa kan ture taʼus, dirree balʼaa sana irraa wanti calaqqisu tokko ni mulʼata. Loltoonni Siisaaraa baayʼee isaanitti dhihaachaa kan turan siʼa taʼu, meeshaa adda addaa sibiila irraa tolfame hidhatanii turan. Humni waraanaa Siisaaraa inni hunda irra caalu, gaarii fardaa 900 warra gommaa isaanii irratti wanti haamtuu dhedheeraa fakkaatu itti hidhaman qaba ture. Siisaaraan Israaʼeloota meeshaa waraanaa gaʼaa hin hidhanne kana akkuma garbuutti haamee isaan balleessuuf kutatee ture!

Deboraan Baaraaqii fi namoonni isaa wanta ishiin dubbattu, jechuunis mallattoo ishiin kennitu tokko eegaa akka jiran beekti. Dubartiin achi turte ishii qofa dhaa? Haala akkasii keessatti itti gaafatamummaa guddaa akkasii qabaachuun ishii maaltu akka ishiitti dhagaʼamu godheera? Bakka sanatti kan argamte kaayyoo maaliitiif akka taʼe hubachuun ishii rakkisee turee? Hubachuun akka ishii hin rakkisne beekamaa dha! Waaqni ishii Yihowaan waraana kana akka jalqabsiistu ishiitti himee ture; dubartii tokkotti fayyadamee waraana kana akka xumurus ishiidhaaf ibsee ture. (Abboota Firdii 4:9) Deboraa fi loltoonni ija jabeeyyii taʼan kun amantii ilaalchisee maal nu barsiisuu dandaʼu?

“DHAQIITII . . . TULLUU TAABORITTI OL BAʼI!”

Kitaabni Qulqulluun, jalqaba Deboraa yommuu beeksisu “raajittii” jedhee ishii waama. Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa “raajittii” jedhuun waamamuun baramaa taʼuu baatus, maqaa kanaan kan waamame ishii qofa miti. * Deboraan itti gaafatamummaa kan biraas qabdi turte. Saba Israaʼel gidduutti rakkinni yommuu uumamu deebii Yihowaan ishiidhaaf kennutti fayyadamtee, wal dhabiinsa uumamu hiikaa turte.—Abboota Firdii 4:4, 5.

Deboraan biyya Efreem isa gaara gubaa magaalota Raamaa fi Betʼel gidduu jiru keessa jiraatti turte. Achitti muka meexxii tokko jala teessee, akkuma Yihowaan qajeelfama ishiidhaaf kennutti sabicha tajaajilti turte. Hojiin kun ulfaataa akka taʼe beekamaa taʼus, Deboraan hojiin kun humna ishiitii ol akka taʼe itti hin dhagaʼamne. Tajaajilli ishii baayʼee barbaachisaa ture. Yeroo booda geggeessaa hafuuraatiin faarfannaa tokko qindeessuu irratti qooda fudhatteetti; faarfannaan kun saboota ishii warra amanamoo hin taane ilaalchisee yaada, “Israaʼeloonni waaqayyolii haaraa foʼatan; yommus lolli karra kellaa isaanii duratti isaan irratti kaʼe” jedhu kan dabalatu dha. (Abboota Firdii 5:8) Israaʼeloonni waaqayyolii kan biraa tajaajiluuf jedhanii Yihowaa waan dhiisaniif Yihowaan diinota isaaniitti dabarsee isaan kennee ture. Yaabiin Mootichi Kanaʼaanotaa, ajajaa waraanaa jabaa Siisaaraa jedhamutti fayyadamee isaan bulchaa ture.

Israaʼel keessatti maqaan Siisaaraa jedhu kan nama romʼisiisuu fi baayʼee kan nama sodaachisu ture! Amantiinii fi aadaan Kanaʼaanotaa gara jabinaan kan guutame, ijoollee aarsaa gochuu fi mana qulqullummaa keessatti gaalamootummaa raawwachuu kan dabalatu ture. Ajajaa waraanaa Kanaʼaanotaa kanaa fi loltoota isaa biyyattii toʼatan jalatti buluun sabicha irratti dhibbaa akkamii geessisee ture? Biyyicha keessa asii fi achi sochoʼuun rakkisaa taʼuu isaa irra iyyuu, gandeen keessa jiraachuun dadhabamee akka ture faarfannaa Deboraan qindeessite irraa hubachuun ni dandaʼama. (Abboota Firdii 5:6, 7) Namoonni qonnaa irratti hirmaachuu fi gandeen dallaa hin qabne keessa jiraachuu sodaatanii bosonaa fi gaarreen keessa dhokatanii taʼuu dandaʼa; yookiin miidhaan akka isaan irra hin geenyeef, ijoolleen isaanii akka jalaa hin fudhatamnee fi dubartoonni isaanii akka hin gudeedamne sodaatanii karaa guddaa irra deemuu dhiisanii taʼuu akka dandaʼu yaaduu dandeenya. *

