BARUMSA 05
Kitaabni Qulqulluun Ergaa Waaqayyo Nuuf Erge Dha
Yihowaan Kitaaba Qulqulluu nuuf kenneera; kitaabni kunis kennaa dinqisiisaa kitaabota xixinnoo 66 qabate dha. Tarii akkana jettee gaafatta taʼa: ‘Kitaabni Qulqulluun eessaa dhufe? Kitaaba kana kan barreessise hoo eenyu dha?’ Gaaffiiwwan kanneen deebisuuf, ergaan Waaqayyoo inni Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu gara keenya kan dhufe akkamitti akka taʼe haa mariʼannu.
1. Kitaaba Qulqulluu namootatu barreesse erga taʼee, Waaqayyo biraa dhufe kan jennu maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun gara waggoota 1,600 ol keessatti, jechuunis Dh.K.D. bara 1513 kaasee hanga Dh.K.B. naannoo bara 98tti namoota 40n barreeffame. Barreessitoonni kunis akkaataa guddinaa garaa garaa kan qabani dha. Taʼus, kutaan Kitaaba Qulqulluu hundi kan wal simu dha. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Kitaaba Qulqulluu kan barreessise Waaqayyo waan taʼeefi. (1 Tasalonqee 2:13 dubbisi.) Namoonni kun kan barreessan yaada isaanii hin turre. Kanaa mannaa, ‘ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan a geggeeffamanii dubbatan.’ (2 Pheexiros 1:21) Waaqayyo namoonni kun yaada isaa akka barreessan gochuuf hafuura qulqulluutti fayyadamee isaan geggeesseera ykn isaan kakaaseera.—2 Ximotewos 3:16.
2. Namni hundi Kitaaba Qulqulluu irraa fayyadamuu dandaʼaa?
‘Sabni, gosti, qooqnii fi namni hundi’ misiraachoo Kitaaba Qulqulluu keessa jiru irraa fayyadamuu dandaʼa. (Mulʼata 14:6 dubbisi.) Waaqayyo Kitaabni Qulqulluun kitaabota addunyaa irratti argaman kam iyyuu caalaa afaan hedduudhaan akka argamu godheera. Namni kam iyyuu jechuun ni dandaʼamaa, Kitaaba Qulqulluu argachuu dandaʼa. Namoonni eessa iyyuu kan jiraatan yoo taʼe ykn afaan kam iyyuu kan dubbatan yoo taʼe argachuu dandaʼu jechuu dha.
3. Yihowaan Kitaaba Qulqulluudhaaf eegumsa kan godhe akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun wantoota turuu hin dandeenye, kan akka gogaa fi paappirasii irratti barreeffama ture. Haa taʼu malee, namoonni Kitaaba Qulqulluu jaallatan of eeggannoodhaan barreessaa fi garagalchaa turan. Namoonni aangoo guddaa qaban Kitaaba Qulqulluu balleessuuf yaalii godhanii kan turan taʼus, warri kaan garuu Kitaaba Qulqulluudhaaf eegumsa gochuuf lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilaniiru. Yihowaan namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hin arganne eenyu iyyuu ykn wanti kam iyyuu akka isaan dhowwu hin heyyamu. Kitaabni Qulqulluun, “Dubbiin Waaqa keenyaa . . . bara baraaf jabaatee ni dhaabbata” jedha.—Isaayyaas 40:8.
CAALAATTI BARADHU
Waaqayyo namoonni Kitaaba Qulqulluu akka barreessan hafuura isaatiin kan geggeesse, kitaabichaaf eegumsa kan godhee fi ilmaan namootaa akka argatan kan godhe akkamitti akka taʼe baradhu.
4. Kitaabni Qulqulluun Abbaan kitaabichaa eenyu akka taʼe ibsa
VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis 2 Ximotewos 3:16 dubbisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
-
Kitaaba Qulqulluu kan barreesse namoota erga taʼee, Dubbii Waaqayyoo kan jedhame maaliifi?
