Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 21

Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaa

Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaa

(Maatewos 6:33)

  1. 1. Mootummaan Kiristoos bulchu,

    Yihowaa garaa ciibsa;

    Waan hundumaa sirreessuudhaan,

    Baayʼee ʼsa gammachiisa.

    (BUUSAA)

    Mootummaa Waaqaa barbaadi;

    Qajeelummaasaas dursi.

    Garaadhaa tajaajiluudhaan,

    Ulfinasaa beeksisi.

  2. 2. Ni beelofna, ni dheebonna

    Jennee maaliif dhiphanna?

    Waaqni keenya nuuf qopheessa

    Dursinaan Mootummaasaa.

    (BUUSAA)

    Mootummaa Waaqaa barbaadi;

    Qajeelummaasaas dursi.

    Garaadhaa tajaajiluudhaan,

    Ulfinasaa beeksisi.

  3. 3. Misiraachicha lallabi.

    Qajeeloo hubachiisi,

    Abdiinsaanii Yihowaa fi

    Bittaasaa taʼuu ibsi.

    (BUUSAA)

    Mootummaa Waaqaa barbaadi;

    Qajeelummaasaas dursi.

    Garaadhaa tajaajiluudhaan,

    Ulfinasaa beeksisi.