Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 42

Kadhannaa Tajaajilaa Waaqayyoo

Kadhannaa Tajaajilaa Waaqayyoo

(Efesoon 6:18)

  1. 1. Waaqa guddaa, Yihowaa Olaanaa,

    Maqaan kee akka qulqullaaʼu feena.

    Akka taʼu goota waan hunda.

    Mootummaa kee fiduuf yeroo qabda;

    Akka dhufu kadhanna;

    Eebba fidu eegganna.

  2. 2. Galatoomi eebba guyyaa guyyaaf;

    Kennaa gaarii sirraa argannu hundaaf.

    Burqaa jireenyaa fi ifaa ti;

    Beekumsaaf ogummaa laatta ati.

    Jaalala kee ni beekna;

    Galata siif galchina.

  3. 3. Sirna kana keessa ni rakkanna;

    Abdiif jajjabina sirraa barbaanna.

    Baʼaa keenya sirratti ganna.

    Cimuuf nuu kenni fedhiif jabina.

    Waadaa siif ajajamuuf

    Galle eeguu barbaanna.