Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hiriyoota Gaarii Qabaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Hiriyoota Gaarii Qabaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 8

Hiriyoota Gaarii Qabaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Yeroon aaru namni na tasgabbeessu na barbaachisa. Yeroon gaddu nama na jajjabeessu, yeroon gammadummoo nama na wajjin gammadun barbaada. Hiriyaa malee jiraachuu waanan dandaʼu natti hin fakkaatu.”—Biritaanii.

YEROO ijoollee xinnoo turtetti ijoollee si wajjin taphatan barbaadda turte; ijoollee kana kan barbaaddu kophaa kee akka hin taaneefi. Amma garuu kan si barbaachisu namoota si wajjin yeroo dabarsan qofa utuu hin taʼin hiriyoota dhugaa ilaalcha akka keetii qabanidha.

Kana malees Kitaabni Qulqulluun, “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha” jedha. (Fakkeenya 17:17) Michummaan akkasii hariiroo ijoollee xixinnoon waliin taphatan qaban caalaa cimaadha.

Dhugaa jiru: Yeroo guddachaa deemtu hiriyoonni ulaagaalee armaan gadii guutan si barbaachisu:

1. Amaloota gaggaarii kan qaban

2. Naamusa gaarii kan qaban

3. Dhiibbaa gaarii kan sirratti godhan

Gaaffii: Hiriyoota ulaagaalee kana guutan argachuu kan dandeessu akkamitti? Mee qabxiilee kana tokko tokkoon haa ilaallu.

Qabxii 1​ffaa​—Amaloota Gaggaarii

Wanta beekuu qabdu. Namni hundi hiriyaa dhugaa siif taʼuu hin dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun iyyuu, “Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan jiru” jedha. (Fakkeenya 18:24) Yaanni kun kan arbeeffame fakkaachuu dandaʼa. Garuu mee yaadi: Namni hiriyaa kee akka taʼetti yaaddu tokko sitti fayyadamuuf yaalee beekaa? Hiriyaan si hamatu ykn waaʼee kee wanta soba taʼe dubbatu hoo si mudatee beekaa? Haalli akkasii si mudatee beeka yoo taʼe amantii isarratti dhabda. * Yeroo hundumaa waaʼee hiriyummaa yeroo yaaddu baayʼina isaanii caalaa amalli isaanii barbaachisaa akka taʼe yaadadhu.

Wanta gochuu dandeessu. Hiriyoota amala gaarii qabanii fi fakkeenya taʼuu dandaʼan filadhu.

“Hiriyaa koo Fiyoonaa jedhamtu nama hundatu dinqisiifata. Anaafis ilaalcha akkasii utuu qabaatanii natti tola. Akkuma ishii maqaa gaarii qabaachuun barbaada. Baayʼeen ishii kabaja, akka ishii taʼuus nan barbaada.”—Iivet, 17.

Gilgaala kana hojjechuuf yaali.

1. Galaatiyaa 5:22, 23 dubbisi.

2. ‘Hiriyoonni koo amaloota kutaa “firii hafuuraa” taʼan ni argisiisuu?’ jedhii of gaafadhu.

3. Maqaa hiriyoota kee baayʼee itti dhihaattuu armaan gaditti barreessi. Maqaa isaanii birattimmoo amala namni sun ittiin beekamu barreessi.

Maqaa

․․․․․

Amala

․․․․․

Yaada gaarii: Waaʼee hiriyoota keetii yeroo yaaddu wanti gara sammuu keetti dhufu amala gaarii hin taane qofa yoo taʼe, tarii hiriyoota gaarii taʼan barbaaddachuun si barbaachisa taʼa.

Qabxii 2​ffaa​—Naamusa Gaarii

Wanta beekuu qabdu. Hiriyaa argachuuf garmalee kan hawwitu taanaan, nama hin taanerra buʼuu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu . . . rakkina irra buʼa” jedha. (Fakkeenya 13:20) Jechi “gowwoota” jedhu namoota qabxiin isaanii gad aanaa taʼe ykn dandeettii hin qabne kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, namoota gorsa gaarii fudhachuu diduudhaan wanta naamusaan ala taʼe raawwatan argisiisa. Hiriyoonni akkasiimmoo si hin fayyadan.

