Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Faarfannaa 137

Ija Jabina Nuu Kenni

Ija Jabina Nuu Kenni

(Hojii Ergamootaa 4:29)

  1. Waaʼee kee yeroo dubbannu,

    Maqaa kee yeroo himnu

    Namoonni hedduun nu mormu

    Nu salphisuus ni yaalu.

    Nama sodaachuu mannaa,

    Nuuf mala siif ajajamna.

    Hafuura kee nuu laadhu maaloo;

    Nu dhagaʼi si kadhanna.

    (WALLEE)

    Sodaa nu irraa balleessii;

    Akka siif dhugaa baanu.

    Addunyaan akka dhagaʼu

    Ija jaboo haa taanu.

    Armaagedoon dhihaateera,

    Hammasitti ni lallabna,

    Sodaa nu irraa balleessi

    Sitti ’yyanna.

  2. Sodaan nutti dha gaʼamus,

    Nuti biyyoo dha beektaa.

    Waadaan nu deggeruuf galte

    Amansiisaa dha kattaa.

    Ariʼatamaaf ceephoo

    Doorsisa namaas ilaali.

    Maqaa keetiin yeroo lallabnu

    Haa jabaannu nu gargaari.

    (WALLEE)

    Sodaa nu irraa balleessii;

    Akka siif dhugaa baanu.

    Addunyaan akka dhagaʼu

    Ija jaboo haa taanu.

    Armaagedoon dhihaateera,

    Hammasitti ni lallabna,

    Sodaa nu irraa balleessi

    Sitti ’yyanna.

(Dabalataan 1 Tas. 2:2; Ibr. 10:35 ilaali.)