-
Waaqayyo namoonni yaada isaa akka barreessan godheera jedhanii amanuun sirrii sitti fakkaataa?
5. Kitaabni Qulqulluun yaalii isa balleessuuf godhame irraa ooleera
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo biraa dhufe erga taʼee, Waaqayyo eegumsa isaaf godha jennee eeguun keenya sirrii dha. Guutummaa seenaa ilmaan namootaa keessatti, namoonni aangoo guddaa qaban Kitaaba Qulqulluu balleessuuf yaalii godhaniiru. Geggeessitoonni amantii immoo namoonni kitaaba kana akka hin dubbisne barbaadu turan. Mormiinii fi doorsisni ajjeechaa isaan irra gaʼus, namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluudhaaf eegumsa gochuuf lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilaniiru. Namoota kana keessaa waaʼee isa tokkoo beekuuf, VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
-
Kitaaba Qulqulluudhaaf eegumsa gochuuf aarsaan hangamii akka kaffalame beekuun kee kitaabicha dubbisuuf caalaatti si kakaaseeraa? Maaliif?
Faarfannaa 119:97 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
-
Namoonni hedduun lubbuu isaanii balaadhaaf saaxiluudhaan Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi raabsuuf kan isaan kakaase maali dha?
6. Kitaaba nama hundumaaf taʼu
Kitaabni Qulqulluun kitaaba hundumaa caalaa addunyaa irratti baayʼinaan hiikamee fi raabsame dha. Hojii Ergamootaa 10:34, 35 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
-
Waaqayyo Dubbiin isaa balʼinaan akka hiikamuu fi akka raabsamu kan barbaadu maaliifi?
-
Barumsa kana keessatti Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee wanti baayʼee sitti tole maali dha?
Uummata addunyaa keessaa namoonni gara harka
100
taʼan
afaan hubachuu dandaʼaniin Kitaaba Qulqulluu argachuu dandaʼu
Guutummaan isaa ykn gartokkoon isaa afaanota
3,000
oliin
argama
Kitaaba kan biraa kam iyyuu caalaa
tilmaamaan koppiin
5,000,000,000
maxxanfameera
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Kitaabni Qulqulluun jijjiirameera.”
-
Atoo maal jetta?
-
Ragaan Kitaabni Qulqulluun akka hin jijjiiramne argisiisu maali dha?
MAAL BARATTE?
Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ti; kanaafuu ilmaan namootaa hundi akka argatan godheera.
Irra Deebii
-
Waaqayyo namoonni hafuura isaatiin geggeeffamanii Kitaaba Qulqulluu akka barreessan godheera yommuu jennu maal jechuu keenya?
-
Kitaabni Qulqulluun badiisa irraa ooluu, raabsamuu fi hiikamuu isaa ilaalchisee wanti si dinqisiisu maali dha?
-
Waaqayyo sii wajjin hariiroo uumuuf carraaqqii hammanaa gochuu isaa beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Waaʼee seenaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqaba harkaan barreeffame irraa kaasee hamma bara keenyatti hiikameetti jiru dubbisi.
“Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?” (Dammaqaa!, Sadaasa 2007)
Kitaabni Qulqulluun balaawwan guguddaa sadii irraa akkamitti akka oole hubadhu.
“Kitaaba Qulqulluu—Badiisa Irraa kan Oole Akkamitti?” (Masaraa Eegumsaa Lakk. 3 2016)
Namoonni Kitaaba Qulqulluu hiikuuf balaa dabalataa akkamiitiif akka of saaxilan ilaali.
Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee garagalfameera, akkasumas hiikameera. Maarree ergaan isaa akka hin jijjiiramne mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?
“Kitaabni Qulqulluun Jijjiirameeraa Yookiin Faalameeraa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
a Akkuma Barumsa 07ffaa irratti ibsamu hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha.