Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Maark Saandarsan inni Miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Raashiyaatiin akka baʼe beeksise. Babalʼistoonni biyyoota hedduu keessa jiraatan saganticha hordofaniiru: (Suuraan olitti argamu gubbaadhaa jalqabee bitaadhaa gara mirgaatti) Yuukreen; Laatiiviyaa; Astaanaa, Kaazaakistaan; fi Almaatii, Kaazaakistaan

CAAMSAA 31, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA

Hiikni Addunyaa Haaraa Guutuun Isaa Afaan Mallattoo Raashiyaatiin Baʼe

Hiikni Addunyaa Haaraa Guutuun Isaa Afaan Mallattoo Raashiyaatiin Baʼe

Caamsaa 27, 2023, Obboleessi Maark Saandarsan inni Miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe Hiikni Addunyaa Haaraa guutuun isaa yeroo jalqabaatiif Afaan Mallattoo Raashiyaatiin akka baʼe beeksise. Sagantaa qaamaan godhame kana irratti namoonni 148 argamaniiru. Dabalataanis namoonni 5,000 taʼan biyyoota 15 keessaa sagantichi yeroo darbu hordofaniiru ykn sagantaa waraabame dhaggeeffataniiru. Kitaabni haaraan kun jw.org fi appilikeeshinii JW Library Afaan Mallattoo irratti argama.

Obboleessi gurrisaa hin dhageenye tokko akkana jedheera: “Kitaaba Qulqulluu afaan mallattoo yeroon ilaalu, Yesuus dhiphina namootaatiif yaaddoo isatti dhagaʼamu ilaalaa akkan jirutti natti dhagaʼama. Kitaabni kun garaa koo baayʼee tuqeera!”

Kitaabni Qulqulluun Afaan Mallattoo Raashiyaatiin baʼuu isaa dura Dhugaa Baatonni gurri isaanii hin dhageenye hedduun Kitaaba Qulqulluu Afaan Raashiyaa isa maxxanfametti fayyadamu turan. Haa taʼu malee, Afaan Mallattoo Raashiyaa ibsa baayʼee kennuu waan gaafatuuf babalʼistoonni tokko tokko yaadawwan hiika isa maxxanfamerra jiran hubachuun itti ulfaata ture.

Fakkeenyaaf, seenaa 1 Mootota 17 irratti dubartiin abbaan manaa irraa duʼee fi Saraaptaa jiraattu ishii fi ilmi ishii erga nyaatanii booda akka duʼan Eeliyaas raajichatti akka dubbatte ibsa. Babalʼistoonni gurri isaanii hin dhageenye tokko tokko jechi kun nyaanni dubartii abbaan manaa irraa duʼe kanaa akka mancaʼe ykn summaaʼe kan argisiisu akka taʼetti yaadu. Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Raashiyaa kun garuu nyaata isaanii isa xumuraa taʼuusaa akka gaariitti ibsa.

Afaan Mallattoo Raashiyaatti namoota biyyoota adda addaa fi aadaa gara garaa keessa jirantu fayyadama. Kanaafuu, hiiktonni jechoota naannoo gara garaatti beekamaniif xiyyeeffannaa kennaniiru. Hiiktota keessaa tokko akkana jedheera: “Mallattoon tokko naannoo tokkotti ‘cubbuu’ naannoo kan biraatti garuu ‘Waaqayyo’ jedhamee beekamuu dandaʼa. Kana malees, mallattoon naannoo tokkotti ‘barattoota’ argisiisuuf fayyadu naannoo kan biraatti hiika ‘dhuma’ ykn ‘hiyyeessa’ jedhu argisiisa. Warri garee hiikkaa keessa jirru mallattoo fi ibsawwan akka gaariitti beekaman fayyadamuuf yaalleerra.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Raashiyaa argachuu isaaniitti gammanneerra; Yihowaa isa kennaa gaarii kana isaaniif kennes ni galateeffanna.—Fakkeenya 10:22.