Hanga Yihowaan namoonni mata jabeeyyii taʼan kun ragaa jijjiiramuuf qophaaʼoo akka taʼan argisiisu argatutti ykn faarfannaan Deboraa fi Baaraaq inni geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi “hamma gaafa ani Deboraan Israaʼeliif haadha taʼee kaʼetti” jedhu raawwatamutti waggoota 20f jeequmsi moʼee ture. Deboraan haati manaa Laphiidoot ijoollee kan qabdu akka turte beekuu baannus, jechi as irratti ibsame fakkeenyaan kan itti hojjetame fakkaata. Yihowaan, Deboraan akka haadhaatti sabicha akka eegduuf ishii muudee ture. Yihowaan, Baaraaq isa nama amantii fi abbaa firdii taʼe waamtee Siisaaraa irratti tarkaanfii akka fudhatu qajeelfama kennuudhaan akka isa gargaartu ishii ajajee ture.—Abboota Firdii 4:3, 6, 7; 5:7.

Deboraan Baaraaq saba Waaqayyoo kan oolchu taʼee akka kaʼu isa jajjabeessite

Yihowaan karaa Deboraa qajeelfama “Dhaqii . . . tulluu Taaboritti ol baʼi!” jedhu isaaf kenne. Baaraaq gosoota Israaʼel lamaan keessaa namoota 10,000 walitti qabuu qaba ture. Deboraan namoonni kun Siisaaraa isa jabaa taʼee fi gaariiwwan fardaa isaa 900 akka injifatan abdii Waaqayyo kenne isaanitti himte! Abdiin Waaqayyo kenne kun Baaraaqiin akka dinqisiise hin shakkisiisu. Sabni Israaʼel loltootas taʼe, miʼa waraanaa hin qabu ture jechuun ni dandaʼama. Taʼus Baaraaq gara waraanichaa deemuuf walii gale; achi kan dhaqu garuu yoo Deboraan gara Tulluu Taabor isaa wajjin dhaqxe qofa dha.—Abboota Firdii 4:6-8; 5:6-8.

Namoonni tokko tokko Baaraaq Deboraan isaa wajjin akka deemtu barbaaduun isaa amantii akka hin qabne argisiisa jedhanii yaadu; garuu kun dhugaa miti. Sababiin isaas Waaqayyo miʼa waraanaa dabalataa akka isaaf kennu hin gaafanne. Kanaa mannaa, Baaraaq nama amantii waan taʼeef namni bakka buʼaa Yihowaa taʼe, isaa fi namoota isaa jajjabeessuuf achitti argamuun isaa faayidaa guddaa akka qabu hubateera. (Ibroota 11:32, 33) Yihowaanis wanta inni gaafate isaaf kenneera. Yihowaan akkuma Baaraaq gaafatetti Deboraan isaa wajjin akka deemtu heyyameera. Haa taʼu malee, Yihowaan ulfinni waraana kanaa inni dhuma irratti argamu dhiiraaf akka hin kennamnes geggeessaa hafuuraatiin raajii akka dubbattu godheera. (Abboota Firdii 4:9) Waaqayyo, Siisaaraan inni hamaa taʼe dubartii tokkoon akka ajjeefamu murteessee ture!

Yeroo harʼaatti, jalʼinni, gara jabinnii fi cunqursaan dubartoota irra gaʼu akka malee baayʼateera. Ulfina Waaqayyo dubartoonni akka argatan barbaadu argachaa kan jiran muraasa isaanii qofa dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo dubartootaa fi dhiirota wal hin caalchisu; lamaanuu isa duratti fudhatama argachuu ni dandaʼu. (Roomaa 2:11; Galaatiyaa 3:28) Kana malees fakkeenyi Deboraa, Waaqayyo dubartootaaf mirga kennuudhaan, akkasumas mallattoo addaa akka isaanitti amanamuu fi isa duratti fudhatama akka qaban argisiisu akka hojjetan gochuudhaan akka isaan eebbisu nu yaadachiisa. Loogiin dubartoota irratti raawwatamuu fi addunyaa irratti babalʼate matumaa dhibbaa akka nu irratti hin geessisne of eeggachuu qabna.

