Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 125

“Warri Gara Laafeyyii Taʼan Gammadoo Dha”

“Warri Gara Laafeyyii Taʼan Gammadoo Dha”

(Maatewos 5:7)

  1. 1. Waaqni keenya garaa laafa,

    Gammachuunsaa guutee hafa.

    Tolli isa gammachiisa,

    Nuu guuta waan barbaachisaa.

    Warra qalbii jijjiiraniif,

    Garaan Yihowaa ni laafaaf.

    Biyyoo taʼuu keenya beeka,

    Nutti argisiisa haqa.

  2. 2. Cubbuu keenyaan yoo dhiphannu,

    Dhiifama yeroo gaafannu,

    Akkaataa itti kadhatan

    Nu barsiise Yesuus gooftaan:

    “Akkuma namootaaf dhiisnu,

    Dhiifama kees haa argannu.”

    Taanaan haaloorraa fagaanna,

    Nagaa sammuu ni arganna.

  3. 3. Yeroo kennaa namaaf laannu,

    Garaa guutuudhaan haa goonu.

    Hin laannu jajamuuf jennee,

    Nama gammachiisuuf malee.

    Waaqni inni hunda ʼlaalu,

    Isa dha kan nuu kaffalu.

    Gara laafoon ni gammadu,

    Waaqa duratti bareedu.

(Dabalataan, Mat. 6:2-4, 12-14 ilaali.)