Wanta gochuu dandeessu. Namuma argatte hunda hiriyaa godhachuu mannaa, namoota hiriyaa godhattu of eeggannoodhaan filachuu qabda. (Faarfannaa 26:4) Kana jechuun garuu namoota halaalatti jibbuu qabda jechuu miti. Kanaa mannaa, “garaa garummaa nama qajeelaa fi nama hamaa, nama Waaqayyoon tajaajiluu fi nama isa hin tajaajille gidduu jiru” hubachuu qabda jechuudha.—Miilkiyaas 3:18.

“Warri koo hiriyoota gaggaarii umurii koorra jiranii fi karaa hafuuraa haala gaariirra jiran akkan argadhu waan na gargaaraniif isaanin galateeffadha.”—Kiristoofar, 13.

Gaaffilee armaan gadiitiif deebii kenni:

Yeroon hiriyoota koo wajjin taʼu ‘Wanta sirrii hin taane akkan raawwadhu dhiibbaa narratti gochuu dandaʼu’ jedhee nan sodaadhaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

Warri koo isaan jaallachuu dhiisuu dandaʼu jedhee waanan sodaadhuuf, hiriyoota koo warra koo wajjin wal barsiisuurraa duubatti nan jedhaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

Yaada gaarii: Gaaffilee armaan oliitiif deebii ‘Eeyyee’ jedhu yoo kennite, hiriyoota ulaagaalee naamusaa gaarii taʼan hordofan, jechuunis Kiristiyaanota fakkeenya taʼan filadhu.

Qabxii 3​ffaa Dhiibbaa gaarii

Wanta beekuu qabdu. Kitaabni Qulqulluun, “Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedha. (1 Qorontos 15:33) Shamarreen Looran jedhamtu, “Ijoolleen na wajjin baratan akka hiriyaa isaaniitti kan na ilaalan wanta isaan naan jedhan yoon raawwadhe qofadha. Hiriyaa waanan hin qabneef, isaan biratti fudhatama argachuuf jecha akkuma isaanii taʼuufan murteesse” jetteetti. Namni tokko wanta warri kaan isaan jedhan hunda kan raawwatu yoo taʼe, akkuma miʼa taphaa gabatee cheeziirra jiruu akka taʼu Looran wanta ishii mudaterraa hubachuu dandeessetti; isaantu akka fedhetti si naannessa. Ati garuu akkas taʼuu akka hin barbaanne beekamaadha.

Wanta gochuu dandeessu. Hiriyummaa namoota akkaataa jireenyaa isaanii akka hordoftu dhiibbaa sirratti godhan wajjin qabdu addaan kuti. Tarkaanfii kana yoo fudhatte hiriyoota baayʼee qabaachuu dhiisuu dandeessa; taʼus ofiif ilaalcha gaarii qabaatta, akkasumas michoota gaggaarii dhiibbaa gaarii sirratti godhan horachuuf carraa gaarii argatta.—Roomaa 12:2.

“Hiriyaan koo Kiliinti hubataa fi namoota kaaniif kan yaadu waan taʼeef, fakkeenyummaan isaa baayʼee na jajjabeessa.”—Jeesan, 21.

Gaaffilee armaan gadii of gaafadhu:

Hiriyoota koo gammachiisuuf jedhee akkaataa uffannaa, dubbii ykn gocha isaanii isa gaarii hin taane hordofuufan yaalaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

Hiriyoota koo gammachiisuuf qofa jedhee bakkan dhaquu hin qabne nan dhaqaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

Yaada gaarii: Gaaffilee armaan oliitiif deebii ‘Eeyyee’ jedhu yoo kennite, warra kee ykn nama bilchina qabu kan biraa gorsa gaafadhu. Dhugaa Baatuu Yihowaa yoo taatemmoo, jaarsi gumii tokko hiriyoota dhiibbaa gaarii sirratti godhan filachuurratti akka si gargaaru gaafachuu dandeessa.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 9 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Namni hiriyaa kooti jettee yaaddu tokko ykn garaan kee wanta gaarii hin taane akka raawwattu dhiibbaa sirratti gochaa jiraa? Dhiibbaa kana dandamachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe dubbisi.