“LAFTI IN ROMʼITE, BANTIIWWAN WAAQAA BISHAAN IN DHANGALAASAN”

Baaraaq loltoota isaa walitti qabuu deeme. Achiis namoota humna waraanaa Siisaaraa warra sodaachisoo taʼan loluuf ija jabina qaban 10,000 walitti qabe. Baaraaq namoota isaa dura buʼee gara Tulluu Taaboritti yommuu isaan geessu, wanta ija jabina isaanii isaaniif guddisu argachuu isaatti gammadeera. Seenaan isaa, “Deboraanis isaa wajjin dhaqxe” jedha. (Abboota Firdii 4:10) Loltoonni sun gara Tulluu Taaboritti yommuu ol baʼan dubartiin ija jabeettii taate kun isaanii wajjin jiraachuu ishiitiin hangam ija jabina argatanii akka turan yaadi! Deboraan lubbuu ishii balaadhaaf saaxiluudhaan isaanii wajjin deemuuf kan kaate Yihowaa irratti amantii waan qabduuf ture.

Siisaaraan loltoonni Israaʼel isaa wajjin wal loluuf akka walitti qabaman yommuu hubatu dafee tarkaanfii fudhate. Humni waraanaa mootota Kanaʼaanotaa hedduun Yaabiin Mooticha, tarii isa hunda isaanii caalaa jabaa taʼe sana cinaa hiriiran. Gaariiwwan fardaa humna waraanaa Siisaaraa hedduu taʼan yommuu tokkummaadhaan didichanii dirree sana guutan lafti waan romʼitu fakkaatti turte. Kanaʼaanonni loltoota Israaʼel warra haala nama gaddisiisu keessa jiran salphaadhumatti akka injifatan mirkanaaʼoo turan.—Abboota Firdii 4:12, 13; 5:19.

Yommuu diinni isaanitti dhihaachaa dhufu Baaraaqii fi Deboraan maal godhu laata? Achuma ededa Tulluu Taabor sana irra yoo turan, gaariiwwan fardaa Kanaʼaanotaa akka gaariitti loluuf dirreen mijaaʼaa taʼe waan isaan barbaachisuuf loltoota saffisaan gara isaanii dhufaa jiran moʼuu dandaʼu turan. Haa taʼu malee Baaraaq akka qajeelfama Yihowaatti loluu waan qabuuf, wanta Deboraan isatti himtu eegaa ture. Dhuma irratti yeroon isaa ni gaʼe. Ishiinis, “Waaqayyo harʼa Siiseraa harka kee keessa waan buusuuf, kaʼiitii dhaqi! Waaqayyo si dura buʼeera mitii ree?” jette. Sana booda, “Baaraaq achumaan namoota kuma kudhan of duukaa buusee gaara Taabor irraa gad in buʼe.”—Abboota Firdii 4:14. *

Loltoonni Israaʼel tulluu sana irraa gara balʼeensa dirree balʼaa sanaatti didichanii gad buʼuudhaan gara gaariiwwan fardaa nama sodaachisan sanatti qajeelan. Maarree akkuma Deboraan jette Yihowaan isaan dura buʼeeraa? Gaaffiin kun battaluma sanatti deebii argateera. Seenaan isaa “Lafti in romʼite, bantiiwwan waaqaa bishaan in dhangalaasan” jedha. Humni waraanaa Siisaaraa inni of tuulaa taʼe ni burjaajaʼe. Bokkaan cimaanis ni roobe! Lolaa guddaan waan dhufeef dirreen sun battaluma sanatti laaqii taʼe. Utuma baayʼee hin turin gaariiwwan fardaa sibiilli itti hidhame sun faayidaa isaanii irra miidhaa isaaniitu caale. Gaariiwwan sun dhoqqeedhaan waan qabamaniif asii fi achi sochoʼuu dadhaban.—Abboota Firdii 4:14, 15; 5:4.

