Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 62

Faarfannaa Isa Haaraa

Faarfannaa Isa Haaraa

(Faarfannaa 98)

  1. 1. Faarsaa Waaqayyoon, faarfannaa jabaaf haaraadhaan.

    Waan guddaa hojjeteef hojjetu himuudhaan.

    Irreesaa faarsaa; inni Waaqa mo’ichaa ti.

    Qajeelaa waan taʼeef,

    Haqaan kenna murtii.

    (BUUSAA)

    Faarfadhaa!

    Faarfadhaa garaadhaa!

    Faarfadhaa!

    Yihowaan Mootii dha.

  2. 2. Waaqayyo keenya ilillee guddaadhaan faarsaa!

    Ulfina kennaafii, ol kaasaa maqaasaa.

    Namoota hedduu wajjin Gooftaa ni faarfanna.

    Baganaa, faaggaa fi

    Malakataan jajna.

    (BUUSAA)

    Faarfadhaa!

    Faarfadhaa garaadhaa!

    Faarfadhaa!

    Yihowaan Mootii dha.

  3. 3. Gammachuun faarsaa, galaanniif uumamni keessaa,

    Uumamawwan kaanis sagalee guddisaa!

    Lafti gammadi, lageewwanis haa ililchan!

    Uumaa keessan faarsaa

    Gaarri, tulluuf dachaan!

    (BUUSAA)

    Faarfadhaa!

    Faarfadhaa garaadhaa!

    Faarfadhaa!

    Yihowaan Mootii dha.

(Dabalataan, Far. 96:1; 149:1; Isa. 42:10 ilaali.)