Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FPG/The Image Bank via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Namoonni siyaasaa Armaagedoon dhiheenyatti akka dhufu akeekkachiisaniiru—Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Namoonni siyaasaa Armaagedoon dhiheenyatti akka dhufu akeekkachiisaniiru—Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

 Onkoloolessa 10, 2022, Wiixata ganama, Raashiyaan miidhaa guyyaa lama dura riqicha guddaa Kiraaymiyaa fi Raashiyaa wal qunnamsiisurra gaʼeef haaloo baʼuuf magaalota Yuukreen hedduu miisaaʼeliidhaan rukutte. Kun kan taʼe namoonni siyaasaa Armaagedoon dhiheenyatti akka dhufu erga akeekkachiisanii yeroo muraasa boodadha.

  •   “Bara [Pireezidaantii Ameerikaa Joon F.] Keeneedii fi Kuubaa gidduutti waraanni miisaʼelii geggeeffame booda Armaagedoon akkas dhihaatee hin beeku. . . . Meeshaa niwukilarii fayyadamanii waraanni Armaagedoon hin dhufu jechuun waan dandaʼamu natti hin fakkaatu.”—Joo Baayidan, Pireezidaantii Ameerikaa, Onkoloolessa 6, 2022.

  •   “Kun Armaagedoon akka taʼe irrattan walii gala, guutummaa pilaaneetii keenya balaadhaaf kan saaxiluudha.”—Yaada Pireezidaantii Yuukreen kan taʼan Vilaadimiir Zeleniskiin, miidhaa meeshaa niwukilarii fayyadamuun qabu ilaalchisee kennan, Oduu BBC, Onkoloolessa 8, 2022.

 Meeshaa niiwkulariitti fayyadamuun Armaagedoon akka eegalu gochuu dandaʼaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Meeshaa niiwkulariitti fayyadamuun Armaagedoon akka eegalu gochuu dandaʼaa?

 Lakki. Jechi “Armaagedoon” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessaa Mulʼata 16:16 qofarratti argama. Jechi kun waraana saboota gidduutti godhamu utuu hin taʼin, waraana Waaqayyoo fi “mootota guutummaa lafaa” gidduutti geggeeffamu argisiisa. (Mulʼata 16:14) Waaqayyo bulchiinsa ilmaan namootaa balleessuuf waraana Armaagedoonitti fayyadama.—Daaniʼel 2:44.

 Waraanni Armaagedoon lafa irratti jijjiirama akkami akka fidu beekuuf mata duree Waraanni Armaagedoon Maali Dha? jedhu akka dubbistu si jajjabeessina

Laftii fi namoonni ishiirra jiran niwukilariidhaan ni balleeffamuu?

 Lakki. Bulchitoonni gara fuulduraatti niwukilarii fayyadamuu kan dandaʼan taʼus, Waaqayyo lafti akka balleeffamtu matumaa hin heyyamu. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:

  •   “Lafti . . . bara baraaf jiraatti.”—Lallaba 1:4.

  •   “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.”—Faarfannaa 37:29.

 Haataʼu malee, raajiin Kitaaba Qulqulluu fi wantoonni yeroo harʼaatti raawwatamaa jiran yeroo seenaan ilmaan namootaa itti jijjiiramurra akka geenye argisiisu. (Maatewos 24:3-7; 2 Ximotewos 3:1-5) Barumsa Kitaaba Qulqulluu mareedhaan tola kennamu irraa Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee maal akka jedhu baradhu.