Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Namoonni Miiliyoona 6 Taʼan KOOVIIDIIN Duʼaniiru—Kana Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Namoonni Miiliyoona 6 Taʼan KOOVIIDIIN Duʼaniiru—Kana Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Akka Dhaabanni Fayyaa Addunyaa jedhetti, hanga Caamsaa 23, 2022​tti, namoonni miiliyoona 6.27 taʼan dhibe KOOVIID-19n duʼaniiru. Haa taʼu malee, akka gabaasni oduu Caamsaa 5, 2022​tti baʼe ibsetti, Dhaabanni Fayyaa Addunyaa lakkoofsi isaa kana irra baayʼee akka caalu tilmaama. Bara 2020 fi 2021​tti, “namoonni dhibee weerara KOOVIID-19n kallattiidhaanis taʼe karaa al kallattii taʼeen duʼan . . . miiliyoota 14.9 akka taʼe tilmaamama.” Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun waaʼee balaa baayʼee nama gaddisiisu kanaa waan dubbatu qabaa?

Kitaabni Qulqulluun waaʼee golfaawwan namoota ajjeessanii dubbateera

  •    Yesuus yeroo “guyyoota dhumaa” jedhamee waamamutti, dhaʼichi ykn dhukkubni daddarbaan ykn “golfaan” akka uumamu raajii dubbateera.—Luqaas 21:11; 2 Ximotewos 3:1.

 Raajiin Yesuus dubbate yeroo harʼaatti raawwatamaa jira. Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf, mata duree “Mallattoon ‘Guyyoota Dhumaa’ ykn ‘Bara Dhumaa’ Maalidha?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

Kitaabni Qulqulluun yaada nama jajjabeessu kenna

  •    “[Waaqni] jajjabina hundaa . . . rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessa.”—2 Qorontos 1:3, 4.

 Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban hedduun, ergaa Kitaaba Qulqulluu irraa jajjabina argataniiru. Dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata dureewwan “Gadda Kee Dandamachuuf—Tarkaanfiiwwan Amma Fudhachuu Dandeessu,” akkasumas “Gargaarsa Hunda Irra Caaluu fi Namoota Gaddi Irra Gaʼeef Taʼu” jedhan akka dubbistu si jajjabeessina.

Kitaabni Qulqulluun furmaanni bara baraa akka jiru ibsa

  •    “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.”—Maatewos 6:10.

 Dhiheenyatti “Mootummaan Waaqayyoo” abdiin, “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu” jedhu akka raawwatamu godha. (Maarqos 1:14, 15; Isaayyaas 33:24) Waaʼee bulchiinsa samii kanaa fi wanta inni raawwatu beekuuf viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha? jedhu akka daawwattu si jajjabeesisna.

 Atii fi maatiin kee gorsa gaarii fi abdii dinqisiisaa Kitaabni Qulquluun kennu irraa fayyadamuu akka dandeessaniif, waaʼee Kitaaba Qulqulluu caalaatti akka barattan isin affeerra.