Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 32

Yihowaa Deggeri!

Yihowaa Deggeri!

(Baʼuu 32:26)

  1. 1. Burjaajofnee fi gaddinee turre,

    Xoofoo amantii sobaarraa dhugnee;

    Waaʼee Mootummaa Waaqaa dhageenyee

    Gammachuudhaan guutamne.

    (BUUSAA)

    Yihowaa deggeri; itti gammadi.

    Ifasaatiin deemi; jira si maddii.

    Misiraachoo nagaaf birmaduu himi.

    Babalʼachaa deema bulchiinsi samii.

  2. 2. Yihowaaf dhaabbanna waliin taanee,

    Misiraachicha hundaaf lallabnee,

    Amma dha yeroonsaa murtoo gochuuf,

    Waaqa keenya deggeruuf.

    (BUUSAA)

    Yihowaa deggeri; itti gammadi.

    Ifasaatiin deemi; jira si maddii.

    Misiraachoo nagaaf birmaduu himi.

    Babalʼachaa deema bulchiinsi samii.

  3. 3. Hin sodaannu hojiiwwan Seexanaa.

    Yoomiyyuu Yihowaattʼ amanamna.

    Isaan hedduu dha nuti muraasa,

    Taʼus Waaqni nu cimsa.

    (BUUSAA)

    Yihowaa deggeri; itti gammadi.

    Ifasaatiin deemi; jira si maddii.

    Misiraachoo nagaaf birmaduu himi.

    Babalʼachaa deema bulchiinsi samii.

(Dabalataan, Far. 94:14; Fak. 3:5, 6; Ibr. 13:5 ilaali.)