[Miiljalee]

^ Namni hundi dogoggora akka raawwatu beekamaadha. (Roomaa 3:23) Kanaafuu, hiriyaan kee tokko kan si mufachiise taʼus wanta raawwatetti gaabbee garaadhaa yoo dhiifama si gaafate, ‘jaalalli cubbuu hedduu akka haguugu’ yaadadhu.—1 Pheexiros 4:8.

CAQASA IJOO

“Michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.”—Fakkeenya 18:24.

GORSA GAARII

Ulaagaalee naamusaa gaarii hordofuuf kan carraaqxu yoo taʼe, namoonni akkuma kee gochuuf carraaqqii godhan hiriyaa isaanii akka taatu barbaaduun isaanii hin oolu. Namoonni akkasii hiriyoota gaarii siif taʼu.

KANA BEEKTAA?

Waaqayyo namoota kan wal hin caalchisne taʼus, namoota ‘keessummummaadhaan dunkaana isaa keessatti simatu’ of eeggannoodhaan filata.—Faarfannaa 15:1-5.

WANTAN GOCHUU YAADE

Hiriyoota gaarii argachuuf akkanan godha ․․․․․

Warra umuriidhaan na caalan keessaa namootan caalaatti itti dhihaachuu barbaadu ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

Yeroon hiriyoota koo wajjin taʼu ‘Wanta sirrii hin taane akkan raawwadhu dhiibbaa narratti gochuu dandaʼu’ jedhee nan sodaadhaa? ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Amaloonni hiriyaan kee akka qabaatu barbaaddu kamfaʼi? Maaliif?

● Atoo hiriyaa gaarii taʼuuf amaloota kamfaa horachuu qabda?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 60​rra jiru]

“Warri koo hiriyoota koo tokko tokkorraa akkan fagaadhu yeroo na gorsanitti, isaaniin alatti nama kan biraa wajjin hiriyaa taʼuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture. Taʼus, gorsi warri koo naa kennan gaarii ture; yeroon irratti yaadu, namoonni gaggaariin hiriyaa godhachuu dandaʼu hedduun akka jiran hubadheera.”—Kool

[Saanduqa fuula 61rra jiru]

Mee Akkana Gochuuf Yaali

Waaʼee hiriyummaa warra kee mariisisi. Warri kee yeroo umurii keerra turanitti hiriyoonni isaanii namoota akkamii akka turan isaan gaafadhu. Hiriyoota filatanitti ni gaabbuu? Taanaan maaliifi? Rakkoowwan isaan mudatan tokko tokkorraa ooluuf maal gochuu akka dandeessu isaan gaafadhu.

Hiriyoota kee warra kee wajjin wal barsiisi. Akkas gochuurraa duubatti jetta taanaan, ‘Akkas gochuun kan natti ulfaate maaliifi?’ jedhii of gaafadhu. Hiriyoota kee wajjin haala wal qabateen wanti warri kee itti hin gammanne jiraa? Taanaan, hiriyaa yeroo filattu caalaatti of eeggachuun si barbaachisuu dandaʼa.

Akka gaariitti dhaggeeffadhu. Nageenyaa fi miira hiriyoota keetiif akka yaaddu argisiisi.—Filiphisiyus 2:4.

Dhiifama godhi. Mudaa kan hin qabne akka taʼan isaanirraa hin eegin. “Hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna.”—Yaaqoob 3:2.

Hiriyaan kee yeroo hunda akka si wajjin taʼu isarraa hin eegin. Hiriyaa keetti maxxanuun si hin barbaachisu. Hiriyoonni dhugaan yeroo gargaarsi si barbaachisu hundatti si gargaaruuf qophaaʼoodha.—Lallaba 4:9, 10.

[Fakkii fuula 63rra jiru]

Warri koo isaan jaallachuu dhiisuu dandaʼu jedhee waanan sodaadhuuf, hiriyoota koo warra koo wajjin wal barsiisuurraa duubatti nan jedhaa?