Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?

Dubbisa Kee Gammachiisaa kan Siif Godhu Maali Dha?

Dubbisa Kee Gammachiisaa kan Siif Godhu Maali Dha?

Kitaaba Qulqulluu dubbisuun si nuffisiisa moo si gammachiisa? Kun irra caalaan isaa akkaataa itti dubbistu irratti kan hundaaʼe dha. Mee fedhii dubbisuuf qabdu guddisuu fi caalaatti itti gammaduuf wanta gochuu dandeessu haa ilaallu.

Hiika amansiisaa fi ammayyaa taʼe filadhu. Kitaaba jechoota rakkisoo taʼan ykn jechoota yeroon itti darbee fi ati hin beekne hedduu qabu yoo dubbiste, kitaabicha dubbisuun si hin gammachiisu. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu jechoota hubachuuf salphaa taʼanii fi garaa kee tuqanitti fayyadamu argachuuf yaali. Taʼus, kitaabichi of eeggannoodhaanii fi sirriitti kan hiikame taʼuu qaba. *

Teknoolojii ammayyaatti fayyadami. Yeroo ammaatti Kitaabni Qulqulluun bifa kitaaba maxxanfameen qofa utuu hin taʼin, meeshaa elektirooniksiitiinis ni argama. Kitaabota Qulqulluu tokko tokko dhuunfaatti dubbisuuf kompiitara, taableetii ykn bilbila irratti intarneetii irraa dubbisuun ykn garagalfachuun ni dandaʼamaa. Hiikkaawwan tokko tokko immoo, malawwan dabalataa mataduree wal fakkaatu jalatti caqasawwan Kitaaba Qulqulluu kan biraa ykn hiikkaawwan kan biraa hedduu illee atattamaan wal bira qabanii ilaaluuf gargaaran qabu. Dubbisuu mannaa dhaggeeffachuu kan filattu yoo taʼe, Kitaabni Qulqulluun sagaleedhaan waraabames ni argama. Namoonni hedduun yommuu geejjibatti fayyadaman, uffata miican ykn sochiiwwan dhaggeeffachuuf isaan dandeessu kan biraa irratti hirmaatan dhaggeeffachuu jaallatu. Atoo mala siif taʼu tokko maaliif hin yaaltu?

Meeshaawwan qoʼachuuf gargaaranitti fayyadami. Meeshaawwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran, dubbisa kee irraa faayidaa dabalataa hedduu akka argattu si gargaaruu dandaʼu. Fakkeenyaaf, kaartaawwan biyyoota Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman argisiisan jiru; kaartaawwan kun biyyoonni yeroo dubbistu si mudatan eessatti akka argaman beekuu fi seenaa isaa sirriitti hubachuuf si gargaaru. Mata dureewwan kan akka barruu kanaa irra jiran ykn weebsaayitii jw.org/om irratti kutaa, “Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu” jedhu jalatti argaman, hiika yaadawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu qoruuf si gargaaru.

Akkaataa itti dubbistu jijijjiiri. Kitaaba Qulqulluu, jalqabaa kaastee hamma dhumaatti dubbisuun nuffisiisaa yoo sitti taʼe, kutaa keessumaa xiyyeeffannaa kee harkisu tokko irraa jalqabuudhaan fedhii dubbisuuf qabdu maaliif hin kakaastu? Waaʼee namoota beekamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanii beekuu yoo barbaadde, kutaawwan seenaa namootaa ibsan dubbisuuf yaalii godhi. Malli dubbisuuf gargaaru saanduqa, “ Namoota Achi Keessatti Ibsaman Beekuudhaan Kitaabicha Qoradhu” jedhu keessatti ibsameera. Tarii immoo Kitaaba Qulqulluu mata dureedhaan ykn seenaawwan duraa duuba yerootiin raawwatamaniin dubbisuu barbaadda taʼa. Malawwan kana keessaa isa tokko maaliif hin yaaltu?

^ KEY. 4 Namoonni hedduun Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa sirrii, amansiisaa fi dubbisuuf baayʼee salphaa akka taʼe hubataniiru. Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan kun afaanota 130 oliin ni argama. Kitaaba kana weebsaayitii jw.org/om irraa buufachuu ykn appilikeeshinii JW Library jedhamu buufachuu dandeessa. Yoo barbaadde immoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaaba kana koppii tokko mana keetti sii fiduu dandaʼu.

Wantoota kana keessaa tokko tokko Ingiliffaa fi Amaariffaan argamu