Baaraaqii fi namoonni isaa garuu bokkaa cimaan sun roobuun isaa isaan hin jeeqne. Bokkaa kana eenyu akka roobsaa jiru beeku turan. Kanaaf kallattiidhaan gara humna waraanaa Kanaʼaanotaatti qajeelan. Israaʼeloonni murtii Waaqayyoo kan raawwachiisan taʼuudhaan, loltoota Siisaaraa keessaa tokko illee hin hambisne. Bishaan Qiison battalumaan guutee reeffa isaanii guutummaatti haree Galaana Guddaatti naqe.—Abboota Firdii 4:16; 5:21.

Akkuma Deboraan raajiidhaan dubbatte, Yihowaan saba isaatiif loluudhaan humna waraanaa Siisaaraa injifateera

Yeroo harʼaatti, Yihowaan tajaajiltoota isaa kallattiidhaan gara waraanaatti hin ergu. Taʼus, sabni isaa waraana hafuuraa irratti akka hirmaatan barbaada. (Maatewos 26:52; 2 Qorontos 10:4) Addunyaa kana keessatti Waaqayyoof ajajamuuf carraaqqii kan goonu yoo taʼe, waraana hafuuraa irratti hirmaachaa jirra jechuu dha. Namoonni yeroo harʼaatti Waaqayyoon deggeran mormii cimaan waan isaan irra gaʼuuf ija jabina qabachuun nu barbaachisa. Haa taʼu malee Yihowaan hin jijjiiramne. Yeroo ammaattis namoota akka Deboraa, Baaraaqii fi loltoota Israaʼel ija jabeeyyii turan durii warra Isatti amananii fi Isatti amanaman ni oolcha.

‘DUBARTOOTA HUNDUMAA CAALAA EEBBIFAMTUU’

Namni Kanaʼaan inni hunda caalaa diina isaanii taʼe tokko ni miliqe! Siisaaraan inni hunda caalaa saba Waaqayyoo cunqursaa ture dirree waraanaa sanaa miilla isaatiin baqate. Loltoonni isaa dhoqqee keessatti akka dhuman isaan dhiisee, loltoonni Israaʼel utuu isa hin argin lafa gogaa irra goree gara namoota michoota isaa akka taʼanitti yaaduu fi dhiheenyatti argamanitti qajeele. Dirree balʼaa keessa kiiloo meetira hedduu qaxxaamuree loltoonni Israaʼel akka isa hin arganne sodaachaa gara dunkaana Heber Qenichaa isa saba isaa warra tikfattee taʼanii karaa kibbaa jiraatan irraa addaan baʼuudhaan Yaabiin Mootichaa wajjin nagaa uumee ture sanatti baqate.—Abboota Firdii 4:11, 17.

Siisaaraan yommuu gara buufata Heber dhufu baayʼee dadhabee ture. Yeroo kanatti Heber mana hin turre. Haa taʼu malee haati manaa namichaa Yaaʼel mana jirti turte. Siisaaraan, Yaaʼel walitti dhufeenya abbaan manaa ishii Yaabiin Mootichaa wajjin qabuuf bakka guddaa kennuudhaan na gargaarti jedhee akka yaade beekamaa dha. Tarii immoo dubartiin tokko tarkaanfii abbaa manaa ishii irraa adda taʼe fudhatti ykn fudhachuuf ni yaaddi jedhee yaaduu hin dandaʼu. Dhugaa dubbachuuf garuu Siisaaraan Yaaʼeliin sirriitti hin beeku ture! Hammeenya warri Kanaʼaan biyyattii hacuucan sun hojjetan akka gaariitti beekti; filannoo gochuun akka ishii eeggatus hubachuu hin ooltu. Namicha hamaa kana gargaaruu ykn Yihowaa filattee nama diina saba Isaa taʼe kana ajjeesuu dandeessi turte. Haa taʼu malee maal gochuu dandeessi? Dubartiin tokko loltuu humna guddaa fi muuxannoo waraanaa qabu kana injifachuu kan dandeessu akkamitti?

