Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Halfpoint Images/Moment via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Abbaan Taayitaa Tokko Weebsaayitiin Hawaasaa Ijoollee Akka Miidhu Akeekkachiisan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Abbaan Taayitaa Tokko Weebsaayitiin Hawaasaa Ijoollee Akka Miidhu Akeekkachiisan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Caamsaa 23, 2023​tti abbaan taayitaa eegumsa fayyaa Yuunaayitid Isteetis tokko weebsaayitiin hawaasaa ijoollee hedduurratti dhiibbaa gaarii hin taane geessisaa akka jiru uummata akeekkachiisaniiru.

  •   “Weebsaayitiin hawaasaa ijoollee fi dargaggoota tokko tokko fayyaduu kan dandaʼu taʼus, fayyummaa sammuu fi nageenya isaanii balaadhaaf saaxiluu akka dandaʼu wantoonni argisiisan hedduun jiru.”—Social Media and Youth Mental Health: The U.S. Surgeon General’s Advisory, 2023.

 Akeekkachiisni kun qorannoowwan dhimmi kun nu yaaddessuu kan qabu maaliif akka taʼe ibsan qabateera.

  •    Ijoolleen waggaa 12 hanga 15 gidduu jiranii fi “weebsaayitii hawaasaa fayyadamuudhaan guyyaatti saʼaatii 3 ol dabarsan ijoollee kaan caalaa dhiphina sammuu fi yaaddoo dabalatee carraan rakkina sammuutiif itti saaxilaman baayʼee dabala.”

  •   Ijoolleen waggaa 14 taʼanii fi “weebsaayitii hawaasaatti caalaatti fayyadaman yeroo baayʼee hirriiba gaarii hin rafan, intarneetiidhaan doorsisni isaan mudata, bifa isaanii hin jaallatan, gad aantummaan isaanitti dhagaʼama, akkasumas dhiphina sammuutiin qabamu. Ijoollee dhiiraa caalaa ijoolleen durbaa rakkina kanaaf saaxilamu.”

 Warri balaawwan kanarraa ijoollee isaanii eeguu kan dandaʼan akkamitti? Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii kenna.

Wanta warri gochuu dandaʼan

 Tarkaanfii fudhadhaa. Warra waan taataniif, balaa qaburratti yaaduudhaan ijoolleen keessan weebsaayitii hawaasaatti fayyadamuu qabumoo hin qaban kan jedhu murteessaa.

 Ijoolleen keessan weebsaayitii hawaasaa akka fayyadaman isaaniif heyyamtaniittu taanaan balaa geessisuu dandaʼu hubachuuf, akkasumas wanta isaan weebsaayitii hawaasaatti fayyadamanii raawwatan beekuuf yaalaa. Kana gochuu kan dandeessan akkamitti?

 Ijoolleen keessan wantoota miidhaa geessisan akka hin ilaalle eegaa. Wantoota miidhaa geessisan akka beekanii fi akka irraa fagaatan isaan leenjisaa.

 Daangaa kaaʼaa. Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan weebsaayitii hawaasaatti kan fayyadaman yoomii fi yeroo hammamiitiif akka taʼe seera baasaa.

  •   Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Kan deddeebitan . . . akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—Efesoon 5:15, 16.

  •   Ijoolleen keessan daangaa kaaʼuun maaliif akka barbaachise akka hubatan gargaaruuf animeeshinii gabatee adii kanatti fayyadamaa: Weeb Saayitii Hawaasaa Yeroo Fayyadamtu Hubannaa Qabaadhu