Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 83

“Manaa Gara Manaatti”

“Manaa Gara Manaatti”

(Hojii Ergamootaa 20:20)

  1. 1. Manaa gara manaa deemna,

    Dubbicha lallabna.

    Magaalaattis baadiyyaattis

    Hoolota barbaanna.

    Akkuma Yesuus dubbate,

    Addunyaa maratti

    Mootummicha labsaa jiru

    Kan dhagaʼan marti.

  2. 2. Manaa gara manaa deemna,

    Fayyina lallabna.

    Fayyuuf garuu dirqama dha

    Maqaa Waaqaa waamuun.

    Maqaasaa akkamiin waamu

    Waaqa beekuu baannaan?

    Maqicha beeksisuu qabna,

    Mana hunda dhaqna.

  3. 3. Kanaaf mana namaa deemna

    Misiraachoo himna.

    Fudhatanis nu didanis,

    Filannoo kennina.

    Maqaa Waaqaa itti himna,

    Dhugaasaa beeksisna.

    Manaa gara manaa deemna,

    Hoolota arganna.

(Dabalataan, HoE. 2:21; Rom. 10:14 ilaali.)