Yaaʼel tarkaanfii fudhattu daftee itti yaaduu qabdi turte. Siisaaraadhaaf bakka itti boqotu kenniteef. Innis namni isa barbaaduu kam iyyuu yoo dhufe achi jiraachuu isaa akka hin dubbanne ishii ajaje. Yommuu inni ciisu itti uffifte, yommuu inni bishaan ishii kadhatu immoo itittuu kenniteef. Utuma baayʼee hin turin hirribni cimaan isa fudhatee sokke. Achiis Yaaʼel meeshaalee dubartoonni dunkaana keessa jiraatan yeroo baayʼee ogummaadhaan itti fayyadaman lama, jechuunis qofoo dunkaanaa fi burruusa fudhattee dhufte. Mataa Siisaaraa biratti jilbeenfattee, amma murtoo Yihowaa kan raawwachiistu taʼuudhaan tarkaanfii sodaachisaa taʼe fudhachuuf jetti. Yeroo kanatti xinnuma mamuun ykn shakkuun illee balaa guddaa geessisuu dandaʼa. Waaʼee saba Waaqayyoo fi namichi kun waggoota kurnaniif hammam isaan irratti hammeenya hojjechaa akka ture yaaddee turtee? Yookiin Yihowaa cinaa dhaabachuun mirga guddaa taʼuu isaa yaaddee turtee? Seenaan isaa kana ilaalchisee waan ibsu hin qabu. Wanti nuti beeknu yeruma sana tarkaanfii fudhachuu ishii fi Siisaaraan ajjeefamuu isaa ti!—Abboota Firdii 4:18-21; 5:24-27.

Sana booda, Baaraaq diina isaa isa barbaadaa ture sana argachuu dhufe. Yommuu Yaaʼel reeffa Siisaaraa isa qofoo dunkaanaatiin waraaname itti argisiistu raajiin Deboraan dubbatte raawwatamuu isaa hubate. Dubartiin tokko Siisaaraa isa loltuu jabaa ture sana ajjeeste! Namoonni yeroo ammaatti Kitaaba Qulqulluu ceephaʼanii fi shakkan Yaaʼel maqaa gadhee hedduu kan ishiidhaaf kennan taʼus, Baaraaqii fi Deboraan garuu ishiidhaaf ilaalcha kana irraa adda taʼe qabu turan. Faarfannaa isaanii keessatti, gocha Yaaʼel ija jabinaan raawwatteef geggeessaa hafuuraatiin kakaʼanii, ‘dubartoota hundumaa caalaa eebbifamtuu’ jechuudhaan ishii jajaniiru. (Abboota Firdii 4:22; 5:24) Deboraan dubartii gaarii akka turte hubadhu. Yaaʼel haala kanaan jajamuu ishiitti hin hinaafne; kanaa mannaa kan ishii yaaddessee ture wanti Yihowaan dubbate raawwatamuu isaa qofa dha.

Siisaaraan yommuu duʼu Yaabiin Mootichi humna dhabe. Dhuma irratti cunqursaan Kanaʼaanotaa ni dhaabate. Sana booda waggaa 40f nagaan ni buʼe. (Abboota Firdii 4:24; 5:31) Deboraan, Baaraaqii fi Yaaʼel Yihowaatti waan amanamaniif guddaa eebbifamaniiru! Amantii akka Deboraa yoo qabaanne, Yihowaa cinaa dhaabachuuf ija jabinaan tarkaanfii yoo fudhannee fi warri kaanis akkasuma akka godhan yoo jajjabeessine, Yihowaan injifannoo fi nageenya bara baraa nuu kennuudhaan nu eebbisa.

^ KEY. 7 Dubartoonni raajota turan kan biraan Miiryaam, Huldaa fi haadha manaa Isaayaasi dha.—Baʼuu 15:20; 2 Mootota 22:14; Isaayaas 8:3.

^ KEY. 9 Faarfannaa Deboraan qindeessite irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Siisaaraan yeroo baayʼee waraanaa yommuu deebiʼu durboota, al tokko tokko immoo loltoota isaatiif durba tokkoo ol boojiʼee akka deebiʼu ibsa. (Abboota Firdii 5:30, NW) Jechi caqasa kana irratti “durba” jedhamee itti hojjetame kallattiidhaan “gadameessa” jechuu dha. Jechi kun dubartoonni sun caalaatti kan barbaadaman isaanii wajjin saalqunnamtii akka raawwatan qofa taʼuu isaa nu yaadachiisa. Yeroo sanatti dirqisiisanii gudeeduun balʼinaan kan raawwatamu taʼuu hin oolu.

^ KEY. 17 Waraanni godhame kun Kitaaba Qulqulluu keessatti al lama kan caqasame siʼa taʼu, innis seenaa Abboota Firdii boqonnaa 4, akkasumas faarfannaa Deboraa fi Baaraaq isa boqonnaa 5 irra jiru keessatti argama. Boqonnaan inni tokko seenaa balʼaa boqonnaa isa kaan irratti hin ibsamne waan qabateef boqonnaawwan kun lamaan kan wal deggerani dha.